Dhimma ijoo ta'etti seeni


GARGAARSA NAMA TOKKOTIIN KITAABA QULQULLUU BARADHU

Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!

Barumsa Kitaaba Qulqulluu mareedhaan tola kennamu kana irratti gaaffiilee kanneeniif deebii argatta:

  • Jireenya koo keessatti gammachuu qabaachuu kanan dandaʼu akkamitti?

  • Hamminnii fi rakkinni ni badaa?

  • Namootan duʼaan dhabe deebiʼee nan argaa?

  • Waaqayyo dhuguma naaf yaadaa?

  • Kadhachuu kanan dandaʼu akkamitti? Waaqayyo akka na dhagaʼu hoo akkamittan beeka?

Tola Kennama

Kitaaba Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu! jedhamuu fi yoo si barbaachisa taʼe immoo Kitaaba Qulqulluu dabalatee guutummaan barumsichaa tolaan kennama.

Mijataa Dha

Barsiisaa tokkoo wajjin yeroo ykn bakka siif mijatutti qaamaan ykn intarneetiidhaan wal arguu dandeessa.

Dirqama Miti

Yeroo kamitti iyyuu dhaabuu dandeessa. Dirqamni si irra hin jiru.

Barumsi Kitaaba Qulqulluu kun kan si fayyadu akkamitti?

Barsiisaan tokko wanta Kitaabni Qulqulluun barsiisu mata duree mata dureedhaan akka barattu si gargaara. Barumsa kitaaba Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu! jedhamuun geggeeffamu kana irratti iraa jalaan barumsa Kitaaba Qulqulluu fi barumsichi akkamitti akka si gargaaru baratta. Caalaatti beekuuf viidiyoo kana ilaali ykn waaʼee barumsa kanaa gaafiiwwan yeroo baayʼee gafataman tokko tokko ilaali.

Barumsichi maal akka fakkaatu ilaaluu barbaaddaa?

Barumsawwan kana warra jalqabaa ilaali.

Jalqabuuf qophofteettaa?

Yeroo Barumsa Kitaaba Qulqulluu isa jalqabaa itti eegaltu filachuuf mallatticha tuqi.