Dhimma ijoo ta'etti seeni

Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Ibsi Irratti Kenname

Hiikkaa caqasoota ykn gaaleewwan Kitaaba Qulqulluu beekamoo taʼanii hubadhu. Yaada naannoo isaanii jiruu wajjin yeroo dubbistu seenaa isaanii hubachuuf yaali. Odeeffannoowwan dabalataatti fayyadamuudhaan hubannaa kee guddifadhu

Uumama 1:1​—“Waaqayyo Jalqabatti Bantiiwwan Waaqaa fi Lafa Uume”

Kutaa jalqabaa Kitaaba Qulqulluu kana irratti dhugaawwan barbaachisoo lamaan kamtu ibsame?

Baʼuu 20:12—“Abbaa Kee fi Haadha Keef Ulfina Kenni!”

Waaqayyo ajaja kenname irratti abdii kennuudhaan, sababii itti ajajamuu qaban dabalataa isaanitti himeera.

Iyyaasuu 1:9—“Cimi, Ija Jabaadhu”

Haalawwan rakkisoon isin mudachaa kan jiranii fi gufuuwwan humna keessanii ol taʼan fakkaatan isin dura jiraatanis akkamitti ija jabeeyyii fi cimoo taʼuu dandeessu?

Faarfannaa 23:4—“Ani Bowwaa Dukkanaaʼaa Sodaachisaa Keessa Yoon Adeeme Iyyuu”

Tajaajiltoonni Waaqayyoo yeroo haalawwan rakkisoon isaan mudatanitti illee gargaarsaa fi kunuunsa isaa argachuu kan dandaʼan akkamitti?

Faarfannaa 37:4—“Yihowaatti Baayʼee Gammadi”

Faarfannaan kun ogummaa argachuu fi namoota Waaqayyo biratti fudhatama argatan ta‵uuf kan nu gargaaru attamiti?

Fakkeenya 3:5, 6—“Hubannaa Ofii Keetiitti Hin Hirkatin!”

Of caalaa Waaqayyotti akka amanamtu argisiisuu kan dandeessu akkamitti?

Fakkeenya 16:3—“Wanta Raawwattu Hundumaa Yihowaatti Kennadhu”

Sababiiwwan lamaan ilmaan namootaa qajeelfamni Waaqayyoo itti isaan barbaachisu maalidha?

Fakkeenya 17:17​—“Michuu Dhugaan Yeroo Hundumaa Jaalala Argisiisa”

Fakkeenyi kun michuu dhugaan dhugumaan nama akkamii akka taʼe akka gaariitti ibsa.

Fakkeenya 22:6—“Daaʼima Karaa Inni Irra Deemuu Qabu Barsiisi”

“Daandii” daaʼimni tokko irra deemu qabu maalidha? Daandiin kun namaa gara namaatti garaa garadhaa?

Lallaba 3:11 ibsame—“Inni Wanta Hundumaa Yeroo Isaatti Bareechee Tolcheera”

Hojiiwwan Waaqayyoo bareedaa taʼan uumamawwan isaa caalaas kan dabalatudha. Kun kan si tuqu akkamitti?

Isaayaas 26:3—‘Warra Sitti Amanamaniif Nagaa Wal Irraa Hin Cinne Kennita’

Nagaa mudaa hin qabne argachuun ni dandaʼamaa? Nagaa wal irraa hin cinne argachuu jechuun maal jechuudha?

Isaayyaas 40:31—“ Warri Yihowaa abdatan garuu, humni isaanii ni haareffama”

Kitaabni Qulqulluun nama Waaqayyo irraa gargaarsa argate risaa rakkina tokko malee qilleensa keessa balaliʼutti kan fakkeesse maalif?

Isaayyaas 41:10—​“Ani Sii Wajjin Waanan Jiruuf hin Sodaatin!”

Yihowaan tajaajiltoota isaa amanamoo taʼan akka gargaaru isaaniif mirkaneessuuf ibsawwan sadiitti fayyadameera.

Isaayyaas 42:8—“Ani Waaqayyoo Dha”

Waaqayyo ofii isaatiif maqaa akkamii filate?

Ermiyaas 11:11​—“Ani Badiisa . . . Isaanitti Nan Fida”

Waaqayyo saba isaa irratti “badiisa” fidemoo badiisni akka isaan irra gaʼu heyyame?

Ermiyaas 29:11—“Yaada Ani Isiniif Yaade Anuma Duwwaatu Beeka”

Waaqayyo tokkoo tokkoon namaaf kallattiidhaan “yaada” ykn akeeka qabaa?

Ermiyaas 33:3—“Na Waammadhu, Anis Siifan Deebisa”

Waaqayyo namoota affeerraa isaa fudhataniif “wantoota guguddoo hubatamuu hin dandeenye” akka isaanitti mulʼisu waadaa galeera. Wantoota akkamii? Yeroo harʼaattis akkasumaa?

Miikiyaas 6:8 Ibsame—‘Gad of Qabuudhaan Waaqa Kee Wajjin Deddeebi’i’

Caqasni kun wantoota sadan bakka guddaa qabanii fi Waaqayyo nurraa barbaadu ibsa.

Maatewos 6:33—‘Hundumaa Dura Mootummicha Barbaadaaʼ

Yesuus Kiristiyaanonni wantoota jireenyaaf barbaachisan argachuuf hojjechuu hin qaban jechuu isaatii?

Maatewos 6:34​—“Waaʼee Boriitiif hin Yaaddaʼinaa”

Yesuus yeroo gara fuulduraatiif karoora baafachuu akka hin qabne dubbachuu isaa miti.

Maatewos 11:28-30—“Gara Koo Kottaa, Ani Boqonnaa Isiniif Nan Kenna”

Yesuus rakkoowwan hundi battalumatti akka hafan waadaa galleeraa?

Maarqos 1:15​—“Mootummaan Waaqayyoos Dhihaateera”

Yesuus yeroo sanatti Mootummichi bulchuu akka jalqabe dubbachuu isaa turee?

Maarqos 11:24—“Wanta Kadhattanii fi Gaafattan Hunda Akkuma Argattanitti Amanaa”

Gorsi Yesuus amantii fi kadhannaa ilaalchisee kenne rakkina yeroo harʼaa nu mudatu moʼuuf kan nu gargaaru akkamitti?

Luqaas 1:37—“Waaqayyoof Wanti Dadhabamu hin Jiru”

Qaamni wanta Waaqayyo dubbate ykn abdachiise akka hin raawwatamne dhorkuu dandaʼu tokko illee hin jiru. Kun nuuf hiika maalii qaba?

Luqaas 2:14—“Lafa Irrattis Namoota isa Biratti Fudhatama Argataniif Nagaan Haa Taʼu”

Jechoonni kun namoota yeroo har‵aa jiraniif hiika akkamii qabu?

Yohaannis 1:1—“Jalqaba Dubbichatu Ture”

Caqasni kun jireenya Yesuus Kiristoos nama taʼee gara lafaa dhufuu isaa dura qabu ibsa.

Yohaannis 3:16—‘Waaqayyo Addunyaa Baayʼee Jaallateera’

Yihowaan tokkoon tokkoon keenya akka jaallattuu fi jireenya bara baraa akka jiraannu akka barbaadu kan argisiise akkamitti?

Yohaannis 14:6—“Karaan, Dhugaanii fi Jireenyi Ana”

Namni Yihowaa waaqeffachuu barbaadu tokko gaʼee guddaa Yesuus qabu amanuu kan qabu maaliifi?

Yohaannis 14:27—“Ani Nagaa Isin Biratti Nan Dhiisa”

Yesuus duuka buutota isaa warra dhugaatiif nagaa akkamii dhiise ykn kenne? Nuti hoo nagaa kana argachuu kan dandeenyu akkamitti?

Ibsa Yohaannis 15:13 Irratti Kenname—‘Kana Caalaa Eenyu Iyyuu Jaalala Guddaa Qabaachuu hin Dandaʼu’

Duuka buutonni Yesuus jaalala inni argisiise hordofuu kan dandaʼan akkamitti?

Yohaannis 16:33—“Ani Addunyaa Moʼeera”

Jechoonni Yesuus duuka buutonni isaa Waaqayyoon gammachiisuu akka dandaʼan kan isaaniif mirkaneesse akkamitti?

Hojii Ergamootaa 1:8—“Humna ni Argattu”

Yesuus duuka buutota isaatiif humna akkamii kennuuf waadaa gale? Humni kun maal gochuuf isaan gargaara?

Roomaa 5:8—‘Utuma Cubbamoota Taanee Jirruu Kiristoos Nuuf Jedhee Duʼe’

Ilmaan namootaa ulaagaawwan Waaqayyootiin faallaa kan yaadanii fi kan raawwatan taʼanii utuu jiranii yeroo ammaatti Waaqayyoo wajjin hariiroo gaarii, gara fuulduraatti immoo jireenya bara baraa argachuu kan dandaʼan akkamitti?

Roomaa 6:23 ibsame—“Mindaan Cubbuun Kaffalu Duʼa dha; Kennaan Waaqayyo Kennu Garuu . . . Jireenya Bara Baraa ti”

Ilmaan namootaa cubbamoo taʼan fayyina argachuu kan hin dandeenye taʼus jireenya bara baraa Waaqayyo kennu fudhachuu dandeenya. Akkamitti?

Roomaa 10:13​—‘Maqaa Gooftaa Waammachuu’

Sanyiin isaanii, qomoon isaanii ykn iddoon hawaasa keessatti qaban maal iyyuu yoo taʼe, namoonni hundi akka fayyanii fi jireenya bara baraa akka argatan Waaqayyo carraa isaaniif baneera.

Roomaa 12:2—“Yaada Garaa Keessanii Haareffachuudhaan Of Diddiiraa”

Waaqayyo humnaan namoonni akka jijjiiraman godhaa?

Ibsa Roomaa 12:12—“Abdichatti Gammadaa. Rakkina Keessatti Jabaadhaa Dhaabbadhaa. Kadhannaatti Jabaadhaa”

Kiristiyaanonni ariʼatamanii fi rakkoowwan kan biroon utuma isaan irra gaʼu amanamoo taʼanii jiraachuu kan dandaʼan akkamitti?

Roomaa 15:13—“Waaqayyo Inni Abdii Kennu Gammachuu fi Nagaa guddaadhaan isin haa Guutu”

Amalawwan akka gammachuu fi nagaa jiran abdii fi hafuura qulqulluu wajjin walitti dhufeenya kan qaban akkamitti?

1 Qorontos 10:13—‘Waaqayyo Amanamaadha’

Yeroo qorumnutti Waaqayyoo Amanamummaa ta’uunsaa caalaati kan nu gargaaru akkamitti?

2  Qorontos 12:9—“Gaarummaan Koo Inni Guddaan Si Gaʼa”

Phaawulos gaarummaa Waaqayyoo irraa faayidaa guddaa kan argate akkamitti? Nutoo faayidaa argachuu kan dandeenyu akkamitti?

Galaatiyaa 6:9—“Kottaa Wanta Gaarii Taʼe Gochuutti hin Laafnu”

Kiristiyaanonni wanta gaarii hojjechuu isaanii itti fufan buʼaa akkamii argatu?

Efesoon 3:20—‘Waaqayyo Wantoota Nuti Gaafannu Yookiin Yaadnu Hundumaa Irra Hedduu Caalchisee Gochuu Dandaʼa’

Waaqayyo kadhannaa tajaajiltoonni isaa dhiheessaniif karaa kamiin deebii kenna?

Filiphisiyus 4:6, 7—“Waaʼee Waan Tokkoo Illee Hin Yaaddaʼinaa”

Tajaajiltoonni Waaqayyoo yaaddoo isaanii dagachuu fi tasgabbii keessaa argachuuf gosti kadhannaa isaan gargaaru kami dha?

Filiphisiyus 4:13—“Jabina Gooftaan Anaaf Kennuun Waan Hundumaa Gochuu Nan Dandaʼa”

Phaawulos ergamaan jabina “waan hundumaatiif” isa barbaachisu akka argatu yommuu dubbatu maal jechuu isaa ture?

Qolosaayis 3:23—“Wanta Hojjettan Hunda . . . Lubbuu Guutuudhaan Hojjedhaa”

Ilaalchi Kiristiyaanni tokko hojii isaatiif qabu hariiroo inni Waaqayyoo wajjin qabu kan tuqu akkamitti?

2 Ximotewos 1:7—“Waaqayyo . . . Hafuura Sodaa Nuuf hin Kennine”

Waaqayyo namni tokko sodaa akka mo’uu fi wanta sirrii ta’e akka raawwatu ija jabina kennuudhaan kan isa gargaaru akkamitti?

Ibroota 4:12—“Dubbiin Waaqayyoo Jiraataa Dha, Humna Hojjetus Of Keessaa Qaba”

Dubbiin Waaqayyoo jireenya kee irratti akka hojjetu ni heyyamtaa? Kun hoo waaʼee kee maal argisiisa?

Ibroota 11:1—“Wanta Abdatan Mirkanaaʼaa Taʼanii Eeggachuu Dha”

Amantiin dhugaan hammam cimaa dha? Barbaachisaa kan taʼe hoo hangami?

1 Pheexiros 5:6, 7—“Harka Waaqayyoo Isa Jabaa Jalatti Gad of Qabaa; . . . Yaaddoo Keessan Hundumaa Isa Irratti Gataa”

Yaaddoo keenya Waaqayyo ‘irratti gatuu’ jechuun maal jechuudha? Kun boqonnaa kan nuuf argamsiisu akkamitti?

Ibsa Mulʼata 21:1 Irratti Kenname—“Samii Haaraa fi Lafa Haaraa”

Kitaabni Qulqulluun yaada hiika caqasa kanaa hubachuuf nu gargaaru akkamii nuuf kenna?

Mulʼata 21:4 Ibsameera—“Inni Imimmaan Hundumaa Ija Isaanii Irraa ni Haqa”

Caqasni kun yeroo gara fuulduraa ilaalchisee abdii dinqisiisaa qabateera.