Dhimma ijoo ta'etti seeni

Walga’ii Gumii Dhugaa Baatota Yihowaa

Waa’ee walga’ii keenyaa baradhu. Galma walga’ii naannoo keetti dhihoo jiru barbaadi.

Iddoo Sitti Dhihaatu Barbaaddadhu (opens new window)

Walgaʼii Keenyarratti Maaltu Raawwatama?

Dhugaa Baatonni Yihowaa torbeetti al lama waaqeffannaadhaaf walitti qabamu. (Ibroota 10:24, 25) Walgaʼiiwwan namni kamiyyuu irratti argamuu dandaʼu kanarratti, wanta Kitaabni Qulqulluun barsiisuu fi akkamitti hojiirra oolchuu akka dandeenyu qorra.

Waaqeffannaan keenya baayʼinaan hirmaannaa dhaggeeffattootaa kan qabu yeroo taʼu, hirmaannaa mana barumsaatti kutaa keessatti godhamuu wajjin wal fakkaata. Walgaʼiiwwan kanarratti yaada kennuun dirqama miti. Walgaʼiiwwan kan jalqabanii fi kan xumuraman faarfannaa fi kadhannaadhaani.

Walgaʼiiwwan keenyarratti argamuuf Dhugaa Baatuu Yihowaa taʼuun sin barbaachisu. Namni kamiyyuu nu wajjin irratti argamuu dandaʼa. Ol seenuudhaaf kaffaltiin hin gaafatamu. Qarshiinis hin sassaabamu.