Dhimma ijoo ta'etti seeni

Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Ibsi Irratti kenname

Seera Uumamaa 1:26—‘Akka Bifa Keenyaatti Nama Haa Tolchinu’

Seera Uumamaa 1:26—‘Akka Bifa Keenyaatti Nama Haa Tolchinu’

 “Achiis Waaqayyo, ‘Akka bifa keenyaatti, akka fakkaattii keenyaattis nama haa tolchinu; isaanis qurxummii galaanaa, uumamawwan samii irra barrisan, beeladoota, guutummaa lafaa fi bineensota loʼan warra lafa irra sochoʼan hundumaa irratti aangoo haa qabaatan’ jedhe.”—Seera Uumamaa 1:26, Hiika Addunyaa Haaraa.

 “Waaqayyos, ‘Akka bifa keenyaatti, akka fakkeenya keenyaatti nama haa tolchinu: isaanis qurxummii galaana keessaa, allaattiiwwan qilleensa keessaa, horiiwwan, guutummaa lafaa fi wanta lafarra loʼu hundumaa irratti aboo haa qabaatan’ jedhe.”— Seera Uumamaa 1:26, Kiingi Jamsi Varshin.

Hiika Seera Uumamaa 1:26

 Namoonni akka bifa Waaqayyootti uumaman jechuun, amaloota Waaqayyo qabu kanneen akka jaalala, gara laafinaa fi haqaa argisiisuu akka dandaʼan godhamanii uumaman jechuu dha. Namoonni amaloota Waaqayyo qabu argisiisuu kan dandaʼan kanaafidha.

 “Waaqayyo: ‘akka bifa keenyaatti . .  . nama haa tolchinu’ jedhe.” Yihowaan a wanta kamiyyuu uumuu isaa dura, uumama hafuuraa humna guddaa qabuu fi yeroo booda Yesuus jedhame uume. Achiis ‘wantoota samii keessa jiranii fi lafa irra jiran hunda’ karaa Yesuus, jechuunis isatti fayyadamee uume. (Qolosaayis 1:16) Yesuus, Yihowaa waan fakkaatuuf, “fakkaattii Waaqayyo isa ijaan hin argamne sanaa” jedhameera. (Qolosaayis 1:15) Kanaaf, Waaqayyo Yesuusiin, ‘akka bifa keenyaatti nama haa tolchinu’ jechuun isaa sirrii dha.

 “Isaanis . . . guutummaa lafaa fi bineensota . . . hundumaa irratti aangoo haa qabaatan.” Bineensonni kan uumaman akka bifa Waaqayyootti miti. Wantoota ilmaan namootaa qofti qaban, kan akka jaalalaa fi qalbii hin qaban. Taʼus, Waaqayyo bineensota warra uumama isaa taʼaniifis ni yaada. Ilmaan namootaa bineensota kana irratti ‘aangoo akka qabaatan’ kan ajaje kanaafidha. Aangoo qabaachuun, ‘bulchuu’ (Niwu Intarnaashinaal Varshin) ykn ‘toʼachuus’ (Kooman Ingilish Baayibil) argisiisuu dandaʼa. Kanaaf Yihowaan, ilmaan namootaa bineensota akka kunuunsaniif itti gaafatamummaa isaaniif kenneera jechuu dha. (Faarfannaa 8:6-8; Fakkeenya 12:10) Yihowaan, ilmaan namootaa, lafaa fi wantoota ishiirra jiran hundumaa akka kunuunsan isaanirraa eega.

Yaada Naannoo Seera Uumamaa 1:26​tti Argamu

 Boqonnaawwan jalqabaa lamaan Kitaaba Seera Uumamaa irratti argaman, hawaa, pilaaneetiin keenyaa fi lubbu qabeeyyiin ishii irratti argaman akkamitti akka uumaman ibsu. Wanti Yihowaan uume hundi kan nama ajaaʼibu yeroo taʼu, keessumaa ilmaan namootaa immoo uumama lafa irraa keessaa baayʼee adda kan taʼanidha. Waaqayyo hojii uumamaa yeroo xumuretti, “wanta tolche hundumaa ni arge; kunoo, inni baayʼee gaarii ture.”—Seera Uumamaa 1:31.

 Waa‵ee wantoota Waaqayyoo uumee fi kitaaba Seera Uumamaa irratti argaman kanaa caalaatti beekuuf, viidiyoo gabaabaa kana ilaali.

Hubannaawwan Dogoggoraa Waaʼee Seera Uumamaa 1:26

 Hubannaa Dogoggoraa: Amaloota Waaqayyoo argisiisuu kan dandaʼan dhiirota qofadha malee dubartoota miti.

 Dhugaa Jiru: Jechi afaan Ingiliffaa, “man” jedhuu fi hiikawwan Kitaaba Qulqulluu afaan Ingiliffaa hedduu keessatti argamu, dubbistoonni ‘yaadni kun dhiirota qofa argisiisa’ jedhanii akka yaadan kan taasisu dha. Haataʼu malee, akka galumsa kanaatti, jechi afaan Ibrootaa isaa inni jalqaba ittiin barreeffame irratti argamu, dhiiraa fi dubartii kan argisiisu dha. Dhiironnis taʼan dubartoonni, amaloota Waaqayyoo calaqqisiisuu ni dandaʼu. Lamaan isaaniiyyuu isa duratti fudhatamas taʼe kennaa jireenya barabaraa kan argatan walqixxee dha.—Yohaannis 3:16.

 Hubannaa Dogoggoraa: Waaqayyo qaama qaama keenyaa wajjin wal fakkaatu qaba.

 Dhugaa Jiru: “Waaqayyo hafuura”—kana jechuun immoo, hawaa nuti keessatti argamnu keessa hin jiraatu jechuudha. (Yohaannis 4:24) Kitaabni Qulqulluun yeroo tokko tokko, Waaqayyo fuula, harka, garaa fi wantoota kana fakkaatan akka qabu kan ibsu taʼus, wantoonni kun wantoota karaa namoonni hubachuu dandaʼaniin waa‵ee Waaqayyoo ibsuuf gargaaranidha.—Seera Baʼuu 15:6; 1 Pheexiros 3:12.

 Hubannaa Dogoggoraa: Seerri Uumamaa 1:26 Yesuus Waaqayyo akka taʼe ibsa.

 Dhugaa Jiru: Waaqayyoo fi Yesuus hariiroo akka abbaa fi ilmaa kan qabanidha malee lamaan isaaniiyyuu qaama tokko miti. Yesuus, Waaqayyo akka isa caalu barsiiseera. (Yohaannis 14:28) Odeeffannoo dabalataa argachuuf, viidiyoo Yesuus Kiristoos Waaqayyodhaa? jedhu ilaali, ykn mata duree, “Yesuus Ilma Waaqayyoo Kan Jedhame Maaliifi?” jedhu dubbisi.

 Waaʼee kitaaba Seera Uumamaa gabaabumatti hubachuudhaaf, viidiyoo gabaabaa kana ilaali.

a Yihowaan maqaa dhuunfaa Waaqayyo ittiin beekamudha. (Faarfannaa 83:18) Mata duree, “Yihowaan Eenyu?” jedhu ilaali.