Dhimma ijoo ta'etti seeni

Kitaabni Qulqulluun Gaaʼela Saala Wal Fakkaatu Gidduutti Hundeeffamu Ilaalchisee Maal Jedha?

Kitaabni Qulqulluun Gaaʼela Saala Wal Fakkaatu Gidduutti Hundeeffamu Ilaalchisee Maal Jedha?

Deebii Kitaaba Qulqulluu

 Mootummoonni seera baasuu jalqabuu isaanii yeroo dheeraa dura uumaan keenya seera gaaʼelli ittiin geggeeffamu tumeera. Kutaan Kitaaba Qulqulluu inni jalqabaa akkana jedha: “Dhiirri abbaa isaa fi haadha isaa in dhiisa, haadha manaa isaattis in maxxana; isaan lachanuus foon tokko in taʼu.” (Uumama 2:24) Galmeen jechoota Kitaaba Qulqulluu Vaayin qopheesse inni Expository Dictionary of Biblical Words jedhamu akka ibsetti, jechi Afaan Ibrootaa “haadha manaa” jedhamee hiikame, [nama koorniyaan ishii dubartii taʼe argisiisa] ‘dubartii takka kan argisiisu dha.’ Yesuusis, namoonni gaaʼelaan walitti hidhaman “dhiiraa fi dubartii” taʼuu akka qaban mirkaneesseera.—Maatewos 19:4.

 Kanaafuu, kaayyoon Waaqayyoo, gaaʼelli walitti dhufeenya dhaabbataa fi cimaa dhiira tokkoo fi dubartii takka gidduutti uumamu akka taʼuuf ture. Dhiironnii fi dubartoonni hirʼina walii isaanii akka guutan godhamanii uumaman; kanaafuu fedhii miiraa fi qunnamtii saalaa, akkasumas fedhii ijoollee godhachuu qaban walii isaaniitiif guutuu ni dandaʼu.