Dhimma ijoo ta'etti seeni

Haroon Ibiddaa Maali Dha? Siʼool ykn Gahaannam Wajjin Tokkoo?

Haroon Ibiddaa Maali Dha? Siʼool ykn Gahaannam Wajjin Tokkoo?

Deebii Kitaaba Qulqulluu

 Haroon ibiddaa mallattoo badiisa bara baraa argisiisu dha. Gahaannam wajjin tokko dha; garuu Siʼool isa awwaalcha ilmaan namootaa hunda argisiisu irraa adda dha.

Kallattiidhaan haroo miti

 Caqasoonni Kitaaba Qulqulluu waaʼee “haroo ibiddaa” dubbatan shanan haroon ibiddaa kun kallattiidhaan haroo osoo hin taʼin fakkeenya akka taʼe argisiisu. (Mulʼata 19:20; 20:10, 14, 15; 21:8) Qaamoleen armaan gadii gara haroo ibiddaatti darbatamu:

Mallattoo badiisa bara baraa argisiisu

 Kitaabni Qulqulluun haroon ibiddaa “duʼa isa lammaffaa argisiisa” jedha. (Mulʼata 20:14; 21:8) Gosti duʼaa inni tokkoffaan Kitaaba Qulqulluu keessatti ibsame duʼa sababa cubbuu Addaamiin dhufe dha. Duuti kun duʼaa kaʼuudhaan injifatama, yeroo booda immoo Waaqayyo isa ni balleessa.—1 Qorontos 15:21, 22, 26.

Haroo ibiddaa fakkeenyaan ibsame keessaa baʼuun hin dandaʼamu

 Haroon ibiddaa gosa duʼaa kan biraa ykn isa lammaffaa argisiisa. Kunis guutummaatti jireenyaan ala taʼuu kan argisiisu taʼus, Kitaabni Qulqulluun duuti inni lammaffaan duʼaa kaʼuu akka qabu waan hin dubbanneef adda dha. Fakkeenyaaf, Kitaabni Qulqulluun Yesuus ‘furtuu duʼaatii fi kan Siʼool,’ jechuunis cubbuu karaa Addaam dhufe irraa namoota bilisa baasuuf aangoo akka qabu dubbata. (Mulʼata 1:18; 20:13, Hiikkaa Waltaʼaa Haaraya) Haa taʼu malee, Yesuusis taʼe qaamni kan biraa kam iyyuu furtuu haroo ibiddaa hin qaban. Haroon fakkeenyaan ibsame kun adaba bara baraa badiisa bara baraatiin kennamu argisiisa.—2 Tasalonqee 1:9.

Gahaannam, jechuunis Sulula Hinoom wajjin tokko dha

 Jechi Gahaannam (Afaan Giriikiitiin geenaa) jedhu Kitaaba Qulqulluu isa jalqabaa harkaan barreeffame keessatti siʼa 12 argama. Gahaannam akkuma haroo ibiddaa mallattoo badiisa bara baraa argisiisu dha. Hiikkaawwan tokko tokko jecha kana “siʼool” jedhanii kan hiikan taʼus, Gahaannam siʼool (Afaan Ibrootaatiin shiiʼol, Afaan Giriikiitiin haadis) irraa adda dha.

Sulula Hinoom

 Jechi “Gahaannam” jedhu kallattiidhaan “Sulula Hinoom” jechuu yeroo taʼu, sulula Yerusaalemii alatti argamu tokko argisiisa. Bara duriitti jiraattonni magaalattii sulula kanatti balfaa gatuuf itti fayyadamu turan. Balfaa achitti gubuuf yeroo hunda ibidda qabsiisu turan; raammoon immoo kan ibiddicha irraa hafe nyaata ture.

 Yesuus badiisa bara baraa fakkeenyaan ibsuuf jecha Gahaannam jedhutti fayyadameera. (Maatewos 23:33) Gahaannam keessatti “raammoon isaa hin duʼu, ibiddi isaas hin dhaamu” jedheera. (Maarqos 9:47, 48) Haala Sulula Hinoom keessa jiruu fi raajii Isaayyaas 66:24 irratti argamu kan caqase kanaafi; caqasichi akkana jedha: “Isaanis gad baʼanii reeffa namoota na irratti fincilan sanaa ni ilaalu; raammoon isaan irra jiru hin duʼu,ibiddi isaaniis hin dhaamu.” Fakkeenyi Yesuus dhiphina osoo hin taʼin guutummaatti balleeffamuu kan argisiisu dha. Raammoo fi ibiddi nama lubbuudhaan jiru osoo hin taʼin reeffa nama duʼee nyaata.

 Kitaabni Qulqulluun namni kam iyyuu Gahaannam keessaa baʼuu akka dandaʼu hin dubbatu. “Haroon ibiddaa” fi ‘ibiddi Gahaannam’ bara baraaf balleeffamuu argisiisa.—Mulʼata 20:14, 15; 21:8; Maatewos 18:9.

‘Baraa hamma bara baraatti halkanii fi guyyaa kan dhiphatan’ akkamitti?

 Haroon ibiddaa mallattoo badiisaa erga taʼee Kitaabni Qulqulluun Diyaabilos, bineensichii fi raajii sobduun achi keessatti “baraa hamma bara baraatti halkanii fi guyyaa dhiphatu” kan jedhu maaliifi? (Mulʼata 20:10) Ragaawwan dhiphinni kun kallattiidhaan dhiphina akka hin taane argisiisan afur haa ilaallu:

  1.   Diyaabilos bara baraaf dhiphachuuf bara baraaf lubbuudhaan jiraachuu qaba. Haa taʼu malee, Kitaabni Qulqulluun Diyaabilos akka balleeffamu ykn jireenyaan ala akka taʼu dubbata.—Ibroota 2:14.

  2.   Bara baraaf jiraachuun kennaa Waaqayyooti malee adaba miti.—Roomaa 6:23.

  3.   Bineensichii fi raajii sobduun sun fakkeenya waan taʼaniif, kallattiidhaan bara baraaf dhiphachuu hin dandaʼan.

  4.   Akkaataan Kitaabni Qulqulluun jecha kanatti itti fayyadamu Diyaabilos bara baraaf akka ittifamu ykn akka balleeffamu argisiisa.

 Jechi Kitaaba Qulqulluu keessatti ‘dhiphachuu’ jedhame ‘ittifamuu’ jechuus taʼuu dandaʼa. Fakkeenyaaf, jechi Afaan Giriikii Maatewos 18:34 irratti ‘warra dhiphisan’ jedhamee hiikame, hiikkaawwan hedduu keessatti “waardiyyoota mana hidhaa” jedhamee hiikameera; kunis jechoonni ‘dhiphisuu’ fi ‘ittisuu’ jedhan walitti dhufeenya akka qaban argisiisa. Seenaa wal fakkaataan Maatewos 8:29 fi Luqaas 8:30, 31 irratti argamu ‘dhiphinni,’ “qilee” isa bakka fakkeenyaa guutummaatti sochiidhaan ala taʼuu ykn duʼuu argisiisu wajjin akka wal fakkaatu ibsa. (Roomaa 10:7; Mulʼata 20:1, 3) Kitaabni Mulʼataa jecha ‘dhiphachuu’ jedhu akka fakkeenyaatti itti fayyadama.—Mulʼata 9:5; 11:10; 18:7, 10.