Dhimma ijoo ta'etti seeni

Mootummaan Waaqayyoo Maali Dha?

Mootummaan Waaqayyoo Maali Dha?

Deebii Kitaaba Qulqulluu

 Mootummaan Waaqayyoo bulchiinsa dhugaa Waaqni keenya Yihowaan hundeesse dha. “Mootummaan Waaqayyoo” samii irraa waan bulchuuf, Kitaaba Qulqulluu keessatti “mootummaa samii” jedhamees waamameera. (Maarqos 1:14, 15; Maatewos 4:17) Wantoonni bulchiinsa ilmaan namootaa wajjin wal isa fakkeessan hedduun jiraatanis, karaa hundumaan bulchiinsa namootaa irra kan caalu dha.

  •   Bulchitoota. Waaqayyo Yesuus Kiristoos Mootii Mootummichaa akka taʼuuf kan isa muude siʼa taʼu, aangoo bulchaan nama taʼe qabu kam irra iyyuu caalu isaaf kenneera. (Maatewos 28:18) Yesuus humna isaa kana waan gaarii hojjechuuf qofa itti fayyadama; yeroo lafa irra turetti geggeessaa itti amanamuun dandaʼamuu fi gara laafessa taʼuu isaa argisiiseera. (Maatewos 4:23; Maarqos 1:40, 41; 6:31-34; Luqaas 7:11-17) Yesuus qajeelfama Waaqayyootiin saba hundumaa keessaa namoota ‘mootota taʼanii lafa irratti isaa wajjin bulchan’ filateera.—Mulʼata 5:9, 10.

  •   Yeroo Itti Bulchu. Mootummaan Waaqayyoo bulchiinsa ilmaan namootaa harʼa argamee bor badu irraa haala adda taʼeen ‘matumaa hin badu.’—Daaniʼel 2:44.

  •   Bitamtoota. Namni wanta Waaqayyo isa irraa barbaadu raawwatu kam iyyuu, sanyiin isaa maal iyyuu yoo taʼe ykn iddoon dhalootaa isaa eessa iyyuu yoo taʼe Mootummaa Waaqayyoo jalatti buluu ni dandaʼa.—Hojii Ergamootaa 10:34, 35.

  •   Seera. Seerri (ykn ajajni) Mootummaa Waaqayyoo amalawwan gaggadhee dhorkuu irratti qofa kan xiyyeeffatu miti. Bitamtoonni isaa amalawwan gaggaarii akka horatanis kan godhu dha. Fakkeenyaaf, Kitaabni Qulqulluun akkana jedha: “‘Waaqa kee Yihowaa garaa kee guutuudhaan, lubbuu kee guutuudhaan, sammuu kee guutuudhaan jaalladhu.’ Kun ajaja isa hunda irra caaluu fi isa duraa ti. Ajajni inni lammataas kanaa wajjin wal fakkaata; innis, ‘Nama akka ofii keetti jaalladhu’ jedha.” (Maatewos 22:37-39) Waaqaa fi namoota jaallachuun namoonni Mootummaa Waaqayyoo jalatti bulan fedhii warra kaaniitiif dursa akka kennan godha.

  •   Barumsa. Mootummaan Waaqayyoo namoonni isa jalatti bulan ulaagaalee guutuu qaban kaaʼuu qofa utuu hin taʼin, ulaagaalee kana guutuu kan dandaʼan akkamitti akka taʼes ni barsiisa.—Isaayaas 48:17, 18.

  •   Kaayyoo. Mootummaan Waaqayyoo bulchitoonni isaa namoota isaan jalatti bulanitti fayyadamuudhaan akka badhaadhan hin heyyamu. Kanaa mannaa, fedha Waaqayyoo raawwata; fakkeenyaaf, waadaan Waaqayyo namoota isa jaallatan bara baraaf lafa irra jiraachisuuf gale akka raawwatamu godha.—Isaayaas 35:1, 5, 6; Maatewos 6:10; Mulʼata 21:1-4.