Dhimma ijoo ta'etti seeni

“Namoonni Ogeeyyiin Sadan” Eenyufaa Turan? Namoonni Kun “Urjii” Beetaliheem Hordofaniiruu?

“Namoonni Ogeeyyiin Sadan” Eenyufaa Turan? Namoonni Kun “Urjii” Beetaliheem Hordofaniiruu?

Deebii Kitaaba Qulqulluu

 Aadaa Ayyaana Qillee isa baramaa taʼe irraa haala adda taʼeen Kitaabni Qulqulluun imaltoota Yesuus erga dhalatee booda isa ilaaluu deeman sana “namoota ogeeyyii sadan” ykn “mootota sadan” jechuudhaan hin ibsu. (Maatewos 2:1) Kanaa mannaa, barreessaan Wangeela Maatewos namoota Yesuusiin gaafachuu deeman sana ibsuuf jecha Afaan Giriikiitiin maagooyi jedhutti fayyadama. Jechi kun namoota urjii lakkaaʼuu fi gocha hafuurota hamoo raawwachuu irratti dandeettii qaban kan argisiisu taʼuu hin oolu. a Hiikkaawwan Kitaaba Qulqulluu hedduun namoota kana “warra urjii lakkaaʼan” ykn “ogeessota” b jedhuudhaan ibsu.

 “Namoonni ogeeyyiin” kun meeqa turan?

 Kitaabni Qulqulluun waaʼee kanaa kan hin ibsine taʼus, waaʼee lakkoofsa namoota kanaa yaada gara garaatu kennama. Kitaabni Encyclopedia Britannica jedhamu akka jedhutti, “Aadaan gara Bahaa lakkoofsi namoota kanaa 12 akka taʼe kan ibsu siʼa taʼu, aadaan gara Dhihaa immoo lakkoofsi isaanii sadii akka taʼe ibsa; tarii lakkoofsi kun kennaawwan sadan jechuunis, ‘warqii, ixaana adii fi qumbii’ (Maatewos 2:11) daaʼima sanaaf kenname sana irratti hundaaʼee taʼuu dandaʼa.”

 “Namoonni ogeeyyiin” kun mootota turanii?

 Aadaa Ayyaana Qillee irratti namoonni kun mootota akka taʼan kan ibsamu taʼus, Kitaabni Qulqulluun bakka kamitti iyyuu namoonni kun mootota akka taʼan hin dubbatu. Kitaabni Encyclopedia Britannica jedhamu akka jedhutti dhaloota Yesuus ilaalchisee yaadawwan hedduun kan dabalaman jaarraawwan hedduu booda siʼa taʼu, namoonni hedduunis jarri kun mootota akka taʼan dubbachuu jalqaban.

 Maqaan ‘namoota ogeeyyii’ kanaa eenyufaa ture?

 Kitaabni Qulqulluun maqaa namoota urjii lakkaaʼan kanaa hin ibsu. Kitaabni The International Standard Bible Encyclopedia jedhamu akka ibsetti, sheekkoowwan maqaan namoota kanaa Gaaspaar, Melkiyoorii fi Baaltaasaar akka taʼe ibsan jiru.

 “Namoonni ogeeyyiin” kun Yesuusiin kan gaafatan yoomi?

 Namoonni urjii lakkaaʼan kun Yesuusiin gaafachuu kan dhaqan erga dhalatee jiʼoota muraasa booda taʼuu dandaʼa. Heroodis Mootichi inni Yesuus akka ajjeefamu barbaadu sun ijoolleen dhiiraa umuriin isaanii waggaa lamaa fi isaa gad taʼan akka ajjeefaman waan ajajeef kun dhugaa taʼuu isaa kana irraa ni hubanna. Umurii kana irratti hundaaʼee tarkaanfii kan fudhate odeeffannoo namoota urjii lakkaaʼan kana irraa argateen ture.—Maatewos 2:16.

 Namoonni urjii lakkaaʼan Yesuusiin gaafachuu kan dhaqan halkan inni itti dhalate sanatti hin turre. Kitaabni Qulqulluun, “Yommuu gara manaatti seenanis mucicha, haadha isaa Maariyaamii wajjin argan” jedha. (Maatewos 2:11) Kun maatichi yeroo kanatti mana keessa jiraachaa akka turee fi Yesuus daaʼima siree horiin irraa nyaatu irra ciisaa akka hin turre argisiisa.—Luqaas 2:16.

 “Namoonni ogeeyyiin” kun “urjii” Beetaliheem akka hordofan kan godhe Waaqayyo turee?

 Namoonni tokko tokko Waaqayyo namoonni ogeeyyiin urjii Beetaliheem hordofanii gara Yesuus akka dhaqan godheera jedhanii amanu. Kun sirrii taʼuu kan hin dandeenye maaliif akka taʼe haa ilaallu.

  •   Wanti urjii fakkaatu namoota urjii lakkaaʼan jalqaba irratti kan qajeelche gara Yerusaalemitti ture. Kitaabni Qulqulluun, “Namoonni urjii lakkaaʼan biyya Baha Biiftuutii gara Yerusaalem dhufanii, ‘Mootiin Yihudootaa inni dhalate eessa jira? Nuti yommuu Baha Biiftuu turre urjii isaa arginee isaaf sagaduu dhufneerra’ jedhan.”—Maatewos 2:1, 2.

  •   Namoota urjii Lakkaaʼan kana jalqaba gara Beetaliheemitti kan erge “urjii” sana utuu hin taʼin Heroodis Mooticha dha. Heroodis waaʼee ‘mootii Yihudootaa’ isa morkatu kanaa yommuu dhagaʼu bakka Masiihiin abdachiifame kun itti dhalatu iyyaafachuu jalqabe. (Maatewos 2:3-6) Beetaliheemitti akka dhalatu yommuu hubatus, namoonni urjii lakkaaʼan achi dhaqanii mucicha akka barbaadanii fi deebiʼanii akka isatti himan gaafate.

     Namoonni urjii lakkaaʼan gara Beetaliheem kan deeman kana booda ture. Kitaabni Qulqulluun, “Isaanis wanta mootichi isaanitti hime erga dhaggeeffatanii booda adeemsa isaanii itti fufan; urjichi inni yommuu Baha Biiftuu turan arganis, hamma bakka mucichi jiru gaʼee dhaabatutti isaan dura buʼee deema ture.”—Maatewos 2:9.

  •   “Urjiin” sun erga mulʼatee booda wantoonni lubbuu Yesuus balaadhaaf saaxilanii fi daaʼimman hedduun akka ajjeefaman godhan raawwatamaniiru. Namoonni urjii lakkaaʼan Beetaliheemii yommuu baʼan, Waaqayyo gara Heroodisitti akka hin deebine isaan akeekkachiise.—Maatewos 2:12.

 Yeroo kanatti Heroodis maal godhe? Kitaabni Qulqulluun, “Heroodis namoonni urjii lakkaaʼan sun akka isa gowwoomsan yommuu hubatetti baayʼee aare; kanaaf, yeroo namoota urjii lakkaaʼan sana irraa sirriitti mirkaneeffatetti fayyadamee, namoota erguudhaan ijoollee dhiiraa umuriin isaanii waggaa lamaa fi isaa gad taʼe Beetaliheemii fi koonyaawwan ishii keessa jiraatan hunda ajjeesise.” (Maatewos 2:16) Waaqayyo wanti hamaan akkanaa akka raawwatamu hin godhu.—Iyoob 34:10.

a Dh.K.D jaarraa shanaffaatti barreessaa seenaa kan taʼe namni biyya Giriikii Herodotas akka jedhetti namni bara isaatti maagooyi jedhamu gosa biyya Meedon (Faares) keessaa tokko siʼa taʼu, nama urjii lakkaaʼuu fi abjuu hiikuudhaan beekamaa taʼe tokko kan argisiisu taʼuu isaa ibseera.

b Ragaa dabalataatiif Hiika Bara 1899 fi Hiikkaa Waltaʼaa Haaraya ilaali. Macaafni Qulqulluun Afaan Oromoo bara 1997⁠tti maxxanfame namoota kana ‘namoota ogeeyyii’ jechuudhaan kan waamu taʼus, lakkoofsi isaanii sadii taʼuu isaa garuu hin ibsu.