Dhimma ijoo ta'etti seeni

Waaqayyo Maal Ana Irraa Barbaada?

Waaqayyo Maal Ana Irraa Barbaada?

Deebii Kitaaba Qulqulluu

 Waaqayyo akka nama tokkootti akka isa beektu, akka isatti dhihaattu, akkasumas garaa guutuudhaan akka isa jaallattuu fi akka isa tajaajiltu barbaada. (Maatewos 22:37, 38; Yaaqoob 4:8) Fedha Waaqayyoo akkamitti raawwachuu akka dandeessu seenaa Yesuusii fi barumsa isaa irraa barachuu dandeessa. (Yohaannis 7:16, 17) Yesuus waaʼee fedha Waaqayyoo dubbachuu qofa utuu hin taʼin hojiidhaan argisiiseera. Yesuus kaayyoon jireenya isaa, ‘fedhii isa isa erge sanaa raawwachuu malee, fedhii ofii isaa raawwachuu’ akka hin taane dubbatee ture.—Yohaannis 6:38.

Wanta Waaqayyo na irraa barbaadu beekuuf mallattoon, mulʼanni ykn waamichi adda taʼe na barbaachisaa?

 Lakki. Sababiin isaas Kitaabni Qulqulluun dhaamsa Waaqayyo namootaaf qabu qabateera. Wanta ‘hojii gaarii hundumaaf akka gaariitti hidhachuuf’ si barbaachisu qabateera. (2 Ximotewos 3:16, 17) Waaqayyo, wanta inni si irraa barbaadu beekuuf Kitaaba Qulqulluu fi “dandeettii yaaduu” keetti akka fayyadamtu barbaada.—Roomaa 12:1, 2; Efesoon 5:17.

Wanta Waaqayyo na irraa barbaadu raawwachuu nan dandaʼaa?

 Eeyyee ni dandeessa; Kitaabni Qulqulluun ‘Ajajawwan isaa baʼaa ulfaatoo miti” jedha. (1 Yohaannis 5:3) Kana jechuun garuu ajajawwan Waaqayyoo eeguun yeroo hunda salphaa dha jechuu miti. Haa taʼu malee, faayidaan argattu carraaqqii gootu irra baayʼee kan caalu dha. Yesuus iyyuu “Gammadoon illee namoota dubbii Waaqayyoo dhagaʼanii hojii irra oolchani dha!” jedheera.—Luqaas 11:28.