Dhimma ijoo ta'etti seeni

Yesuus Fannoo Irratti Duʼee?

Yesuus Fannoo Irratti Duʼee?

Deebii Kitaaba Qulqulluu

 Namoonni hedduun fannoon mallattoo beekamaa Kiristiyaanummaa akka taʼetti ilaalu. Haa taʼu malee, Kitaabni Qulqulluun mukti Yesuus irratti duʼe kan akkamii akka taʼe hin ibsu, kanaaf mukti sun boca akkamii akka qabu namni mirkanaaʼaa taʼee dubbachuu dandaʼu hin jiru. Taʼus Kitaabni Qulqulluun Yesuus kan duʼe fannoo irratti utuu hin taʼin muka solooloo irratti taʼuu isaa ragaa argisiisu qabateera.

 Kitaabni Qulqulluun muka Yesuus irratti duʼe ibsuuf jecha Afaan Giriikii istaawuroos jedhutti fayyadama. (Maatewos 27:40; Yohaannis 19:17) Yeroo baayʼee jechi kun “fannoo” jedhamee kan hiikamu taʼus, hayyoonni hedduun hiikaan buʼuuraa isaa “muka solooloo” taʼuu isaa irratti walii galu. a Kitaabni A Critical Lexicon and Concordance to the English and Greek New Testament jedhamu akka jedhutti jechi istaawuroos jedhu, “muka kallattii kamiin iyyuu wal qaxxaamuru hin argisiisu.”

 Kana malees Kitaabni Qulqulluun jecha Afaan Giriikii zaayiloon jedhamuu fi istaawuroos wajjin hiika wal fakkaatu qabutti ni fayyadama. (Hojii Ergamootaa 5:30; 1 Pheexiros 2:24) Jechi kun “muka” ykn “utubaa” kan argisiisu dha. b Kanaaf kitaabni The Companion Bible jedhamu akkana jedheera: “[Kakuu Haaraa] Afaan Giriikiitiin barreeffame keessatti wanti mukoonni lama faayidaa irra akka oolan argisiisu hin jiru.”

Waaqeffannaadhaaf fannootti fayyadamuun Waaqayyo biratti fudhatama qabaa?

Kiruuksi siimpileksi-jecha Afaan Laatinii muka yakkamtoota fannisuuf itti fayyadaman tokko argisiisu

 Mukti Yesuus irratti duʼe bocni isaa kan akkamii iyyuu yoo taʼe, ragaawwanii fi caqasoonni Kitaaba Qulqulluu armaan gadii waaqeffannaadhaaf fannootti fayyadamuu akka hin qabne argisiisu.

  1.   Waaqayyo fannoo dabalatee waaqeffannaadhaaf fakkiiwwanii fi mallattoowwanitti fayyadamuu ni balaaleffata. Waaqayyo Israaʼeloonni waaqeffannaadhaaf ‘bifa waan tokkootti illee’ akka hin fayyadamne isaan ajajeera, Kiristiyaanonnis haaluma wal fakkaatuun ‘waaqolii tolfamoo waaqeffachuu irraa akka baqatan’ ajajamaniiru.——Keessa Deebii 4:15-19; 1 Qorontos 10:14.

  2.   Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaa waaqeffannaadhaaf fannootti hin fayyadamne. c Barumsawwan ergamoonni barsiisanii fi fakkeenyi isaan kaaʼan wanta Kiristiyaanonni hundi hordofuu qabani dha.—2 Tasalonqee 2:15.

  3.   Waaqeffannaadhaaf fannootti fayyadamuun amantii sobaa irraa kan madde dha. d Yesuus erga duʼee waggoota dhibbaan lakkaaʼaman booda yommuu waldaaleen barumsawwan inni barsiise irraa maqanitti miseensonni waldaa haaraan fannoo dabalatee ‘mallattoowwan amantii sobaa isaanii qabatanii akka itti fufan isaaniif heyyamameera.’ (The Expanded Vine’s Expository Dictionary of New Testament Words) Haa taʼu malee, Kitaabni Qulqulluun namoota haaraa ofitti fudhachuuf jecha mallattoolee amantii sobaa fudhachuu hin heyyamu.—2 Qorontos 6:17.

a Kitaabota armaan gadii ilaali: New Bible Dictionary Maxxansa Sadaffaa, Deeriik R. W. Wuudiin qophaaʼe, fuula 245; Theological Dictionary of the New Testament Jildii 7⁠ffaa, fuula 572; The International Standard Bible Encyclopedia, Maxxansa Fooyyeffame, Jildii 1, fuula 825; fi The Imperial Bible-Dictionary, Jildii 2⁠ffaa, fuula 84.

b Kitaabota armaan gadii ilaali: The Encyclopedia of Religion, Jildii 4, fuula 165; The Encyclopedia Americana, Jildii 8, fuula 246; fi Symbols Around Us, fuula 205-207.

c Kitaabota armaan gadii ilaali: The Expanded Vine’s Expository Dictionary of New Testament Words, fuula 1165; A Greek-English Lexicon, Liidelii fi Iskootiin kan qophaaʼe, Maxxansa Saglaffaa, fuula 1191-1192; fi Theological Dictionary of the New Testament, Jildii 5, fuula 37.

d Kitaabota armaan gadii ilaali: Encyclopædia Britannica, 2003, entry “Cross”; The Cross—Its History and Symbolism, fuula 40; fi The Companion Bible, Oxford University Press, appeendiksii 162, fuula 186.