Dhimma ijoo ta'etti seeni

E+/IvanJekic via Getty Images

QAAMNI KANA TOLCHE JIRAA?

Akkaataa Firiin Bollokkuu Qilleensa Keessa Itti Balaliʼu

Akkaataa Firiin Bollokkuu Qilleensa Keessa Itti Balaliʼu

 Firiiwwan qilleensa keessa balaliʼan keessaa firiin Bollokkuu isa tokkodha. Qilleensi mataa biqiltuu kanaarratti yeroo bubbisu, firiiwwan xixiqqoon mataa biqiltuu kanaarratti argaman, irraa kaʼuudhaan qilleensa keessa yeroo balaliʼan, nama paaraashuutiidhaan deemu fakkaatu. Firiiwwan kun lafarraa baayʼee utuu ol hin fagaatin qilleensa xiqqoodhaan gara kiilomeetira tokkoo ykn isaa ol deemuu dandaʼu. Maarree, qilleensa keessa yeroo dheeraadhaaf bololiʼuu kan dandaʼan akkamitti? Saayintistoonni dhiheenya kana akka bira gaʼanitti, kun kan taʼe saffisa nama paaraashuutiidhaan deemu dachaa afur caalu waan qabanii fi dhiibbaa qilleensaa dandamachuu waan dandaʼaniifidha.

 Mee yaadi: Tokkoon tokkoon firii bollokkuu, wanta rifeensa walitti gobbate fakkaatuu fi paappas jedhamutti rarraʼu. Firiin kun paappasii kana akka paaraashuutiitti fayyadamuudhaan qilleensa keessa tura.

Qorattoonni tokko tokko, qilleensi rifeensa paappasiirra nanaannaʼuunsaa firiin sun qilleensa keessa akka turu akka godhu dubbatu

 Taʼus, rifeensi paappasii kanaa, firiin sun qilleensa keessa akka turuuf wanta godhu kan biraas qaba. Qilleensi rifeensa paappasii kana keessaa fi maddiisaa yeroo darbu, irra isaatti qilleensi nanaannaʼu ni uumama. Qilleensi kun irra isaatti akkasitti nanaannaʼuunsaa naannoo paappasii kanaatti dhiibbaan qilleensaa xiqqaan akka uumamu godha; kunimmoo firiin sun dafee lafa akka hin buune godha.

 Rifeensi paappasii kanaa sirriitti kan qindaaʼe taʼuunsaa akka paaraashuutii qilleensi salphaatti keessa darbuu akka taʼu godha, paappasiin kun garuu saffisa paaraashuutii akkasii caalu qabaachuu fi qilleensa keessa turuu dandaʼa. Hunda caalaammoo, iddoo paappasiin kun qabatu keessaa harki 90n bakka duwwaadha! Kana jechuun, rifeensi Paappasii kanaa baayʼee qaqalloo waan taʼaniif iddoo hin qabatan jechuudha.

 Saayintistoonni akkaataa firiin Bollokkuu qilleensa keessa itti balaliʼu fakkeessanii hojjechuuf yaalaa jiru. Odeeffannoo firii Bollokkuurraa argatanitti fayyadamuudhaanis, diroonota xixiqqoo humna xiqqoo fayyadaman ykn guutummaatti hin fayyadamne hojjechuu dandaʼua; kun immoo humna qusachuuf isaan gargaara. Diroononni akkasii faalama qilleensaa hordofuu dabalatee, hojiiwwan garaagaraatiif hojiirra ooluu dandaʼu.

 Firii Bollokkuu balaliʼaa jiru ilaali

 Maal sitti fakkaata? Firiin bollokkuu inni dandeettii balaliʼuu guddaa qabu jijjiirama tirannaatiin argamee? Moo qaamni isa tolche jira?