Dhimma ijoo ta'etti seeni

FAKKEENYA AMANTII ISAANII HORDOFAA | YONAATAAN

“Michummaa Cimaadhaan Walitti Maxxanan”

“Michummaa Cimaadhaan Walitti Maxxanan”

 Waraanichi xumurameera, Sulula Elaa keessaas wanti dhagaʼamu hin jiru. Qilleensi waaree boodaa dunkaanota loltootaa yommuu sosochoosaa jirutti Saaʼol Mootichi namoota muraasa wajjin walgaʼii gochaa ture. Ilmi isaa hangafni Yonaataan walgaʼicha irratti kan argame yommuu taʼu, tikseen dargaggeessi tokko immoo seenaa isaa karaa nama hawwatuun dubbachaa jira. Dargaggeessi hinaaffaa fi miira hoʼaadhaan guutamee dubbachaa jiru kun Daawiti dha. Saaʼol wanta Daawit dubbachaa jiru keessaa tokko illee akka isa hin darbine xiyyeeffannaadhaan dhaggeeffachaa jira. Yonaataanitti hoo maaltu dhagaʼame? Yonaataan raayyaa Yihowaa keessa yeroo dheeraadhaaf tajaajilaa yommuu turetti injifannoo hedduu argateera. Injifannoon harʼaa garuu kan Yonaataan utuu hin taʼin kan dargaggeessa kanaa ture. Daawit Goliyaadiin ajjeeseera! Yonaataan ulfina Daawit argatetti ni hinaafaa laata?

 Wanti Yonaataan godhe si dinqisiisuu dandaʼa. Seenaan isaa akkana jedha: “Daawit yommus Saaʼolii wajjin dudubbachuu in raawwate; erga yeroo sanaatii Yonaataan ilmi Saaʼol baayʼisee Daawititti in maxxane [“michummaa cimaadhaan walitti maxxanan, NW”]; akka lubbuu isaatiittis isa in jaallate.” Yonaataan iddaa isaa dabalatee uffata lolaa isaa Daawitiif kenne; Yonaataan nama xiyya darbachuudhaan beekamu waan tureef kennaan kun Daawitiif adda ture. Kana malees Yonaataanii fi Daawit kakuu, akkasumas walii galtee iddoo guddaa qabuu fi michoota taʼanii wal deeggaruuf isaan dandeessisu waliif galan.—1 Saamuʼel 18:1-5.

 Michummaa guddaa Kitaaba Qulqulluu keessatti ibsaman keessaa inni tokko kan jalqabe haala kanaan ture. Michummaan namoota amantiitiif barbaachisaa dha. Michoota keenya ogummaadhaan kan filannu, kan isaan gargaarruu fi michoota amanamoo kan taanu yoo taʼe, yeroo jaalalli hin jirre kanatti amantii walii keenyaa cimsuu dandeenya. (Fakkeenya 27:17) Kanaafuu, michummaa ilaalchisee Yonaataan irraa maal barachuu akka dandeenyu mee haa ilaallu.

Wanta Michummaadhaaf Buʼuura Taʼu

 Michummaan akka Yonaataanii fi Daawit dafee uumamuu kan dandaʼu akkamitti? Deebiin isaa wanta michummaa akkasiitiif buʼuura taʼe raawwachuu wajjin kan wal qabate dha. Mee seenaa isaanii haa ilaallu. Yonaataan haala rakkisaa taʼe keessa jiraachaa ture. Yeroon yommuu darbaa adeemu abbaan isaa Saaʼol Mootichi amalli isaa jijjiiramaa, akkasumas mancaʼaa dhufeera. Saaʼol inni yeroo tokkotti nama gad of qabuu fi ajajamu, akkasumas nama amantii ture, mootii of tuuluu fi hin ajajamne taʼeera.—1 Saamuʼel 15:17-19, 26.

 Yonaataan abbaa isaatti baayʼee waan dhihaatuuf, Saaʼol jijjiiramuun isaa baayʼee isa dhiphisee taʼuu qaba. (1 Saamuʼel 20:2) Yonaataan miidhaa Saaʼol saba Yihowaan filate irratti fiduu dandaʼu isa yaaddessee taʼuu dandaʼa. Mootichi ajajamuu diduun isaa sabichi daandii isa sirrii irraa akka goruu fi Yihowaa biratti fudhatama akka dhaban isaan taasisaa laata? Nama amantii akka Yonaataaniif yeroon kun baayʼee ulfaataa akka ture hin shakkisiisu.

 Seenaan kun Yonaataan Daawit wajjin michummaa uumuuf kan isa kakaase maal akka taʼe hubachuuf nu gargaara. Yonaataan, Daawit amantii cimaa akka qabu hubateera. Daawit loltoota Saaʼol irraa haala adda taʼeen Goliyaad nama baayʼee guddaa taʼus akka inni hin sodaanne yaadadhu. Maqaa Yihowaa baatanii gara waraanaa deemuun Goliyaadii fi meeshaa waraanaa inni qabu caalaa humna qabeessa akka isa taasisu amanannaa qaba ture.—1 Saamuʼel 17:45-47.

 Waggoota muraasa dura Yonaataanis amanannaa akkasii qaba ture. Innii fi namni miʼa lolaa isaaf baatu, buufata loltoota meeshaa waraanaa hidhatanii irratti miidhaa geessisuu fi injifachuu akka dandaʼan mirkanaaʼaa ture. Maaliifi? Yonaataan ‘Waaqayyo nama oolchuu ni dandaʼa’ jechuudhaan dubbateera. (1 Saamuʼel 14:6) Kanaafuu, Yonaataanii fi Daawit wanta wal isaan fakkeessu qabu jechuu dha; innis amantii cimaa Yihowaa irratti qabanii fi jaalala guddaa isaaf qabani dha. Kunis michummaa namoota kana lamaan gidduu tureef buʼuura gaarii dha. Yonaataan ilma mootii fi umuriin isaa waggaa 50tti dhihaatu siʼa taʼu, Daawit immoo tiksee fi umuriin isaa waggaa 20 kan hin guunne ture; Haa taʼu malee garaa garummaan kun michummaa isaanii irratti jijjiirama hin fidne. a

 Kakuun isaan waliif galan michummaa isaaniitiif eegumsa taʼeera. Akkamitti? Yihowaan, Daawit mootii Israaʼel isa itti aanu akka taʼu kan barbaadu taʼuu isaa Daawit beeka ture. Daawit dhimma kana Yonaataan dhoksee turee laata? Lakki! Michummaa gaariin akka isaanii kan guddatu iccitii fi sobaan utuu hin taʼin ifatti waliin dubbachuudhaani. Yonaataan Daawit mootii akka taʼu beekuun isaa dhiibbaa akkamii isa irratti geessisee taʼuu dandaʼa? Yonaataan gaaf tokko mootii taʼuudhaan dogoggora abbaa isaa sirreessuuf abdateera yoo taʼe hoo? Kitaabni Qulqulluun Yonaataan miira akkasii wajjin walʼaansoo gochaa turuu isaa hin dubbatu; kanaa mannaa Yonaataan iddoo guddaa kan kennu amanamummaa fi amantii isaatiif akka taʼe qofa dubbata. Hafuurri Yihowaa Daawit wajjin akka jiru hubachuu dandaʼeera. (1 Saamuʼel 16:1, 11-13) Kanaafuu, Yonaataan kakuu isaa raawwateera, akkasumas Daawitiin akka morkataa isaatti utuu hin taʼin akka michuu isaatti ilaaluu isaa itti fufeera. Yonaataan fedhiin Yihowaa yommuu raawwatamu arguu barbaada ture.

Amantii cimaan Yonaataanii fi Daawit Yihowaa irratti qaban, akkasumas jaalalli guddaan isaaf qaban wal isaan fakkeessa

 Michummaan kun eebba hedduu isaaniif argamsiiseera. Amantii Yonaataan argisiise irraa maal barachuu dandeenya? Tajaajilaan Waaqayyoo kam iyyuu faayidaa michummaan qabu hubachuun isaa gaarii dha. Michoonni keenya umurii fi akkaataa guddinaa keenya wajjin wal fakkaatu qabaachuun isaan hin barbaachisu, amantii dhugaa kan qaban yoo taʼe michoota gaarii nuuf taʼuu dandaʼu. Yonaataanii fi Daawit yeroo baayʼee wal cimsuu fi wal jajjabeessuu dandaʼaniiru. Qorumsi cimaan michummaa isaanii mudachuuf waan jedhuuf gargaarsi akkasii lamaan isaanii iyyuu ni barbaachisa ture.

Qorumsa Amanamummaa

 Jalqaba irratti Saaʼol Daawitiin kan jaalate siʼa taʼu loltoota isaa irrattis isa muudee ture. Haa taʼu malee Saaʼol utuma baayʼee hin turin amala gadhee tokkoon jechuunis hinaaffaadhaan mooʼame; Yonaataan garuu amala kanaan hin mooʼamne. Daawit Filisxeemota warra diinota Israaʼel turan irratti injifannoo hedduu argate. Kanaan kan kaʼes, Daawit jajannaa fi dinqisiifannaa hedduu argate. Dubartoonni Israaʼel tokko tokko akkana jedhanii isa faarsan: “Saaʼol kumaatama ajjeefate, Daawit garuu kuma kumaatamaa in ajjeefate.” Saaʼol weedduu kanatti hin gammanne. “Yeroo sanaa jalqabee ija hinaaffaatiin Daawitin in ilaala ture.” (1 Saamuʼel 18:7, 9) Daawit mootummaa koo na jalaa fudhachuuf yaala jedhee sodaate. Saaʼol akkas jedhee yaaduun isaa gowwummaa ture. Dhugaa dha, Daawit Saaʼoliin akka bakka buʼu beeka; haa taʼu malee mootiin Yihowaadhaan muudame utuu bulchaa jiruu isa fonqolchuuf gonkumaa yaadee hin beeku!

 Saaʼol dirree waraanaa irratti Daawitiin ajjeesisuuf kan yaade taʼus isaaf hin milkoofne. Daawit waraana irratti injifachuu isaa itti fufe, namoonnis caalaatti isa jaalachaa fi isa kabajaa dhufan. Achiis Saaʼol Daawitiin ajjeesuuf fedhii akka qabu tajaajiltoota isaa hundattii fi ilma isaa hangafatti himuudhaan akka isa deeggaran isaan amansiisuuf yaale. Yonaataan, abbaan isaa akkas gochuuf yaaduu isaatti hammam gaddee akka ture mee yaadi! (1 Saamuʼel 18:25-30; 19:1) Yonaataan abbaa isaatiif mucaa amanamaa taʼus Daawitiifis michuu amanamaa dha. Amma amanamummaan isaa waan wal faallessu fakkaata. Maarree eenyuuf amanamaa taʼa laata?

 Yeroo kana Yonaataan akkana jedhe: “Yaa mootii! Daawit garbichi kee wanta baayʼee gaarii taʼe siif hojjete malee, si hin yakkine, kanaaf atis isa hin yakkin!” . . . “Inni fittee irra of buusee Filisxeemicha in ajjeese; akkasitti Waaqayyo guutummaa Israaʼeliif fayyina guddaa in hojjeteef; atis kana argitee gammaddeetta; egaa maaliif sababiidhuma tokko malee, Daawitin ajjeeftee dhiiga qullaaʼaa irratti dabaa hojjetta ree?” Yeroo xinnoodhaaf Saaʼol gorsa Yonaataan kan dhagaʼe yommuu taʼu, Daawitiin akka hin miines ni kakate. Haa taʼu malee, Saaʼol nama kakuu gale eegu hin turre. Daawit milkaaʼina dabalataa yommuu argatu Saaʼol hinaaffaa fi aariidhaan guutamee eeboo isatti darbate! (1 Saamuʼel 19:4-6, 9, 10) Daawit garuu jalaa miliqee mana mootummaa Saaʼol keessaa ni baqate.

 Eenyuuf amanamaa taʼuu akka qabdu murteessuun si rakkisee beekaa? Haalli isaa baayʼee ulfaataa taʼuu dandaʼa. Haalawwan akkasii keessatti namoonni tokko tokko yeroo hunda jalqaba irratti maatii keetiif amanamaa taʼuu akka qabdu sitti himu taʼa. Yonaataan garuu akkas gochuun sirrii akka hin taane beeka ture. Daawit nama amanamaa fi Yihowaadhaaf ajajamu taʼuu isaa utuma beekuu abbaa isaa cinaa dhaabbachuu kan dandaʼu akkamitti? Kanaaf Yonaataan amanamummaa Yihowaadhaaf qabu irratti hundaaʼee murtoo godhe. Daawitiif kan inni falmes kanaaf ture. Yonaataan ammas hunda caalaa Yihowaadhaaf amanamaa taʼus, wanta abbaan isaa dhagaʼuu barbaadu itti himuu mannaa haqaan isa gorsuudhaan isaafis amanamaa taʼuu isaa argisiiseera. Hundi keenya akkaataa Yonaataan amanamummaa itti argisiise irraa barachuudhaan fayyadamuu dandeenya.

Buʼaa Amanamummaan Argamsiisu

 Yonaataan ammas Saaʼolii fi Daawit araarsuuf kan yaale taʼus, Saaʼol garuu isa dhagaʼuu illee hin barbaanne. Daawit dhoksaadhaan gara Yonaataan dhufee lubbuu isaatiif akka sodaate itti hime. “Anaa fi duʼa gidduu tarkaanfii tokkittiitu jira” jedhee hiriyaa isaatti dubbate. Yonaataan dhimma kana ilaalchisee abbaan isaa ilaalcha akkamii akka qabu mirkaneessuudhaan Daawititti himuuf walii galan. Daawit dhokatee yommuu jirutti Yonaataan iddaa fi xiyya akka mallattootti fayyadamee itti hime. Yonaataan akkana jechuudhaan Daawit waadaa isaa akka eegu gaafate: “Yommuu Waaqayyo diinota kee tokko tokkoon lafa irraa balleessutti, ati bara baraan gaarummaa kee maatii koo irraa hin deebisin!” Daawitis yeroo hunda maatii Yonaataan akka kunuunsuu fi eegu waadaa gale.—1 Saamuʼel 20:3, 13-27.

 Yonaataan waaʼee Daawit wanta gaarii dubbachuuf yommuu yaalu Saaʼol Mootichi garuu ni dheekkame! Saaʼol, Yonaataan “ilma” dubartii “didduu” akka taʼee fi Daawitiif amanamaa taʼuun isaa maatichaaf qaanii akka taʼe dubbate. Saaʼol akkana jechuudhaan fedhii ofittummaa Yonaataan kakaasuuf yaale: “Ilmi Iseyi lafa irra utuu jiruu atii fi mootummaan kee jabaattanii hin dhaabattan.” Yonaataan garuu “Inni maal godhe? Maaliif ajjeefama?” jedhee abbaa isaa kadhate. Yeroo kanatti Saaʼol aaree bobaʼe! Inni kan dulloome taʼus ammas loltuu jabaa dha. Achiis ilma isaatti eeboo darbate! Eeboo darbachuudhaan dandeettii guddaa kan qabu taʼus yeroo kanatti garuu ni qole. Yonaataan baayʼee gaddee akkasumas qaanaʼee aariidhaan kaʼee deeme.—1 Saamuʼel 20:24-34.

Yonaataan qorumsa ofittummaatiin hin mooʼamne.

 Guyyaa itti aanu ganama Yonaataan gara dirree Daawit dhokatee jiruu dhaqe. Akkuma walii galanitti xiyya isaa darbachuudhaan Saaʼol ammas isa ajjeesuu akka barbaadu Daawititti hime. Achiis Yonaataan tajaajilaan isaa gara magaalaatti akka deebiʼu isa erge. Amma innii fi Daawit kophaatti waan hafaniif waliin haasaʼuuf haala mijataa argataniiru. Lamaan isaanii iyyuu ni booʼan, kana booda Daawit baqataa taʼee waan jiraatuuf Yonaataan gaddi itti dhagaʼamaa michuu isaatti nagaa dhaammate.—1 Saamuʼel 20:35-42.

 Yonaataan amanamaa taʼuudhaan qorumsa ofittummaa mooʼeera. Diina namoota amanamoo hundaa kan taʼe Seexanni, Yonaataan fakkeenya Saaʼol hordofuudhaan fedhii aangoo ykn ulfina argachuuf qabuuf dursa akka kennu barbaada. Seexanni fedhii ofittummaa namootaatti fayyadamuu akka barbaadu yaadadhu. Warra keenya jalqabaa kan taʼan Addaamii fi Hewaan irratti isaaf milkaaʼeera. (Uumama 3:1-6) Yonaataan irratti garuu utuu isaaf hin milkaaʼin hafeera. Seexanni baayʼee aaree akka ture hin shakkisiisu! Ati hoo qorumsa akkasii dandamachuu ni dandeessaa? Kan jiraannu yeroo ofittummaan baayʼee babalʼate keessa dha. (2 Ximotewos 3:1-5) Amala amanamummaa Yonaataan isa ofittummaa irraa walaba taʼe irraa barumsa akkamii argachuu dandeenya?

Yonaataan michuu amanamaa waan tureef michuu isaa Daawit balaa irraa eeguuf mallattoo kenneeraaf

“Baayʼee Na Mararta Turte”

 Jibbi Saaʼol Daawitiif qabu yaadaa fi miira isaa guutummaatti toʼachaa dhufe. Yonaataan abbaan isaa nama balleessaa hin qabne tokko ajjeesuuf akka nama maraatee yommuu taʼuu fi loltoota isaa walitti qabee biyyattii keessa yommuu isaan joorsu callisee ilaaluu malee homaa gochuu hin dandeenye. (1 Saamuʼel 24:1, 2, 12-15; 26:20) Yonaataan kana irratti hirmaateeraa? Kan nama dinqisiisu Kitaabni Qulqulluun Yonaataan loltoota yaada dogoggoraatiin oofaman kana wajjin hirmaachuu isaa hin ibsu. Yonaataan Yihowaadhaaf, Daawitiif, akkasumas kakuu michummaa isaatiif amanamaa taʼuun isaa tarkaanfii akkasii akka hin fudhanne isa taasiseera.

 Miirri hiriyaa isaa kanaaf qabu matumaa hin jijjiiramne. Yeroo booda karaa itti deebiʼee Daawit wajjin wal argu argate. Iddoon isaa Hooresh isa hiika ‘caakkaa’ jedhu qabutti ture. Hooresh kan argamtu Hebroon irraa kiiloo meetira muraasa kallattii kibba bahaatiin fagaattee siʼa taʼu naannoo gaarreewwan jiranii fi lafa onaatti dha. Yonaataan nama baqataa taʼee jiraatu kana argachuuf lubbuu isaa balaadhaaf kan saaxile maaliifi? Kitaabni Qulqulluun kakaʼumsa akkasii kan argate Daawit ‘maqaa Waaqayyootiin jajjabina’ akka argatu isa gargaaruuf akka taʼe dubbata. (1 Saamuʼel 23:16) Kana Yonaataan kan godhe hoo akkamitti?

 Yonaataan michuu isaatiin “Saaʼol abbaan koo harka isaa si irratti ol hin fudhatu . . . hin sodaatin!” jedheen. Jajjabinni kun maal irratti kan hundaaʼe dha? Amantii cimaa Yonaataan kaayyoon Yihowaa akka raawwatamu qabu irratti kan hundaaʼe dha. Itti fufuudhaanis akkana jedheen: “Ati Israaʼel irratti in moota.” Yaaduma kana waggoota muraasa dura Saamuʼel raajichi yeroo Daawitiin dibutti dubbatee ture; Yonaataanis dubbiin Yihowaa yeroo hunda amanamaa akka taʼe Daawitiin yaadachiiseera. Yonaataan waaʼee isaa ilaalchisee hoo maal dubbate? “Ani immoo itti aanaa kee nan taʼa” jedhe. Kun amala gad of qabuu guddaadha! Nama umurii waggaa 30n caalu jalatti buluu fi gargaaraa isaa taʼuuf fedhii guddaa qaba ture. Dhuma irrattis Yonaataan, ‘Abbaan koo iyyuu kun akka taʼu beeka’ jechuudhaan isatti hime. (1 Saamuʼel 23:17, 18) Saaʼol garaa isaa keessatti nama Yihowaan mootii itti aanu akka taʼuuf filate injifachuu akka hin dandeenye beeka ture!

Yonaataan, Daawit yeroo jajjabinni isa barbaachisetti isa jajjabeesseera

 Waggoota sana booda Daawit yeroo itti Yonaataan wajjin wal argan sana yommuu yaadatu gammachuudhaan akka guutamu hin shakkisiisu. Kan nama gaddisiisu garuu kun isaaniif yeroo isa xumuraa ture, fedhiin Yonaataan Daawititti aanee mootii taʼuuf qabus hin milkoofneef.

 Yonaataan abbaa isaa wajjin taʼee Filisxeemota warra diinota Israaʼel taʼan loluuf gara dirree waraanaa dhaqe. Dogoggorri abbaa isaa tajaajila inni Yihowaadhaaf dhiheessu irratti dhiibbaa akka godhu waan hin heyyamneef, abbaa isaa wajjin taʼee qalbii qulqulluudhaan waraana irratti hirmaachuu dandaʼa. Akkuma yeroo hunda gochaa ture ija jabinaa fi amanamummaadhaan lolaa kan ture taʼus, Israaʼelootaaf garuu haalli isaa gaarii hin turre. Saaʼol gar malee hamaa taʼuudhaan wanta Seera Waaqayyoo duratti cubbuu guddaa taʼe, jechuunis gocha hafuurota hamoo irratti hirmaachuudhaan eebba Yihowaa dhabeera. Yonaataan dabalatee ijoolleen dhiiraa Saaʼol sadan waraanicha irratti ni ajjeefaman. Saaʼolis kan madaaʼe siʼa taʼu achiis of ajjeese.—1 Saamuʼel 28:6-14; 31:2-6.

Yonaataan, “Ati Israaʼel irratti in moota, ani immoo itti aanaa kee nan taʼa” jedheera.—1 Saamuʼel 23:17

 Yeroo kanatti Daawit baayʼee gadde. Namni garraamii fi dhiifama gochuudhaan beekamu kun Saaʼol isa isa ariʼachuudhaan dhiphinaa fi gidiraa guddaa isa irraan geessiseef illee baayʼee gaddeera. Daawit gadda isatti dhagaʼame bifa walalootiin Saaʼolii fi Yonaataaniif barreesseera. Jechoota Daawit gorsaa fi michuu isaa Yonaataan ilaalchisee barreesse keessaa tarii inni baayʼee garaa nama tuqu isa inni akkana jechuudhaan barreesse dha: “Yaa Yonaataan obboleessa ko, ani siifnan gadda; baayʼee na mararta turte, jaalalli ati na jaallatte, jaalala dubartootaa caalaa dinqisiisaa ture.”—2 Saamuʼel 1:26.

 Daawit kakuu Yonaataaniif gale matumaa hin daganne. Waggoota muraasa booda ilma Yonaataan kan taʼe Mefii-Bosheet barbaadee argachuudhaan isa kunuunseera. (2 Saamuʼel 9:1-13) Ifatti hubachuun akka dandaʼamutti, Daawit Yonaataan irraa barumsa hedduu argateera; Yonaataan michuu isaatti amanamummaa fi ulfina argisiiseera, akkasumas haalli isaa ulfaataa taʼu illee michuu isaatti maxxanuuf fedhii qaba ture. Nuti hoo akkuma isaa barumsa akkasii argachuu ni dandeenyaa? Hiriyaa akka Yonaataan argachuuf hoo carraaqqii ni goonaa? Ofii keenyaa michoota akkasii taʼuuf ni carraaqnaa? Michoonni keenya amantii Yihowaa irratti qaban akka cimsatan kan gargaarru yoo taʼe, amanamummaa Yihowaadhaaf qabnuuf dursa yoo kenninee fi fedhii dhuunfaa keenyaaf dursa kennuu mannaa amanamoo taanee yoo jiraanne michuu akka Yonaataan taʼuu ni dandeenya. Akkasumas fakkeenya amantii isaa hordofuu dandeenya.

a Yonaataan yeroo jalqabaatiif Kitaaba Qulqulluu keessatti yommuu ibsamu jalqaba bulchiinsa Saaʼolitti ajajaa loltootaa waan tureef umuriin isaa yoo xinnaate waggaa 20 taʼuu qaba. (Lakkoobsa 1:3; 1 Saamuʼel 13:2) Saaʼol waggaa 40 bulcheera. Kanaafuu yommuu Saaʼol duʼu Yonaataan umuriin isaa gara waggaa 60 ture. Daawit immoo yeroo kanatti umuriin isaa waggaa 30 dha. (1 Saamuʼel 31:2; 2 Saamuʼel 5:4) Kanaaf, Yonaataan Daawitiin waggaa 30n caala jechuun ni dandaʼama.