Dhimma ijoo ta'etti seeni

Dhugaa Baatonni Yihowaa Viidiyoowwan, Kitaabotaa Fi Muuziqaawwan Adda Baasanii Dhorkan Qabuu?

Dhugaa Baatonni Yihowaa Viidiyoowwan, Kitaabotaa Fi Muuziqaawwan Adda Baasanii Dhorkan Qabuu?

 Lakki. Jaarmiyaan keenya namni hundi dhuunfaatti isa kam irraa fagaachuu akka qabu murteessuuf viidiyoowwan, kitaabotaa fi muuziqaawwan hin qoratu. Maaliif?

  Kitaabni Qulqulluun tokkoon tokkoon namaa “sammuu” isaatti fayyadamee hamaa fi gaarii gargar akka baasu jajjabeessa.—Ibroota 5:14.

  Kiristiyaanni tokko bashannana yeroo filatutti maal gochuu akka qabu Caaffata Qulqullaaʼoo irratti dursee barreeffameera. a Jireenya keenya hundumaa keessatti galmi keenya ‘wanta Gooftaatti tolu’ raawwachuu dha.—Efesoon 5:10.

  Kitaabni Qulqulluun warri mataa maatii taʼan aangoo akka qaban waan dubbatuuf, miseensonni maatii isaanii bashannanaaf maalitti fayyadamuu akka qabanii fi hin qabne murteessuu dandaʼu. (1 Qorontos 11:3; Efesoon 6:1-4) Haa taʼu malee maatiidhaan alatti, eenyu iyyuu fiilmonni, muuziqaawwanii fi k.k.f. akka walii galaatti Dhugaa Baatotaaf sirrii miti jedhee dhorkuuf mirga hin qabu.—Galaatiyaa 6:5.

a Fakkeenyaaf Macaafni Qulqulluun wantoota hafuura hamaa, ejjaa fi hammeenyaa wajjin wal qabatan kam iyyuu ni balaaleffata.—Keessa Deebii 18:10-13; Efesoon 5:3; Qolosaayis 3:8.