Dhimma ijoo ta'etti seeni

Cidha Gaaʼelaa Dhugaa Baatota Yihowaa Irratti Maaltu Raawwatama?

Cidha Gaaʼelaa Dhugaa Baatota Yihowaa Irratti Maaltu Raawwatama?

 Cidhi gaaʼelaa Dhugaa Baatota Yihowaa yeroo baayʼee sirna salphaa, ulfina qabeessaa fi haasaa gabaabaa Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼe kan dabalatu dha. Sirni kun namoota affeeruu fi nyaata qopheessuus kan dabalatu taʼuu dandaʼa. a Yesuus jalqaba tajaajila isaatti magaalaa Qaanaa keessatti cidha akkasii irratti argameera.—Yohaannis 2:1-11.

 Cidhi gaaʼelaa kan geggeeffamu akkamitti?

 Wanti bakki guddaan kennamuuf haasaa gaaʼelaa gara daqiiqaa 30f tajaajilaa Dhugaa Baatota Yihowaatiin dhihaatu dha. Haasaan miira hoʼaatiin, akkasumas karaa nama jajjabeessuun dhihaatu kun Kitaabni Qulqulluun misirroonni, gaaʼela umurii guutuu turu, jaalalaa fi gammachuu qabu qabachuuf kan isaan gargaaru akkamitti akka taʼe addeessa.—Efesoon 5:33.

 Biyyoota hedduu keessatti, mootummaan tajaajiltoonni Dhugaa Baatota Yihowaa, gaaʼela mootummaa biratti fudhatama qabu akka raawwachiisan mirga isaaniif kennaniiru. Akkas yoo taʼe gara dhuma haasaa sanaatti misirroonni sun waliif kakatu. Quba waliittis qubeelaa waliif kaʼuu ni dandaʼu. Achiis tajaajilaan sun abbaa manaa fi haadha manaa taʼuu isaanii ni beeksisa.

 Seerri biyyoota kan biroo immoo, gaaʼelli tokko seera qabeessa akka taʼu gochuu kan dandaʼan abbootii taayitaa akka taʼan ajaja. Misirroonni kun seera kana kan raawwatan haasaan gaaʼelaa kennamuu isaa yeroo muraasa dura dha. Misirrichii fi misirrittiin abbootii taayitaa biratti kakuu waliif hin galle taanaan dhuma haasichaa irratti kakuu waliif galuu dandaʼu. Kakuu waliif galaniiru taanaan immoo akka waan dursee raawwatameetti irra deebiʼaniis kakuu waliif galuu dandaʼu. Achiis haasichi Waaqayyo hiriyoota gaaʼelaa kana akka eebbisu kadhachuudhaan xumurama.

 Cidhi gaaʼelaa Dhugaa Baatota Yihowaa kan geggeeffamu eessatti?

 Dhugaa Baatonni hedduun Galmi Walgaʼii jira taanaan achi keessatti cidha gaaʼelaa godhachuu filatu. b Misirroonni kun haasaa gaaʼelaa booda affeerraa qopheessaniiru taanaan garuu affeerraa isaanii bakka biraatti godhatu.

 Achi irratti argamuu kan dandaʼan eenyu faʼi?

 Cidhi gaaʼelaa sun Galma Walgaʼii keessatti kan geggeeffamu yoo taʼe Dhugaa Baatonnis taʼan namoonni Dhugaa Baatota hin taane kam iyyuu irratti argamuu dandaʼu. Misirroonni kun affeerraa qopheessaniiru yoo taʼe immoo nama barbaadan affeeruu dandaʼu.

 Uffannaan akkamii uffatamuu qaba?

 Cidha gaaʼelaa Galma Walgaʼii keessatti geggeeffamu irratti uffata adda taʼe tokko uffachuun dirqama taʼuu baatus, Dhugaa Baatonni Yihowaa qajeelfama Kitaaba Qulqulluu uffata seera qabeessaa fi ulfina qabeessa taʼe akka uffatan kennu hordofu. Warri kaanis akkanuma akka godhan barbaadu. (1 Ximotewos 2:9) Misirroonni kun affeerraa qopheessuu barbaadu taanaan qajeelfamni kun achittis ni hojjeta.

 Misirrootaaf kennaan ni kennamaa?

 Kitaabni Qulqulluun arjaa akka taanu nu jajjabeessa. (Faarfannaa 37:21) Dhugaa Baatonni Yihowaa cidha gaaʼelaa irratti kennaa kennuu fi fudhachuun isaan gammachiisa. (Luqaas 6:38) Haa taʼu malee Dhugaa Baatonni Yihowaa warri kaan kennaa akka isaaniif kennan hin gaafatan ykn maqaa namoota kennaa kennanii ifatti hin dubbatan. (Maatewos 6:3, 4; 2 Qorontos 9:7; 1 Pheexiros 3:8) Gochi kun deeggarsa Kitaaba Qulqulluu kan hin qabne taʼuu isaa irra iyyuu, namoota affeeraman kaan qaanessuu dandaʼa.

 Burcuqqoo ol fuudhanii walitti buusuun jiraa?

 Lakki. Dhugaa Baatonni Yihowaa akkas kan hin goone gochi kun duudhaa amantii sobaa irra kan dhufe waan taʼeefi. c Dhugaa Baatonni Yihowaa gaaʼelli misirroota sanaa gammachuu akka qabaatu hawwii qaban karaa kan biraatiin ibsu.

 Ruuzii fi abaaboon waraqaa irraa tolfame misirrootatti ni facaafamaa?

 Lakki. Biyyoota tokko tokkotti namoonni ruuzii, abaaboo waraqaa irraa tolfame ykn wantoota kanaa wajjin wal fakkaatan misirrootatti ni facaasu. Kun misirroota kanaaf carraa gaarii, gammachuu fi umurii dheeraa argamsiisa jedhanii amanu. Haa taʼu malee Dhugaa Baatonni Yihowaa gochawwan amantii sobaa wajjin walqabatan irraa ni fagaatu. Kunis gocha Kitaaba Qulqulluu wajjin wal faallessu raawwachuudhaan carraa gaarii hawwuu kan dabalatu dha.—Isaayaas 65:11.

 Nyaataa fi dhugaatiin ni jiraataa?

 Cidhi gaaʼelaa Galma walgaʼii keessatti geggeeffamu nyaataa fi dhugaatii hin qabaatu. Taʼus misirroonni tokko tokko haasaa gaaʼelaa booda bakka biraatti affeerraa ykn bashannana ni qopheessu. (Lallaba 9:7) Yoo dhugaatii alkoolii dhiheessuuf murteessan immoo, baayʼinaan, akkasumas namoota dhuguuf umuriin isaanii hin geenyeef dhiheessuu hin qaban.—Luqaas 21:34; Roomaa 13:1, 13.

 Muuziqaa fi shubbisni ni jiraataa?

 Misirroonni kun affeerraa qopheessaniiru yoo taʼe muuziqaa fi shubbisni akka jiraatu gochuu dandaʼu. (Lallaba 3:4) Filannaa fi aadaan namootaa garaa gara taʼus muuziqaawwan kun gurra namaatti tolan taʼuu qabu. Cidhi gaaʼelaa Galma Walgaʼii keessatti geggeeffamu, muuziqaa dhaamsa Kitaaba Qulqulluu dabarsu qaba.

 Dhugaa Baatonni Yihowaa guyyaa cidha isaanii waggaa waggaan ni kabajuu?

 Kitaabni Qulqulluu guyyaa cidhaa waggaa waggaan kabajuu kan hin deeggarre ykn kan hin mormine waan taʼeef hiriyoonni gaaʼela Dhugaa Baatota taʼan guyyaa cidha isaanii kabajuuf ykn dhiisuuf murteessuu dandaʼu. Kabajuuf yoo murteessan immoo kophaa isaanii ykn michoota isaanii fi maatii isaanii wajjin kabajuu dandaʼu.

a Aadaa, duudhaa fi seerri mootummaa tokko tokko biyyaa biyyatti garaa garummaa qabaachuu dandaʼa.

b Tajaajilaa cidha gaaʼelaa irratti haasaa dhiheessuufis taʼe Galma Walgaʼiitti fayyadamuuf qarshiin hin kaffalamu.

c Burcuqqoo ol fuudhanii walitti buusuun amantii sobaa irraa kan dhufe taʼuu isaa ilaalchisee ibsa dabalataa argachuuf, “Gaaffii DubbistootaaMasaraa Eegumsaa Guraandhala 15, 2007 (Amaariffa) irratti baʼe ilaali.