Dhimma ijoo ta'etti seeni

Dhugaa Baatonni Yihowaa Isaan Qofti Fayyina Akka Argatan Yaaduu?

Dhugaa Baatonni Yihowaa Isaan Qofti Fayyina Akka Argatan Yaaduu?

 Lakki. Namoonni miliyoonaan lakkaaʼaman, Dhugaa Baatota Yihowaa hin turreefi jaarraawwan hedduu dura jiraatanis fayyinaaf carraa ni argatu. Macaafni Qulqulluun addunyaa haaraa Waaqayyo akka fidu abdii kenne keessatti, ‘warra qajeelotaafi warra jalʼootaaf duʼaa kaʼuun akka jiru’ ibsa. (Hojii Ergamootaa 24:15) Kana malees, namoonni hedduun yeroo harʼaa jiraataniifi carraa Waaqayyoon tajaajiluu hin argannes fayyina ni argatu. Kanas taʼe sana, fayyina namootaa wajjin haala wal qabateen nuyi murtoo kennuu hin dandeenyu. Hojiin kun kan kenname Yesusiifidha.—Yohannis 5:22, 27.