Dhimma ijoo ta'etti seeni

“Yihowaa Tajaajiluuf Wantan Dandaʼu Hunda nan Godha”

“Yihowaa Tajaajiluuf Wantan Dandaʼu Hunda nan Godha”

 Obboleettiin Iirmaa jedhamtuu fi Jarman jiraattu umuriin ishii gara waggaa 90 ti. Balaan tasaa cimaan lama erga ishii mudatee fi yaalii baqaqsanii hodhuu hedduun erga ishiidhaaf godhamee booda akka kanaan duraa manaa gara manaa deemtee tajaajiluu hin dandeenye. Iirmaan yeroo ammaatti firoottan ishii fi namoota beektuuf xalayaa barreessuudhaan waaʼee amantii ishii isaanitti himti. Xalayaan jajjabinaa Iirmaan barreessitu baayʼee fudhatama waan argateef namoonni xalayaan kan biraa yoom akka isaaniif ergamu bilbilanii ishii gaafatu turan. Xalayaan galataa deebitee akka isaaniif barreessitu gaafatan hedduunis ishiidhaaf ergameera. Iirmaan: “Kun hundi gammachuu akkan qabaadhuu fi karaa hafuuraa dammaqaa taʼee akkan itti fufu na gargaaraniiru” jetteetti.

 Kana malees Iirmaan namoota dhaabbilee maanguddoota kunuunsan keessa jiraniif xalayaa ergiteetti. Akkana jetteetti: “Maanguddoon tokko naa bilbiltee abbaan manaa ishii erga duʼee booda xalayaan ishiidhaaf barreesse baayʼee akka ishii jajjabeesse natti himte. Xalayaa sana Kitaaba Qulqulluu ishii keessa kaaʼuudhaan galgala yeroo baayʼee ni dubbisti turte. Dubartiin kan biraa abbaan manaa ishii dhiheenyatti duʼe immoo xalayaan ani ishiidhaaf barreesse lallaba qeesotaa caalaa akka ishii gargaare dubbatteetti. Gaaffiiwwan deebii isaanii argachuu barbaaddu hedduu kan qabdu siʼa taʼu, ana bira dhufuu akka barbaaddu na gaafatte.”

 Dubartiin Iirmaa wajjin wal beektuu fi Dhugaa Baatuu hin taane, akkasumas bakka fagoo deemte, Iirmaan xalayaa akka ishiidhaaf barreessitu gaafatte. Iirmaan akkana jetteetti: “Dubartiin tun xalayaan ani ishiidhaaf barreesse hunda olkeesseetti. Erga ishiin duutee booda intalli ishii naaf bilbiltee xalayaawwan ani haadha ishiitiif barreesse sana hunda akka dubbistee fi xalayaawwan Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼan ishiidhaafis akkan barreessu na gaafatte.”

 Iirmaan tajaajila ishiitti baayʼee gammaddeetti. Akkana jetteetti: “Yihowaan humna isa tajaajiluu koo itti fufuuf na dandeessisu akka naa kennu cimseen kadhadhe. Manaa gara manaa deemee tajaajiluu baadhus, Yihowaa tajaajiluuf wantan dandaʼu hunda nan godha.”