Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

JW LIBRARY

“JW Library” Fayyadamuu Jalqabaa—Andirooyidii

“JW Library” Fayyadamuu Jalqabaa—Andirooyidii

Gara JW Library baga nagaan dhufte. Appilikeeshiniin kun Kitaaba Qulqulluu dubbisuu fi qoʼachuuf kan qophaaʼe dha. Qabiyyeewwan appilikeeshinii kanaa warra guguddaa argachuuf kutaa filannoowwan keessatti tarreeffamanitti fayyadamuu dandeessa. Filannoowwan kana argachuuf, qarqara iskiriinii isa bitaa irraa gara mirgaatti harkisi ykn mallattoo filannoo garaa garaa siif tarreessu tuqi.

 Bible

Kutaan Bible jedhu Kitaaba Qulqulluu dubbisuu fi garagalfachuuf si gargaara. Dubbisuu jalqabuudhaaf kitaaba Kitaaba Qulqulluu tokko, achiis boqonnaa barbaaddu tuqi. Yeroo dubbistutti miiljaleewwan, odeeffannoowwan dabalataa fi hiikkaawwan dabalataa kutaa qoʼannaadhaaf gargaaru keessatti argachuu dandeessa.

Caqasa kan biraa ilaaluu yoo barbaadde, kutaa filannoowwan keessatti tarreeffamanitti deebiʼiitii Bible isa jedhu tuqi.

 Publications

Kutaan Publications jedhu barreeffama, wantoota sagaleedhaan qophaaʼan, akkasumas viidiyoowwan argachuuf si dandeessisa. Dubbisuu jalqabuuf barreeffama tokko, achiis mata duree barbaaddu tuqi. Yeroo dubbistutti caqasootas ilaaluu ni dandeessa. Kutaa qoʼannaadhaaf gargaaru keessatti akka mulʼatuuf, caqasicha tuqi. Iddoo caqasichi Kitaaba Qulqulluu keessatti itti argamu argachuuf liinkii kutaa qoʼannaadhaaf gargaaru jala jiru tuqi.

Wanta kan biraa banuuf, kutaa filannoowwan keessatti tarreeffamanitti deebiʼiitii Publications isa jedhu tuqi.

 Daily Text

Caqasa guyyaa dubbisuudhaaf kutaa filannoowwan keessatti tarreeffaman baniitii Daily Text isa jedhu tuqi.

 Online

Kutaan Online jedhuu fi kutaa filannoowwan keessatti tarreeffaman jalatti argamu liinkiiwwan gara Weebsaayitiiwwan keenyaatti geessan kan qabate dha.

 Wantoota Haaraa Argadhu

Yeroo yerootti meeshaa elektirooniksii kee apdeetii gochuudhaan qabiyyeewwan JW Library haaraa argadhu.

Akkasumas bilbila keetiif Andirooyidii haaraan yeroo baʼutti feʼachuun kee gaarii dha. Odeeffannoo dabalataa argachuuf liinkii armaan gadii ilaali: https://support.google.com/nexus/answer/4457705.

Akka sii salphatuuf, seetiingii bilbila kee keessaa appilikeeshinichi ofiin akka of haaressu gochuu dandeessa. Odeeffannoo dabalataa argachuuf liinkii armaan gadii ilaali: https://support.google.com/googleplay/answer/113412.