Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Waaʼee Dhugaa Baatota Yihowaa Maal Beekta?

Waaʼee Dhugaa Baatota Yihowaa Maal Beekta?

Namootaaf yeroo lallabnu nu argita. Tarii waaʼee keenya dubbistee ykn namoota irraa dhageessee taʼuu dandaʼa. Garuu waaʼee Dhugaa Baatota Yihowaa hammam sirriitti beekta?

BEEKUMSA KEE MADAALI

Hima armaan gadii dhugaa ykn soba jedhii deebisi.

DHUGAA SOBA

  1. Dhugaa Baatonni Yihowaa Kiristiyaanota dha.

  2. Dhugaa Baatonni Yihowaa kiriʼeeshiniistota dha.

  3. Dhugaa Baatonni Yihowaa yaalii fayyaa hin fudhatan.

  4. Dhugaa Baatonni Yihowaa guutummaa Kitaaba Qulqulluutti amanu.

  5. Dhugaa Baatonni Yihowaa Kitaaba Qulqulluu ofii isaaniitii hiikanitti qofa fayyadamu.

  6. Dhugaa Baatonni Yihowaa amantii isaanii wajjin wal simsiisuuf Kitaaba Qulqulluu isaanii jijjiiraniiru.

  7. Dhugaa Baatonni Yihowaa sochii hawaasummaa irratti hin hirmaatan.

  8. Dhugaa Baatonni Yihowaa namoota amantii biraa hordofan ni tuffatu.

Deebii isaa beekuuf fuulawwan itti aanan ilaali.

  1. 1 DHUGAA. Barumsaa fi amala Yesus Kiristos akka gaariitti hordofuuf ni yaalla. (1 Phexros 2:21) Haa taʼu malee, wantoonni gareewwan amantii Kiristiyaanota jedhaman kaan irraa adda nu taasisan jiru. Fakkeenyaaf, Yesus kutaa Sillaasee utuu hin taʼin, Ilma Waaqayyoo taʼuu isaa Kitaaba Qulqulluu irraa hubanneera. (Maarqos 12:29, hiika bara 1899) Lubbuun hin duutu jennee hin amannu; akkasumas Kitaabni Qulqulluun ragaa Waaqayyo namoota ibidda bara baraatiin ni dhiphisa jechuuf nu dandeessisu qabateera jennee hin amannu. Kana malees, namoonni hojii amantii geggeessan maqaa ulfinaa warra kaan irraa adda isaan taasisu qabaachuu qabu jennee hin amannu.—Lallaba 9:5; Hisqiʼel 18:4; Maatewos 23:8-10.

  2. 2 SOBA. Wanta hunda kan uume Waaqayyo akka taʼe amanna. Taʼus, wantoota kiriʼeeshiniistonni hedduun amanan irratti walii hin gallu. Maaliif? Yaadni kiriʼeeshiniistotaa hedduun yaada Kitaaba Qulqulluu wajjin waan wal hin simneefi dha. Fakkeenyaaf, isaan keessaa tokko tokko guyyaan uumamaa jaʼan saʼaatii 24 kan qabani dha jedhanii amanu. Haa taʼu malee, jechi Kitaaba Qulqulluu “guyyaa” jedhu, yeroo dheeraa argisiisuu dandaʼa. (Uumama 2:4 hiika bara 1899; Faarfannaa 90:4) Kana malees, kiriʼeeshiniistonni tokko tokko lafti erga uumamtee waggoota kuma muraasa qofa akka taʼe dubbatu. Haa taʼu malee, Kitaabni Qulqulluun laftii fi hawaan guyyoota uumamaa jaʼan dura akka turan dubbata. 1Uumama 1:1.

  3. 3 SOBA. Yaalii fayyaa ni fudhanna. Nu keessaa tokko tokko iyyuu akkuma Kiristiyaana jaarraa jalqabaa Luqaas jedhamuu ogeeyyii fayyaa dha. (Qolosaayis 4:14) Taʼus, gosa yaalii fayyaa Kitaaba Qulqulluu wajjin wal faallessu kam iyyuu hin fudhannu. Fakkeenyaaf, Kitaabni Qulqulluun dhiiga gara qaama ofiitti galchuu waan dhorkuuf, dhiiga hin fudhannu.Hojii Ergamootaa 15:20, 28, 29.

    Taʼus, ofii keenyaafis taʼe maatii keenyaaf yaalii fayyaa gaarii argachuuf carraaqqii ni goona. Malli dhiigni baayʼeen akka hin dhangalaane godhuu fi Dhugaa Baatota gargaaruuf jalqabame, amma namoota hedduu gargaaruuf hojii irra oolaa jira. Biyyoota hedduu keessatti dhukkubsataan kam iyyuu, dhibeewwan dhiiga keessatti uumaman, dandeettii dhibee of irraa ittisuu irratti miidhaa gaʼuu fi dogoggora ogeeyyiin hojjetan dabalatee rakkoowwan dhiiga fudhachuudhaan uumaman irraa fagaachuu ni dandaʼa.

  4. 4 DHUGAA. Kitaabni Qulqulluun guutummaan isaa “geggeessaa hafuura Waaqayyootiin” akka barreeffamee fi ‘dhimma akka baasu’ ni amanna. (2 Ximotewos 3:16) Kun kutaawwan yeroo baayʼee Kakuu Moofaa fi Kakuu Haaraa jedhamanii waamaman kan dabalatu dha. Nuti kutaawwan Kitaaba Qulqulluu kana Kitaabota Qulqulluu Afaan Ibrootaa fi Kitaabota Qulqulluu Afaan Giriikii jennee waamna. Akkas kan jennu, kutaawwan Kitaaba Qulqulluu tokko tokko yeroon kan itti darbee fi kan hin fayyadne dha yaada jedhu akka hin dabarsineefi dha.

  5. 5 SOBA. Kitaaba Qulqulluu yeroo qoʼannutti hiikkaawwan garaa garaa fayyadamna. Haa taʼu malee, Kitaabni Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa maqaa Waaqayyoo kan qabate, sirriitti kan hiikamee fi hubachuuf kan salphatu waan taʼeef, afaanota ittiin qophaaʼeen hiika kanatti fayyadamuu filanna. Fakkeenyaaf, waaʼee itti fayyadama maqaa Waaqayyoo isa Yihowaa jedhamuu ilaali. Seensa Kitaaba Qulqulluu tokkoo irratti maqaan namoota hiikkaa isaa irratti gumaacha godhan 79 baʼeera. Taʼus, Kitaabni Qulqulluun kun maqaa abbaa kitaabichaatti, jechuunis maqaa Yihowaatti hin fayyadamne! Haala kana irraa faallaa taʼeen, Hiikni Addunyaa Haaraa maqaa Waaqayyoo bakka kumaan lakkaaʼamu, jechuunis bakka barreeffama isa jalqabaa keessa ture hundatti iddootti deebiseera. 2

  6. 6 SOBA. Barumsawwan keenya Kitaaba Qulqulluu wajjin kan wal siman guutummaatti akka hin taane yeroo hubannetti, sirreeffama irratti gooneerra. Kitaabni Qulqulluun Hiika Addunyaa Haaraa bara 1950⁠tti qophaaʼuu isaa dura, hiikkaawwan yeroo sana turanitti fayyadamna turre; barumsi keenyas isaan irratti kan hundaaʼe ture.

  7. 7 SOBA. Lallabni keenya namoota hawaasa keenya keessa jiran hedduu ni gargaara. Namoonni hedduun araadota nama miidhan, kan akka araada qoricha sammuu namaa hadoochuu fi araada alkoolii irraa bilisa akka baʼan gargaarreerra. Namoonni kumaan lakkaaʼaman dubbisuu fi barreessuu akka dandaʼan gargaarreerra. Yeroo balaan uumamaa gaʼutti namoota Dhugaa Baatota taʼaniifis taʼe hin taaneef gargaarsa ni goona. Namoonni balaan irra gaʼe deggersi miiraa fi hafuuraa baayʼee kan isaan barbaachisu siʼa taʼu, deggersa akkasii isaaniif gochuuf ni yaalla. 3

  8. 8 SOBA. Namoonni amantii kam iyyuu kan hordofan yoo taʼe, gorsa Kitaaba Qulqulluu “Namoota hundumaaf ulfina kennaa” jedhu hordofna. (1 Phexros 2:17) Fakkeenyaaf, biyyoota tokko tokko keessatti lakkoofsi keenya kumaatama dhibbatti kan lakkaaʼamu taʼus, abbootiin taayitaa ykn warri seera baasan hojii amantiiwwan kaanii akka daangessan ykn akka dhorkan dhiibbaa irratti hin goonu. Hawaasni ilaalcha nuti naamusaa fi amantii ilaalchisee qabnu akka fudhatu seerri dirqisiisu akka baʼu gochuuf hiriira hin baanu. Kanaa mannaa, akkuma namoonni mirga keenya akka kabajan barbaannu, nutis mirga isaanii ni kabajna.—Maatewos 7:12.

Mata dureen kun yaada weebsaayitii keenya jw.org irraa fudhatame qaba. Odeeffannoo dabalataa argachuuf, WAAʼEE KEENYA > GAAFFIIWWAN YEROO BAAYʼEE GAAFATAMAN kan jedhu ilaali.

^ 1. Kanaaf, nuti akka kiriʼeeshiniistota tokko tokkoo, qorannaa amansiisaa saayintistoonni geggeessanii fi tarii lafti erga uumamtee waggoonni biliyoonaan lakkaaʼaman akka darban ibsu hin morminu.

^ 2. Wanti Hiika Addunyaa Haaraa adda taasisu kan biraanis jira: Kaffaltii malee raabsama. Kanaan kan kaʼe, namoonni miliyoonaan lakkaaʼaman afaan dhalootaa isaaniitiin Kitaaba Qulqulluu dubbisuu dandaʼaniiru. Yeroo ammaatti Hiikni Addunyaa Haaraa afaanota 130n ni argama. Intarneetii irratti weebsaayitii www.mt711.com jedhamu irraa dubbisuu dandeessa.

^ 3. Qarshii buusii godhamu karaan itti fayyadamnu inni tokko warra balaan uumamaa mudate gargaaruu dha. (Hojii Ergamootaa 11:27-30) Hojichi kan hojjetamu namoota fedhiidhaan of dhiheessaniin waan taʼeef, qarshiin dhimma kanaaf ramadamu miindaa kaffaluuf utuu hin taʼin gargaarsaaf qofa oola.