Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Qorichi dhukkuba tokkoof kennamu mallattoolee dhukkubichaa kan balleessu qofa utuu hin taʼin kaʼumsa isaas kan walʼaanu taʼuu qaba

HAALA RAKKISAA

Kaʼumsa Rakkoowwan Keenyaa Wallaaluu

Kaʼumsa Rakkoowwan Keenyaa Wallaaluu

Ilmaan namootaa rakkoowwan nagaa nu dhabsiisanii fi jireenya keenya gara fuulduraa balaadhaaf saaxilan hedduu furuu akka dandaʼan sitti dhagaʼamaa? Rakkoo keenya kamiifiyyuu furmaata dhugaa kennuun kan dandaʼamu kaʼumsisaa yoo beekame qofadha.

Fakkeenyaaf, namichi Toom jedhamu erga dhukkubsatee yeroo muraasa booda ni duʼe. Kan duʼe maaliifi? Doktarri hospitaala Toom duʼuu isaa yeroo muraasa dura keessa ciisaa ture keessaa hojjetu tokko, “Mallattoon dhukkubichaa akkuma irratti mulʼateen namni kaʼumsi isaa maal akka taʼe qorachuuf yaale hin jiru” jedheera. Doktaroonni jalqabarratti Toomiin walʼaanaa turan dhukkubbii isaa akka dandamatuuf qofa qoricha isaaf kennaa kan turan fakkaata.

Ilmaan namootaa rakkina addunyaa furaa kan jiran haaluma kanaa wajjin wal fakkaatuuni. Fakkeenyaaf, mootummoonni yakka toʼachuuf jecha seerota ni tumu, kaameeraa dhoksaatti waraabu ni dhaabu, akkasumas humnoota poolisii ni cimsu. Tarkaanfiiwwan kun hamma tokko milkaaʼina kan argamsiisan taʼus, wantoota rakkinichaaf kaʼumsa taʼan balleessuu hin dandaʼan. Amalli namoonni argisiisan yaada, ilaalchaa fi fedhii isaan qabanirratti kan hundaaʼedha.

Daaniʼel inni biyya Ameerikaa Kibbaa kufaatiin diinagdee mudate tokko keessa jiraatu akkana jedheera: “Kanaan dura jireenya gaarii jiraachaa turre. Saamtonni hidhatan nu mudatu jennee hin yaaddofnu turre. Amma garuu magaalaan ykn mandarri nagaa qabu hin jiru. Kufaatiin diinagdee kun namoonni hedduun sassattoota, akkasumas lubbuus taʼe qabeenya warra kaaniitiif kabaja kan hin qabne akka taʼan ifa godheera.”

Namichi Eeliyaas jedhamu tokko yeroo Baha Giddu Galeessaa keessatti jeequmsi uumametti biyya kan biraatti baqatee Kitaaba Qulqulluu qoʼachuu jalqabe. Akkana jedheera: “Naannoon itti guddadhetti maatiiwwan, geggeessitoonni siyaasaa fi geggeessitoonni amantaa akka gootaatti ilaalamuu akka dandaʼaniif waraanarratti akka hirmaatan dargaggoota hedduu jajjabeessu. Dargaggoonni garee faallaa keessa jiranis waanuma akkasii akka godhan isaanitti himama. Kun hundi bulchitoota ilmaan namootaatti amanamuun gadda guddaa akka geessisu akkan hubadhu na taasiseera.”

Kitaabni Qulqulluun akkana jechuun isaa sirriidha:

  • “Ijoollummaa isaatii jalqabee wanti namni garaa isaatti yaadu hamaa [dha].”​—Uumama 8:21.

  • “Garaan namaa wanta kam iyyuu caalaa gantuu dha, hamaa dhas. Eenyutu isa beekuu dandaʼa?”​—Ermiyaas 17:9.

  • “Garaa keessaa yaadni hamaan, jechuunis ajjeechaan, . . . halalummaan, hanni, sobaan ragaa baʼuun . . . ni baʼa.”​—Maatewos 15:19.

Ilmaan namootaa fedhii hamaa namoonni qabanii fi warra kaan miidhu balleessuu hin dandaʼan. Fedhiin akkasii caalaatti hammaachaa deemee akkuma mata duree darberratti ilaalle rakkina hedduu geessisaa jira. (2 Ximotewos 3:1-5) Namoonni yeroo ammaatti yoomiyyuu caalaa beekumsaa fi karaa itti wal qunnamuu dandaʼan hedduu kan qaban taʼus rakkoowwan kana hambisuu hin dandeenye. Addunyaan iddoo naga qabeessa akka taʼu gochuu kan hin dandeenye maaliifi? Wanta humna keenyaa ol taʼe ofirraa eegaa jirraa? Wanta taʼuu hin dandeenye gochuuf yaalaa jirraa?

WANTA TAʼUU HIN DANDEENYE YAALAA JIRRAA?

Amala namootaa dinqiidhaan jijjiiruu utuu dandeenyellee, addunyaan iddoo nagaa qabu akka taʼu gochuu hin dandeenyu. Maaliif? Nuti namoonni humni keenya daangeffamaa waan taʼeefi.

Dhugaansaa kanadha: “[Namni] ofii isaatiin tarkaanfii isaa illee qajeelchuu hin dandaʼu.” (Ermiyaas 10:23) Kan uumamne akka ofiin of bulchinuuf miti. Uumamaan dandeettii bishaan jala ykn qilleensa naannootii ala jiraachuu akkuma hin qabne namoota bulchuus hin dandeenyu.

Uumamaan dandeettii bishaan keessa jiraachuu akkuma hin qabne, namoota bulchuufis dandeettii hin qabnu

Mee yaadi: Walumaa galatti namoonni warri kaan akkamitti jiraachuu akka qaban ykn ulaagaalee naamusaa kamfaa hordofuu akka qaban akka isaanitti himan ni barbaaduu? Namoonni ulfa baasuu, adabbii duʼaa ykn akkaataa ijoollee isaanii itti adabanirratti ilaalcha akkamii qabaachuu akka qaban yeroo warri kaan isaanitti himan isaanitti tolaa? Kunneen dhimmoota namoota qoqqoodan keessaa muraasa isaaniiti. Kanaafuu, fudhachuuf ulfaataa fakkaatus wanti Kitaabni Qulqulluun jedhu amansiisaadha. Ifatti akka hubannutti, namoota bulchuuf dandeettiis taʼe mirga hin qabnu. Maarree, gargaarsa eessaa argachuu dandeenya?

Uumaa keenyarraa gargaarsa argachuu dandeenya. Kan nu tolche isadha. Namoonni tokko tokko akkasitti yaaduu baatanis, inni nu hin irraanfatu. Baayʼee akka nuuf yaadu Kitaaba Qulqulluu keessatti ibsameera. Kitaaba adda taʼe kana yeroo hubannu, caalaatti of hubanna. Seenaan ilmaan namootaa baayʼee gaddisiisaa kan taʼe maaliif akka taʼes nuu gala. Akkuma falaasaan Jarmanii tokko barreessetti, “namoonnii fi mootummoonni seenaarraa waan tokkoyyuu kan hin baranne ykn amala isaaniirratti jijjiirama kan hin goone” maaliif akka taʼe ni hubanna.

OGUMMAAN KITAABA QULQULLUU KEESSATTI ARGAMU EEGUMSA NUUF GODHA

Namichi ogeessi tokko, “Ogummaan qajeelaa taʼuun ishii ijoollee [ykn buʼaa] ishii hundumaan mirkanaaʼeera” jedhee ture. (Luqaas 7:35) Fakkeenyi ogummaa kana argisiisu tokko yaada Isaayyaas 2:22 irratti argamuu fi “Ofuma keessaniif jedhaatii [namatti] amanamuu dhiisaa” jedhudha. Gorsi gaarii taʼe kun abdii sobaa fi wanta taʼuu hin dandeenye eeguurraa nu oolcha. Keeneez inni biyya Ameerikaa Kaabaa jeequmsi keessatti babalʼate tokko keessa jiraatu akkana jedheera: “Namoonni siyaasaa yeroo garaagaraatti kaʼan haala jiru akka fooyyessan waadaa kan galan taʼus, akkas gochuu hin dandaʼan. Waadaa galan eeguu dadhabuun isaanii wanti Kitaabni Qulqulluun dubbatu dhugaa fi ogummaarratti kan hundaaʼe taʼuu isaa mirkaneessa.”

Daaniʼel inni olitti ibsame akkana jedhee barreesseera: “Ilmaan namootaa akka gaariitti bulchuu akka hin dandeenye guyyaadhaa gara guyyaatti caalaatti ifa naa taʼeera. . . . Baankiidhaa maallaqa qabaachuun ykn madda galii tokko tokko qabaachuun kee qofti egeree amansiisaa siif hin argamsiisu. Namoonni waaʼee kanaa baayʼee yeroo dhiphatan argeera.”

Kitaabni Qulqulluun wanta taʼuu hin dandeenye eeguurraa nu oolchuu qofa utuu hin taʼin faayidaa kan biraas nuuf argamsiisa. Akkuma itti aansuudhaan ilaallu abdiis nuuf kenna.