Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

QAAMNI KANA TOLCHE JIRAA?

Boca Elellaan

Boca Elellaan

ELELLAAN, cilalluun dhiibbaa guddaa galaanaa jala jiru damdamatee haala rakkisaa keessa akka jiraatu isa gargaara. Dandeettiin elellaan balaa irraa eeguuf qabu, injiinaroonni bocaa fi akkaataa inni itti ijaarame qorachuuf isaan kakaaseera. Kana kan godhanis konkolaataa fi mana namoonni keessa jiraatan balaa irraa eegu hojjechuuf waan yaadaniifi.

Mee yaadi: Injiinaroonni boca elellaan cilalluu lama, jechuunis baayivaalvii fi ispaayiraal jedhaman irratti qorannoo gaggeessaa jiru.

Baayivaalvi isa jedhamuu wajjin haala walqabateen, wanti sarara fakkaatuu fi ala elellaan irra jiru dhiibbaan bakka kutaan elellaan itti wal qunnamu ykn qarqara elellaan bira akka dhaqu godha. Haala kana irraa faallaa taʼeen, isa ispaayiraal jedhamu irratti doggeen (curve) elellaan irra jiru dhiibbaan gara walakkaa elellaanii fi iddoo balʼaa gubbaa isaa irra jiruu akka dhaqu taasisa. Lamaan isaa irratti iyyuu bocni elellaan cilalluu dhiibbaan gara iddoo jabaa akka dhaqu taasisa. Kunis yeroo balaan gaʼutti miidhaan cilalluu sana irra gaʼuu dandaʼu baayʼee akka xiqqaatu godha.

Qorattoonni elellaan cilalluu isa dhugaa fuudhanii boca elellaan fakkeessuudhaan piriintaroota 3-D jedhaman hojjetanii wajjin wal bira qabanii ilaalaniiru. Buʼaan qorannichaa akka argisiisetti, dandeettiin irra keessi elellaan cilalluu inni uumamaa dhiibbaa damdamachuuf qabu bocawwan kaan dachaadhaan caala.

Barreeffamni Scientific American jedhamu buʼaa qorannoo kanaa hojii irra oolchuu ilaalchisee akkana jedheera: “Gaaf tokko tarii konkolaataa boca elellaan qabu yoo konkolaachisne, konkolaataa bareedaa fi qaama laafaa isa keessa jiru balaa irraa eegu qabaanna.”

Maal sitti fakkaata? Bocni elellaan jijjiirama tirannaatiin kan argame dhaa? Moo qaamni kana tolche jira?