Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

MATADUREE FUULA JALQABAA | MAALIIFAN JIRAADHA?

Gargaarsa Waan Qabduuf

Gargaarsa Waan Qabduuf

“Inni isiniif waan yaaduuf, yaaddoo keessan hundumaa Waaqayyotti gataatii dhiisaa!”—1 PHEXROS 5:7.

Haalakee jijjiiruuf wanti gochuu dandeessu akka hin jirre yeroo sitti dhagaʼamu, jireenyarra duuti waan wayyu sitti fakkaachuu dandaʼa. Haataʼu malee, karaawwan gargaarsa argachuu itti dandeessu tokko tokko ilaali.

Kadhannaa. Kadhannaan wanta miirri gaariin akka sitti dhagaʼamuuf qofa gootu ykn wanta abdii yeroo kutattu qofa gootu miti. Kanaa mannaa, karaa itti Waaqakee Yihowaa isa siif yaaduu wajjin itti haasoftudha. Yihowaan wanta si yaaddessu akka isatti himtu barbaada. Macaafni Qulqulluun, “Wanta yaada sitti taʼu Waaqayyotti gatii dhiisi, inni akka ati hin kufnetti si irkisa” jechuudhaan nu jajjabeessa.—Faarfannaa 55:22.

Harʼa Waaqayyoon kadhannaadhaan maaliif hin haasofsiistu? Maqaasaa isa Yihowaa jedhamutti fayyadami; akkasumas garaadhaa isa haasofsiisi. (Faarfannaa 62:8) Yihowaan akka michuutti akka isatti dhihaattu barbaada. (Isaayaas 55:6; Yaaqoob 2:23) Kadhannaan, karaa ati Yihowaa wajjin itti walqunnamtuufi yeroofi iddoo kamittiyyuu itti fayyadamuu kan dandeessudha.

Dhaabbanni Ameerikaa keessatti argamuufi of ajjeesuu ittisuuf hundeeffame tokko akka ibsetti, “qorannoowwan hedduun akka argisiisanitti namoota of ajjeesan keessaa baayʼeensaanii jechuunis, parsantii 90fi isaa ol kan taʼan yeroo of ajjeesanitti dhibee sammuu qabu turan. Haataʼu malee, sana dura dhibeewwan kun hin hubatamne, mana yaalaatti hin qoratamne ykn yaaliin barbaachisaa taʼe hin godhamneef.”

Namoota siif yaadan. Maatiikee ykn hiriyootakee warra akka siif yaadan sitti himan dabalatee, waaʼeen jireenyakeetii namoota kaan ni yaaddessa. Namoonni siif yaadan tokko tokko kan ati gonkumaa hin beekne taʼuu dandaʼu. Fakkeenyaaf Dhugaa Baatonni Yihowaa ennaa lallaban, yeroo tokko tokko namoota dhiphina keessa jiran kan argatan siʼa taʼu, namoota kana keessaa tokko tokko gargaarsi akka isaan barbaachisuufi of ajjeesuuf yaadaa akka turan dubbataniiru. Lallabni manaa gara manaa Dhugaa Baatonni Yihowaa namoota akkasii gargaaruu akka dandaʼaniif carraa adda taʼe isaaniif baneera. Dhugaa Baatonni Yihowaa fakkeenya Yesus hordofuudhaan namootaaf ni yaadu. Siifis akka yaadan hin shakkisiisu.—Yohannis 13:35.

Gargaarsa ogeessota fayyaa. Namni tokko of ajjeesuuf yaaduunsaa, yeroo baayʼee jeeqama miiraa kan akka dhiphinaa akka qabu argisiisa. Akkuma dhibee kaaniin qabamuun si hin qaanessine, dhiphinaan qabamuunkees si qaanessuu hin qabu. Dhiphinni nama kamiiniyyuu qabuufi yaalamuu waan dandaʼuuf, “utaalloo sammuu” jedhameeyyuu ni waamama. *

KANA YAADADHU: Akkuma boolla gadi fagoo tokko keessaa gargaarsa malee baʼuun hin dandaʼamne, dhiphina guddaa keessaas ofii keetiin baʼuun yeroo baayʼee ulfaataadha. Gargaarsa yoo argatte garuu milkaaʼuu ni dandeessa.

WANTA HARʼA GOCHUU DANDEESSU: Ogeessa fayyaa beekamaa taʼeefi jeeqama miiraa kan akka dhiphinaa yaalu barbaadi.

^ key. 8 Yaanni of ajjeesuuf qabdu cimaafi kan itti fufu yoo taʼe, qophiin gargaarsa irraa argachuu dandeessu kan akka mana yaalaa yoo jiraate beekuuf yaali. Namoonni bakka akkasiitti hojjetan gargaarsa kennuu akka dandaʼaniif kan leenjifamanidha.