Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

JIBBA INJIFACHUUN KAN DANDAʼAMU AKKAMITTI?

3 | Jibba Sammuu Kee Keessaa Baasi

3 | Jibba Sammuu Kee Keessaa Baasi

Barumsa Kitaaba Qulqulluu:

“Wanta gaarii, wanta fudhatama qabuu fi fedhii Waaqayyoo isa mudaa hin qabne mirkaneeffachuu akka dandeessaniif, sammuu keessan haaressuudhaan jijjiiramaa.”ROOMAA 12:2.

Maal Jechuu Dha?

Waaqayyo wantoota yaannuuf xiyyeeffannaa ni kenna. (Ermiyaas 17:10) Wanta jibba argisiisu dubbachuu ykn raawwachuu irraa of qusachuu kan qabnu taʼus, kun qofti gaʼaa miti. Jibbi sammuu fi garaa keessaa jalqaba. Kanaafuu, yaadaa fi miira jibba argisiisu kamiyyuu of keessaa baasuu qabna. Guutummaatti ‘jijjiiramuudhaan’ jibba injifachuu kan dandeenyu yoo akkas goone qofa dha.

Maal Gochuu Dandeessa?

Namoota kaaniif keessumaa warra sanyii ykn lammummaa sirraa adda taʼe qabaniif ilaalchaa fi miira akkamii akka qabdu haqaan of qori. Akkana jedhii of gaafadhu: ‘Ilaalcha akkamiin isaaniif qaba? Ilaalchin isaaniif qabu wantan waaʼee isaanii beeku irratti moo jibba halaalaa irratti kan hundaaʼe dha?’ Weebsaayitii hawaasaa, fiilmiiwwanii fi bashannana jibbaa fi hammina babalʼisan irraa fagaadhu.

Dubbiin Waaqayyoo jibba garaa fi sammuu keenya keessa jiru injifachuuf nu gargaara

Yaadaa fi miira keenya haqaan gamaaggamuun yeroo hunda salphaa miti. Taʼus Dubbiin Waaqayyoo “yaadaa fi kaayyoo garaa [keenyaa hubachuuf]” nu gargaaruu dandaʼa. (Ibroota 4:12) Kanaafuu, Kitaaba Qulqulluu qoruu kee itti fufi. Yaada kee barumsa Kitaaba Qulqulluu irraa argattu wajjin wal bira qabii ilaali; achiis yaada kee wanta Kitaabni Qulqulluun barsiisu wajjin wal simsiisuuf wanta siif dandaʼame hunda godhi. Dubbiin Waaqayyoo jibba sammuu fi yaada keenya keessatti akka ‘dahoo jabaa’ taʼe injifachuuf nu gargaara.—2 Qorontos 10:4, 5.