Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

MASARAA EEGUMSAA Lakk. 1 2023 | Fayyummaa Sammuu—Gargaarsa Kitaaba Qulqulluurraa Argamu

Addunyaa maratti namoonni miliyoonaan lakkaaʼaman dhibee sammuutiin dararamaa jiru. Dargaggoonnis taʼan maanguddoonni, namoonni sadarkaa diinagdee fi barumsaa garaa garaa qaban, akkasumas namoonni sanyii adda addaa taʼanii fi amantaa garaa garaa hordofan dhiphina wajjin walʼaansoo gochaa jiru. Dhibeen sammuu maalidha? Namootarratti dhiibbaa kan geessisuhoo akkamitti? Barruun kun barbaachisummaa yaalii fayyaa fi Kitaabni Qulqulluun namoota dhibee kanaan dararamaa jiran karaa adda addaatiin kan gargaaru akkamitti akka taʼe ibsa.

 

Dhibee Addunyaa Maratti Babalʼate

Dhibeen sammuu namoota umurii garaa garaarratti argaman ykn akkaataa guddinaa garaa garaa qaban tuquu dandaʼa. Gorsi Kitaaba Qulqulluu fayyummaa sammuu kee eeggachuuf kan si gargaaru akkamitti akka taʼe ilaali.

Waaqayyo Siif Yaada

Yihowaan yaadaa fi miira kee nama kamiyyuu caalaa akka siif hubatu maaltu siif mirkaneesse?

1 | Kadhannaa—“Yaaddoo Keessan Hundumaa Isa Irratti Gataa”

Waaʼee wanta si dhiphisuu fi si yaaddessuu dhugumaan kadhachuu ni dandeessaa? Kadhannaan namoota dhiphinaa wajjin walʼaansoo godhan gargaaruu kan dandaʼu akkamitti?

2 | “Jajjabina Kitaabota Qulqulluu Keessaa Argamu”

Kitaabni Qulqulluun miirawwan nama dhiphisan dhiheenyatti akka balleeffaman abdii kenna.

3 | Fakkeenyota Kitaaba Qulqulluurraa Fayyadami

Seenaa Kitaaba Qulqulluu dhiirotaa fi dubartoota miira akka keenyaa qabanii dubbisuun yeroo miirri keenya jeeqamu kophummaan akka nutti hin dhagaʼamne godha.

4 | Kitaabni Qulqulluun Gorsa Gaarii Nuuf Kenna

Caqasoota Kitaaba Qulqulluurratti xiinxaluunii fi galma baafachuun dhibee sammuu dandamachuuf kan si gargaaru akkamitti akka taʼe ilaali.

Namoota Dhibee Sammuu Qaban Gargaaruu

Nama dhibee sammuu qabuuf gargaarsa gochuun kee jijjiirama fiduu dandaʼa.