Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Kana Beektaa?

Kana Beektaa?

Xuubiiwwan jijjigaa Baabilon durii keessatti argamanii fi malli xuubiiwwan kun itti tolfaman Kitaabni Qulqulluun dhugaa taʼuu isaa kan mirkaneessan akkamitti?

QORATTOONNI arkiyooloojii Baabilon durii keessatti xuubiiwwan gubamanii fi miliyoonaan lakkaaʼaman argataniiru; xuubiiwwan kun magaalattii ijaaruuf oolanii turan. Qorataa arkiyooloojii kan taʼan Roobarti Koldeweey akka jedhanitti, xuubiiwwan akkasii kan tolfaman iddoo ibiddaa ‘magaalattiidhaa alatti argamu keessattidha; achitti suphee gaariinii fi wanti bobeessan hedduun ni argama ture.’

Argannoon arkiyooloojii akka argisiisutti abbootiin taayitaa Baabilon iddoowwan ibiddaa kana wanta suukanneessaa taʼe raawwachuufis itti fayyadamu turan. Yunivarsiitii Toorontoo keessatti hayyuu seenaa fi afaan Asoor durii kan taʼan Pool Alaan Booliyuun akkana jedhaniiru: “Barreeffamoonni Baabilonotaa garaa garaa akka argisiisanitti, . . . mootichi namoonni isaaf hin ajajamne ykn wantoota qulqulluu taʼan tuffatan iddoo ibiddaa keessatti darbatamanii akka gubaman ajaja dabarsa ture.” Fakkeenyaaf, barreeffamni bara Nebukadnezaar Mootichaatti qophaaʼe tokko hima akkana jedhu qabateera: “Isaan barbadeessaa, isaan gubaa, isaan waadaa, . . . iddoo ibiddaa keessatti . . . aarri isaanii akka ol baʼu godhaa; lubbuun isaanii ibidda bobaʼu keessatti akka badu godhaa.”

Namoonni Kitaaba Qulqulluu dubbisan yaada kana yeroo argan seenaa Daaniʼel boqonnaa 3 irratti galmeeffame yaadatu. Seenaan kun akka argisiisutti Nebukadnezaar Mootichi magaalaa Baabilonii alatti dirree Duuraa irra siidaa guddaa warqiirraa tolfame dhaabee ture. Nebukadnezaar Ibroonni sadan Shaadraak, Meeshaakii fi Abedneegoo jedhaman siidaa kanaaf sagaduu yeroo didanitti baayʼee aaree, ibidda iddoo ibiddaa keessa jiru “isa duraa caalaa dachaa torba akka bobeessan” ajaje; namoonni sadan sunis “ibidda bobaʼaa jiru sana keessatti [akka] darbataman” godhe. Taʼus, maleekaan humna guddaa qabu tokko duʼarraa isaan oolche.—Dan. 3:1-6, 19-28.

© The Trustees of the British Museum. Licensed under CC BY-NC-SA 4.0. Source

Xuubii maqaan Nebukadnezaar irratti bocamee fi gubame

Xuubiiwwan Baabilonotaas Kitaabni Qulqulluun seenaa dhugaa kan qabate taʼuu isaa mirkaneessu. Baayʼee isaaniirratti yaanni mooticha jaju bocameera. Fakkeenyaaf, xuubii tokkorratti yaanni akkana jedhu bocameera: “Nebukadnezaar, Mootii Baabilon . . . Mana mootummaa ani Mootii Guddichi ijaare . . . Sanyiiwwan koo barabaraaf kan keessatti bulchan haa taʼu.” Yaanni kun yaada Daaniʼel 4:30 irratti argamuu fi Nebukadnezaar of tuuluudhaan dubbate kana wajjin baayʼee wal fakkaata: “Kun Baabilon Guddittii ishii mana mootummaa akka taatuuf, akkasumas guddina ulfina kootiif jedhee, anumti humna koo fi jabina kootiin ijaare sana mitii?”