Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Siliindarii suphee irraa hojjetamee fi maqaa Belshaazaar qabatee jiru

Kana Beektaa?

Kana Beektaa?

Belshaazaar mootii Baabilon akka ture qorannoon arkiʼoolojii kan mirkaneessu akkamitti?

WAGGOOTA hedduudhaaf, qeeqxonni Kitaaba Qulqulluu Belshaazaar Mootichi inni kitaaba Daaniʼel keessatti caqasame matumaa akka hin jiraanne dubbachaa turaniiru. (Dan. 5:1) Ilaalcha akkasii qabaachuu kan dandaʼanis, arkiʼoolojistoonni Belshaazaar nama jiraate taʼuu isaa ragaa argisiisu waan hin arganneefi. Haa taʼu malee, bara 1854⁠tti ilaalchi isaanii kun jijjiirameera. Maaliif?

Waggaa sanatti qonsiilaan Biritaaniyaa Joon Joorji Teeyilar jedhamu jijjigaa muraasa magaalaa durii Uur keessatti argamu irratti qorannaa kan godhe siʼa taʼu, iddoon kun yeroo ammaatti kibba Iraaqitti argama. Qorataan kun bakka kanatti gamoo guddaa tokko keessatti siliindaroota suphee irraa hojjetaman hedduu argateera. Siliindaroonni kun tokkoon tokkoon isaanii seentiimeetira kudhan kan dheeratanii fi mala kiyuunifoormiitiin kan irratti barreeffamani dha. Barreeffamni siliindaroota kana keessaa isa tokko irratti barreeffame kadhannaa Naabooniidas Mootiin Baabilonii fi Belshaazaar ilmi isaa hangafni umurii dheeraa akka jiraataniif dhihaate of keessatti qabateera. Argannoon kun Belshaazaar dhugumaan jiraachuu isaa akka mirkaneessu qeeqxonni illee irratti walii galu.

Haa taʼu malee, Kitaabni Qulqulluun Belshaazaar nama lubbuudhaan jiraate qofa utuu hin taʼin mootiis akka ture dubbata. Qeeqxonni kana irrattis shakkii qabu. Fakkeenyaaf, saayintistiin jaarraa 19⁠ffaa biyya Ingilaandii fi Wiiliyaam Taalboot jedhamu namoonni tokko tokko akkana jedhanii akka dubbatan barreesseera: “Belshaazaar abbaa isaa Naabooniidas wajjin yeroo wal fakkaatutti mootii taʼee bulcheera. Ragaan xiqqoon kana mirkaneessu garuu hin jiru.”

Haa taʼu malee, barreeffamni siliindarii suphee irraa hojjetame kan biraa irratti barreeffamee fi yeroo tokko abbaan Belshaazaar, Naabooniidas Mootichi yeroo dheeraadhaaf Baabilonii baʼee akka ture ibsu yommuu argamu falmiin kun furmaata argateera. Maarree yeroo inni hin jirre kanatti maaltu taʼe? Kitaabni Encyclopaedia Britannica jedhamu akkana jedha: “Naabooniidas yeroo biyyaa baʼee turetti aangoo isaa fi humna waraanaa isaa gara caalu imaanaadhaan Belshaazaaritti kennateera.” Kanaafuu Belshaazaar yeroo sanatti Baabilon keessatti bakka abbaa isaa buʼee bulcheera. Arkiʼoolojistii fi hayyuu afaanii kan taʼe Aalan Miilaardi, “Kitaabni Daaniʼel Belshaazaariin ‘mootii’ jedhee waamuun isaa” sirrii akka taʼe dubbateera.

Dhugaadha, tajaajiltoota Waaqayyootiif kitaabni Daaniʼel amansiisaa fi geggeessaa hafuura Waaqayyootiin barreeffamuu isaa ragaan mirkaneessu inni guddaan Kitaaba Qulqulluu keessatti argama.—2 Xim. 3:16.