Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Miseensa Maatii Qayyaafaa Turte

Miseensa Maatii Qayyaafaa Turte

Yeroo tokko tokko, Qorannaan arkiʼooloojii kallattiidhaanis taʼe kallattiin ala, namoonni Macaafa Qulqulluu keessatti caqasaman dhugumaan jiraachaa kan turan taʼuusaanii mirkaneessu. Fakkeenyaaf bara 2011⁠tti hayyoonni Israaʼel, odeeffannoo waaʼee nama Macaafa Macaafa Qulqulluu keessatti caqasame tokkoo ibsu baasanii turan. Awwaala waggaa 2,000 taʼe keessaa, saanduqa bareedaa dhagaa booraleerraa hojjetameefi lafeen namaa keessa jiru argatanii turan.

Barreeffamni saanduqa kanarra jiru, “Miiryaam intala Yeshuwaa isa ilma Qayyaafaa, luba Maʼaaziyaa, nama biyya Bet Iimrii” jedha. Namoota Yesus firdiitti akka dhihaatuufi akka ajjeefamu godhan keessaa angafni lubaa Yihudootaa inni miseensa maatii Qayyaafaa ture isa tokkodha. (Yoh. 11:48-50) Barreessaa seenaa kan taʼe Filaaviyas Joseefas, nama kanaan, “Yoseef isa Qayyaafaa jedhamee waamamu” jedheera. a Saanduqni lafee Miiryaam qabate kun firootasaa keessaa kan isa tokkoo taʼuu akka dandaʼu haalasaarraa hubachuun ni dandaʼama. Barreeffamni saanduqa sanaan dura argame tokkorra jiru, saanduqichi kan angafa lubaa “Yehoseef baar Qayyaafaa” ykn Yoseef, ilma Qayyaafaa akka taʼe waan yaadamuuf, Miiryaam karaa taʼe tokkoon fira Qayyaafaa taʼuu hin ooltu.

Akka Abbaan Taayitaa Godambaa Israaʼel ibsetti, saanduqni Miiryaam hattoota iddoo awwaalchaa durii saaman harkaa fudhatame. Qorannaan saanduqa kanarratti godhameefi barreeffamni achirra jiru seenaan kun sirrii taʼuusaa mirkaneessa.

Saanduqni reeffa Miiryaam qabate kun, odeeffannoo haaraa taʼe tokkos qaba. Kutaa lubootaa 24 mana qulqullummaa Yerusaalem keessaatti dabaree dabareedhaan tajaajilan keessaa isa xumuraa kan taʼe “Maaziyaa” caqasa. (1 Sen. 24:18) Abbaan Taayitaa Godambaa Israaʼel akka ibsetti barreeffamni saanduqa kanarra jiru “Maatiin Qayyaafaa sanyii Maaziyaa akka taʼe” addeessa.

Yaanni saanduqa kanarratti barreeffame Beet Iimriis ni caqasa. Barreeffama kanarratti hiikni garaagaraa lama kennameera. Akka Abbaan Taayitaa Godambaa Israaʼel ibsetti, “hiikni inni jalqabaa, Beet Iimriin maqaa maatii lubaa, jechuunis ilmaan Iimer (Iz. 2:36-37; Nah. 7:39-42) warra hidda dhalootaa Maaziyaa taʼan argisiisa.” “Hiikni inni lammaffaanimmoo [Beet Iimriin] bakka Miiryaam ykn guutummaan maatiishee itti awwaalaman akka taʼe kan ibsudha.” Kanas taʼe sana, saanduqni reeffa Miiryaam qabatee jiru kun, namoonni Macaafa Qulqulluu keessatti caqasaman dhugumaan kan turaniifi toora maatii dhugaa taʼe kan qaban taʼuusaanii mirkaneessa.

a Saanduqa reeffa Qayyaafaa ilaalchisee, mataduree “Angafa Lubaa Yesusirratti Duʼa Murteesse” jedhuufi Masaraa Eegumsaa Amajjii 15, 2006, fuula 10-13⁠rra jiru ilaali. (Amaariffa)