Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Gaaffii Dubbistootaa

Dhugaa Baatonni Yihowaa Dubartoota Waaʼee Amantii Barsiisan Qabuu?

Dhugaa Baatonni Yihowaa Dubartoota Waaʼee Amantii Barsiisan Qabuu?

Eeyyee! Dhugaa Baatonni Yihowaa addunyaa maratti dubartoota miliyoona hedduutti lakkaaʼamaniifi waaʼee amantii barsiisan qabu. Dubartoonni hedduun misiraachoo Mootummaa Waaqayyoo lallabaa jiru. Raajiin Faarfannaa 68:11⁠rra jiru dubartoota tajaajiltoota taʼan ilaalchisee, “Waaqayyo dubbii isaa in dhageessisa, dubartoonni warri misraachoo himan sun macca guddaa turan” jedha.

Haataʼu malee, tajaajilli dubartoonni Dhugaa Baatota Yihowaa taʼan dhiheessan, tajaajila dubartoonni amantii kaan keessatti luba taʼuudhaan dhiheessanii wajjin tokko akka taʼetti yaaduu hin qabnu. Tajaajila isaan dhiheessan gidduu garaagarummaa guddaatu jira. Tajaajilli isaan dhiheessan garaagara kan taʼe akkamitti?

Namoonni isaan barsiisan garaagaradha. Dubartoonni Saba Kiristiyaanaa luba taʼan waldaasaanii keessatti geggeessitoota waan taʼaniif adda durummaadhaan kan barsiisan miseensotasaaniiti. Dubartoonni Dhugaa Baatota Yihowaa taʼan garuu kan barsiisan namoota gumiisaaniitii ala jiran, jechuunis namoota manaa gara manaattiifi bakka garabiraatti yommuu tajaajilan argatanidha.

Karaan garabiraan dubartoonni Dhugaa Baatota Yihowaa taʼan, dubartoota amantii kaan keessatti tajaajilanirraa adda itti taʼan hojii gumii keessatti raawwataniinidha. Dubartoonni Saba Kiristiyaanaafi amantii kaan keessatti luba taʼan miseensotasaanii ni geggeessu; akkasumas barumsa amantiinsaanii irratti hundaaʼe isaan barsiisu. Dubartoonni Dhugaa Baatota Yihowaa taʼan garuu, dhiironni cuuphaman utuu jiranii gumii keessatti hin barsiisan. Gumii keessatti kan barsiisan dhiirota muudaman qofadha.​—⁠1 Ximotewos 3:2; Yaaqoob 3:1.

Macaafni Qulqulluun, gumii keessatti geggeessitoota taʼuu kan qaban dhiirota qofa akka taʼan ibsa. Phaawulos ergamaan Tiitoos isa akkumasaa jaarsa gumii tureef, ‘Sababiin Qareexisitti si hambiseef mandarumaa mandaratti jaarsolii hojii waldaa geggeessuurra akka dhaabduuf ture’ jedhee yommuu barreesse fakkeenya akkamii akka taʼe hubadhu. Phaawulos dhiironni muudaman hundi, “waan ittiin jedhan kan hin qabne, nama haadha manaa tokkittii” taʼuun akka isaanirra jiru ibseera. (Tiitoos 1:5, 6) Phaawulos, “ ‘Namni ilaaltuu hojii waldaa kristiyaanaa taʼuu fedhu, hojii baʼeessa hawwa.’ Ilaaltuun hojii waldaa kristiyaanaa, waan ittiin jedhan kan hin qabne, nama haadha manaa tokkittii, . . . nama warra kaan barsiisuu dandaʼus taʼuun isa irra jira” jechuudhaan gorsa walfakkaatu Ximotewosiifis kenneera.​—⁠1 Ximotewos 3:1.

Gumii keessatti geggeessitoota taʼuun dhiirota qofaaf kan kenname maaliifi? Phaawulos, “Dubartiin gabiitti haa jiraattu nan jedha malee, haa barsiiftu, dhiira irrattis aboo haa qabaattu hin jedhu. Addaam duraan dursee tolfame, Hewwaan immoo ergasii tolfamte” jedheera. (1 Ximotewos 2:12, 13) Kanaaf Addaam jalqaba, Hewwaanimmoo ittaansee uumamuunsaanii, Waaqayyo akka barsiisaniifi akka geggeessaniif dhiirotaaf itti gaafatamummaa kan kenne maaliif akka taʼe ibsa.

Tajaajiltoonni Yihowaa fakkeenya Yesus Kiristos isa Geggeessaasaanii taʼee hordofu. Luqaas bartichi tajaajila Yesus ilaalchisee, “Mandarootaa fi gandeen keessa adeemee, mootummaa Waaqayyoo labsaa misraachoo himaa ture” jedheera. Boodas Yesus, ‘gandaa gara gandaatti darbanii, wangeela akka lallaban’ duuka buutotasaa ergeera.​—⁠Luqaas 8:1; 9:2-6.

Dhiironnis taʼan dubartoonni yeroo harʼaa tajaajiltoota Yihowaa taʼan raajii Yesus, “Saba hundumaatti akka dhugaa baʼuuf, wangeelli mootummaa kun guutummaa biyya lafaatti in lallabama; kana booddees dhumni in dhufa” jechuudhaan dubbaterratti dammaqinaan hirmaachaa jiru.​—⁠Maatewos 24:14.