Dhimma ijoo ta'etti seeni

Obboleessa keenya Heey-miin Kiim haadha manaasaa Haa-biin wajjin, Mana Murtii Godina Guwaanjuu ala dhaabatanii

MUDDEE 7, 2022
KOORIYAA KIBBAA

Manni Murtii Kooriyaa Kibbaatti Tajaajilli Siviilii Akka Filannaatti Kennamu Adabaaf kan Qophaaʼe Akka Taʼe Ibse

Manni Murtii Kooriyaa Kibbaatti Tajaajilli Siviilii Akka Filannaatti Kennamu Adabaaf kan Qophaaʼe Akka Taʼe Ibse

Manni Murtii Godinaa Guwaanjuu Kooriyaa Kibbaa Muddee 8, 2022 dhimma obboleessa keenya Heey-miin Kiim wajjin wal qabate ilaaluuf beellama qabateera. Heey-miin nama tajaajilli siviilii akka filannaatti kennamu adabaaf kan qophaaʼe waan taʼeef fudhachuu dide isa jalqabaati. Kanaan kan kaʼes, hidhaa cimaan jiʼoota 36 kan isatti murteeffame yommuu taʼu, galmee yakkamtootaa irrattis galmeeffameera.

Tajaajilli siviilii akka filannaatti jiʼoota 36f kennamu, addunyaa irratti isa baayʼee dheeraa taʼedha; kana jechuun yeroo tajaajilli loltummaa itti kennamutti dachaa lama taʼa jechuudha. Turtii waggaa sadii kana keessatti, namoonni sababii qalbiin isaanii tajaajila loltummaa kennuu isaaniif hin heyyamne akkuma waan manaa akka hin baane dhorkamanitti naannoo bakka manni hidhaa jirutti ni hidhamu, akkasumas dhorkaa cimaa gara garaatu isaan irratti godhama. Kanaafuu, hayyoonni idil adunyaa haala kana tajaajila siviilii bakka tajaajila loltummaa kennamu utuu hin taʼin, ‘adaba bakka tajaajila loltummaa kennamu a akka taʼe dubbataniiru.

Waxabajjii 28, 2018, Manni Murtii Heera Mootummaa Kooriyaa Kibbaa, Heerri Mootummaa Kooriyaa mirga namoota tajaajila loltummaa kennuuf qalbiin isaanii isaaniif hin heyyamne qabaniif beekamtii kennuudhaan, namoota seera tumanii fi tajaajila siviilii bakka tajaajila loltummaa kennamu karaa sirrii hin taane hiikan akeekkachiiseera. Akkana jedheera: “Yeroo adabni bakka tajaajila loltummaa kennuu diduu kennamu yoo dheerate ykn hamma namoonni tajaajila siviilii bakka tajaajila loltummaa kennamu sana fudhachuu didanitti garmalee cimaa yoo taʼe, kaayyoo tajaajila siviilii bakka tajaajila loltummaa kennamu itti qophaaʼee galmaan utuu hin gaʼin hafa, akkasumas mirgoota namummaa kan biroo sarbuudhaan adabatti waan jijjiiruuf mana hidhaa wajjin wal hin caalu.”

Komishiiniin Mirgoota Namummaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii labsii bara 1998 baase irratti tajaajila siviilii bakka tajaajila loltummaa kennamu ilaalchisee seera addunyaa maratti hojjetu baaseera. Biyyoonni tajaajila loltummaa kennuun dirqama itti taʼe, namoota qalbiin isaanii tajaajila loltummaa kennuuf isaaniif hin heyyamne tajaajila “fedhii hawaasaa tilmaama keessa galchee fi adaba of keessaa hin qabne” akka dhiheessan yaadachiisni isaaniif kennameera.

Heey-miin himanni yakkaa yeroo isa irratti dhihaatu kun isa jalqabaa miti. Fulbaana 2020, Manni Murtii Olaanaa Kooriyaa Kibbaa tajaajila loltummaa kennuuf qalbiin isaa waan isaaf hin heyyamneef guutummaatti bilisa isa baaseera. Torbanoota muraasa booda, tajaajila siviilii bakka tajaajila loltummaa kennamu hojjechuuf iyyata galchate. Hamma Guraandhala 7, 2022, hojii kanaaf waamamutti eegeera. Haa taʼu malee, sagantaa tajaajila siviilii bakka tajaajila loltummaa kennamu kana guutummaatti erga qoree ilaalee booda, hojichi adabaaf kan qophaaʼe taʼuusaa waan hubateef hojii kana addaan kutuuf murteesse.

Manni murtii sun Heey-miiniif yoo murteesse, mootummaan sagantaa tajaajila siviilii bakka tajaajila loltummaa kennamu seera guutummaa addunyaa irra jiruu wajjin akka walsimuuf irra deebiʼee akka qoru gochuu dandaʼa. Jijjiiramni akkasii immoo obboloota keenya Kooriyaa keessa jiraatanii fi maatii isaanii dabalatee lammiiwwan Kooriyaa hundaaf faayidaa guddaa argamsiisa. Hammasitti garuu obboloonni dhimmi kun isaan ilaallatu hundi, Yihowaan “obsaa fi gammachuudhaan guutummaatti jabaattanii akka dhaabbattan” akka isaan gargaaruuf isatti amanamuu isaanii akka itti fufan kadhanna.—Qolosaayis 1:11.

a Odeeffannoo dabalataa argachuuf, gabaasa addaa Waldaa Dhugaa Baatota Yihowaa Eeshiyaa Paasfiikiitiin qophaaʼee fi mata dureen isaa “Kooriyaa Kibbaatti Tajaajila Siviilii Bakka Tajaajila Loltummaa Kennamu” jedhu ilaali.