Dhimma ijoo ta'etti seeni

Obboleessa Keenya Joovidoon Bobojoonoov

BITOOTEESSA 31, 2020
TAAJIKISTAAN

Obboleessi Keenya Joovidoon Bobojoonoov Waraana Irratti Akka Hirmaatu Sammuun Isaa Waan Isaaf hin Heyyamneef Taajikistaan Keessatti Hidhamuuf Jedha

Obboleessi Keenya Joovidoon Bobojoonoov Waraana Irratti Akka Hirmaatu Sammuun Isaa Waan Isaaf hin Heyyamneef Taajikistaan Keessatti Hidhamuuf Jedha

Roobii Ebla 1, 2020⁠tti manni murtii waraanaa Taajiik inni magaalaa guddittii Dushaanbee keessatti argamu himata sababa inni sammuun isaa waan isaaf hin heyyamneef waraana irratti hirmaachuu dideef obboleessa keenya Joovidoon Bobojoonoov irratti dhihaate ilaalchisee murtii kenna. Obboleessi keenya Bobojonoov haala baayʼee rakkisaa keessatti kophaatti eegamuudhaan jiʼa shaniif murtii isa irratti dhihaatu eeggachaa jira.

Onkoloolessa 4, 2019⁠tti ajajjoonni waraanaa magaalaa Kuhujaandi keessatti argaman obboleessa keenya Bobojoonoov isa umurii waggaa 19 taʼe mana isaatii isa fuudhanii waajjira raayyaa waraanaa keessatti akka hidhamu godhaniiru. Guyyaa lama booda dirqamaan iddoo leenjiin waraana itti kennamuu fi Koonyaa Leeniinitti argamutti baaburaan isa geessan. Sana booda immoo garee raayyaa waraanaa Lakk. 45075 qabutti dabarfamee kenname; achittis ajajjoonni uffata loltootaa akka uffatuu fi waadaa loltoonni amanamummaadhaan tajaajiluuf galan akka galu dhiibbaa isa irratti godhaniiru. Amajjii 28, 2020⁠tti immoo yakka hojjeteera jedhame himatame.

Abbaa fi haati obboleessa keenya Bobojoonoov isaan Dhugaa Baatota Yihowaa taʼan Waajjira Pireezidaantii fi Dhaabbata Komii Dhaggeeffataa dabalatee abbootii taayitaa Taajikistaaniif komii seeraa qaban dhiheessaniiru. Abbootiin taayitaa Taajik namoota tajaajila waraanaa irratti hirmaachuu hin barbaanneef gama seeraatiin hojiin akka filannootti isaaniif dhihaate waan hin jirreef, obboleessi keenya Bobojoonoov raayyaa waraanaatti makamuu diduun isaa yakka akka taʼe dubbataniiru; abbootiin taayitaa mana isaatii humnaan isaa fudhachuun isaanis seera qabeessa akka taʼe isaanitti dhagaʼameera.

Yihowaan obboleessi keenya Bobojoonoov jabaatee akka dhaabbatu akka isa gargaaruu fi isaafis taʼe maatii isaatiif ciminaa fi nagaa akka kennu beekna.—Faarfannaa 29:11.