Dhimma ijoo ta'etti seeni

Obboleessa Guustaamjoon Nooroov (bitaa irraa lammaffaa) haadha isaa Faariizaa; Obboleessa isaa Raavishaan; abbaa isaa Baatiir bara 2016⁠tti waajjira damee Kirgistaan yommuu daawwatan

ONKOLOOLSSA 27, 2020
TAAJIKISTAAN

Obboleessi Ruustaamjoon Nooroov Inni Dargaggeessi Mana Hidhaa Hanga Murtiitti Itti Tursiisan Galee Jira; Mana Hidhaa Taajiikitti Hanga Waggaa Shanii Hidhamuu Dandaʼa

Obboleessi Ruustaamjoon Nooroov Inni Dargaggeessi Mana Hidhaa Hanga Murtiitti Itti Tursiisan Galee Jira; Mana Hidhaa Taajiikitti Hanga Waggaa Shanii Hidhamuu Dandaʼa

Guyyaa Murtii

Manni murtii loltoota dhimma Obboleessa Ruustaamjoon Nooroov irratti dhiheenyatti a murtii kenna. Sababa qalbii isaatiin kan kaʼe waggaa lamaa hanga waggaa shanii hidhamuu dandaʼa. Onkoloolessa 1, 2020 eegalee mana hidhaa jira.

Ibsa Gabaabaa

  • Ruustaamjoon Nooroov

  • Bara Dhalootaa: 1998 (Duushanbee)

  • Seenaa Jireenyaa: Ofii isaa fi maatii isaa deggeruuf appaartaamaa haaressa akkasumas miʼa manaa miidhagsa. Kubbaa miillaa taphachuu jaallata.

  • Bara 2016 umurii isaa waggaa 17⁠tti cuuphame. Waggaa lama booda, naannoo tajaajilaa Taajiikitti tajaajiluuf, gumii afaan Raashiyaatiin geggeeffamuu fi maatiin isaa hirmaatu dhiisee deeme.

Himata

Bara 2016 Obboleessi Ruustaamjoon Nooroov ofuma isaatiin kakaʼee gara waajjira loltummaa deeme. Achiis loltuu akka hin taane ejjennoo isaa ibsuudhaan tajaajilli siviilii akka filannaatti akka isaaf kennamu gaafate. Waggaa itti aanuttis akkasuma godhe. Hogganaan loltootaa tokko Obboleessa Nooroov kan kabaje siʼa taʼu, ibsa inni kennes baayʼee dinqisiifatee ture. Waggoota itti aanan sadanitti Obboleessi Nooroov tajaajila dirqamaa loltummaatiif hin waamamne.

Haa taʼu malee, Fulbaana 24, 2020 Obboleessi Nooroov waajjira loltoota galmeessutti waamame. Hoggantoonni loltoota galmeessan saʼaatii sadiif gaafannoo erga isaaf godhanii booda tajaajila loltummaa kennuuf gaʼumsa akka qabu ibsan. Achiis hoggantoonni kun qorannoo yaalii fayyaa akka godhu isa dirqisiisuuf yaalan. Abbaan Obboleessa Nooroov haala kana ilaalaa waan tureef, dhimma ilma isaa gara waajjira abbaa alangaatti akka ergan hoggantoota sana gaafate.

Obboleessi Nooroovii fi abbaan isaa Onkoloolessa 1 waajjira abbaa alangaatti gabaasan. Abbaan alangaa gara waajjira loltoota galmeessutti akka isaan geessuuf poolisii tokko ramade. Yommuu achi gaʼan abbaan Obboleessa Nooroov akka ol hin seenne dhorkame. Obboleessi Nooroov guyyaa lamaaf hidhame. Taʼus, yakkamaa akka taʼe ykn murtiitti dhihaachuu akka qabu seeraan hin himatamne. Mana hidhaa yeroo turetti hoggantoonni abukaatoo isaa wajjin akka hin dubbanne isa dhorkan.

Obboleessi Nooroov Onkoloolessa 3, maatii isaa warra Duushanbee jiran irraa gara kiilomeetira 300 fagaatee buufata loltootaa magaalaa Kihuujaand jirutti geeffame. Guyyoota lamaan itti aananitti, buufata loltootaa Kihuujaand jiran hedduutti geeffameera.

Onkoloolessa 6, Obboleessi Nooroov maatii isaatiif akka bilbiluu fi abukaatoo isaa akka haasofsiisu isaaf heyyamame. Haa taʼu malee, Onkoloolessa 17 manni murtii loltootaa Taajiiki jiru mana hidhaa hanga murtiitti itti tursiisanitti akka hidhamu ajaje. Abbaan alangaa qorannaa isaa hanga xumuruttii fi manni murtii hanga murtii kennutti bakkuma kana tura. Obboleessi Nooroov tajaajila loltummaa irraa bilisa taʼuuf ragaa yaalii fayyaa sobaa dhiheesse jedhamee himatame.

Obboleessi Nooroov hidhamee kan jiru taʼus, guutummaatti Yihowaatti amanamuudhaan miira gaarii qabaatee itti fufeera. Yihowaan amantii fi ija jabina qorumsa kana dandamachuuf isa gargaaru akka qabaatu waan isa gargaareef ni galateeffata. Kana malees qorumsa bara 2013 utuu hin eegamin isa mudateef ni galateeffata. Waggaa sanatti hoggantoonni naannichaa Obboleessi Nooroov qorannoo fayyaa akka godhuuf dirqisiisanii waajjira loltoota galmeessutti kan geessan siʼa taʼu, obboleessa isaa isa quxisuu Raavishaanis mana barumsaatii dirqisiisuudhaan geessan. Ruustaamjoon umuriin isaa waggaa 15 fi babalʼisaa hin cuuphamee siʼa taʼu, tajaajila loltummaatiif galmaaʼuuf hin geenye ture. Abbaan ijoollee kanaa Baatiir, taʼee kana booda, ilmaan isaa ejjennoo Kiristiyaanummaa isaaniitiif akka falman gargaaruuf waaqeffannaa maatiitiif yeroo dabalataa ramadeera. Baatiir yeroo waaqeffannaa maatii godhan hundatti akka hogganaa loltoota galmeessuu taʼuudhaan, ilmaan isaa amantii isaaniitiif akka falman isaan shaakalsiisa ture.

Ruustaamjoon akkas jedheera: “Maatiidhaan shaakala jalqabuu keenya dura, ani amantii kootiif falmuuf qophaaʼa akkan taʼen yaada ture. Taʼus yeroo shaakala goonutti baayʼee akkan naʼu beekuun koo na ajaaʼibsiiseera. Shaakalli kun waaʼee amantii koo fi sababiin itti tajaajila loltummaa hin kennine ilaalchisee qorannaa dabalataa gochuu fi kadhachuu akkan qabu na hubachiiseera. Suutuma suuta sodaan koos badeera. Jalqaba bara 2016⁠tti Yihowaadhaaf of murteesseen cuuphame.”

Kana malees, Ruustaamjoon obboloota bilchaatoo umuriidhaan isa caalanii fi sababa amantii isaaniitiin hidhamanitti michoomuudhaan jajjabaateera. Akkas jedheera: “Waraana keessa galuu dhiisuun koo maal akka na irraan gaʼu sirriitti nan hubadha. Yoon hidhame, ‘naannoo tajaajilaa haaraatti’ maqaa Yihowaa qulqulleessuu akka ulfinaattan ilaala.”

Ruustaamjoon akkas jedheera: “Maatiin keenya fedha isaa raawwachuu fi meeshaa harka isaa isa jaalala qabeessa keessa jiru taʼuuf ulfina guddaa argateef Yihowaa ni galateeffata. Obbolootaa fi obboleettota keenyaan akkas jechuu barbaanna: ‘akka tasgabboofnuu fi Yihowaatti akka dhihaannuuf jaalala, kadhannaa fi deggersa nuu gootaniif isin galateeffanna.’ Nuti dhiphachaa hin jirru. Akkuma Yihowaan Dubbii isaa keessatti waadaa nuuf gale, nagaan Waaqayyoo garaa keenyaa guuteera.”—Filiphisiyus 4:6, 7.

a Guyyaan manni murtii murtoo itti kennu yeroo hunda dursee hin beekamu