Dhimma ijoo ta'etti seeni

BITOOTESSA 20, 2019
TURKIMEENISTAAN

Baahraam Hemdemoov ni Gadhiifame

Baahraam Hemdemoov ni Gadhiifame

Guraandhala 13, 2019⁠tti, Baahraam Hemdemoov inni umuriin isaa waggaa 55 taʼe, Turkiministaanitti waggaa afuriif mana hidhaa Seyidii (LB-E/12) keessatti erga hidhamee booda hidhaa irraa gadhiifame. Amma deebiʼee haadha manaa isaa Gulziiraa fi ijoollee isaanii arfanii wajjin taʼeera. Obboo Hemdemoov Bitootessa 14, 2015⁠tti kan qabame mana isaa naannoo Turkiminaabaaditti argamu keessatti walgaʼii waaqeffannaa naga qabeessa taʼe waan godheef qofa ture; achiis Caamsaa 19, 2015⁠tti Manni Murtii Naannoo Lebaap isatti murteesse. Yeroo Obboo Hemdemoov hidhamee turetti mootummaan Turkiministaan walumaa galatti waggaatti siʼa sadii hidhamtootaaf dhiifama kan godhe taʼus, siʼa sadanuu mirga kana isa dhowwataniiru; taʼus carraa kanatti namoonni nama ajjeesanii itti murteeffame illee hiikamanii turan. Obboo Hemdemoov Hagayya 15, 2016⁠tti, Koree Mirga Namummaa Mootummoota Gamtoomaniitti iyyata dhiheesse; taʼus dhimmi isaa amma iyyuu ilaalamaa jira. Koreen Mirga Namummaa Mootummoota Gamtoomanii, mootummaan Turkiministaan Dhugaa Baatota Yihowaa dargaggoota taʼan sababii qalbii isaaniitiin waraana keessa galanii tajaajiluu didan irratti ariʼatama geessisuu fi isaan hidhuu isaatiin kan kaʼa murtoo kudhan kan isa irratti dabarse taʼus, Turkiministaan keessatti amma iyyuu Dhugaa Baatonni Yihowaa kudha tokko tajaajila waraanaa kennuu waan didaniif hidhamanii jiru.