Dhimma ijoo ta'etti seeni

Mana hidhaa Vaasaaviilii, Kaalifoorniyaa jiru

MUDDEE 25, 2020
YUNAAYITID ISTEETIS

Manaa Hidhaa Seenuun Dhorkamus Hidhamtoonni Waaʼee Yihowaa Akka Baratan Gargaaruu

Manaa Hidhaa Seenuun Dhorkamus Hidhamtoonni Waaʼee Yihowaa Akka Baratan Gargaaruu

Manneen hidhaa Yuunaayitid Isteetisitti argaman sababa dhibee COVID-19tiin namoonni akka hin seenne yommuu dhorkaman, Dhugaa Baatonni Yihowaa dhibbaan lakkaaʼaman dhaabbataadhaan hidhamtootaaf barreeffamoota kennuu fi Kitaaba Qulqulluu qoʼachiisuu kan dhaaban yoo taʼu, kunis hidhamtoonni kumaan lakkaʼaman waaʼee Yihowaa barachuu akka hin dandeenye taasise. Taʼus obboloonni keenya malawwan of eeggannoo COVID-19 wajjin wal simuudhaan tajaajila mana hidhaatti godhan itti fufaniiru.

Obboleessi Daan Hooghitoon inni naannoo tajaajilaa waajjira damee U.Stti tajaajila mana hidhaa qindeessuu irratti gargaaru akkas jedheera: “Waaʼeen namoota Kitaaba Qulqulluu hubachuuf gargaarsa keenya barbaadanii nu yaaddessa. Isaan yeroo kam iyyuu caalaa amma nu barbaadu.”

Fakkeenyaaf, Obboleessi Miikaa Seeristaad viidiyoo sagantaa JW Biroodkaastingii mana hidhaatti galchuuf akka isaaf heyyaman qondaaltota mana hidhaa Vaasaaviilii, Kaalifoorniyaa haasofsiisee ture. Kan nama dinqisiisu, qondaaltonni mana hidhaa kun viidiyoowwan manneen hidhaa 33 bulchiinsa Kaalifoorniyaa jiran hundatti argisiisan akka isaaniif ergu gaafatan. Kunis walgaʼiin Naannoo bara 2020 ‘Yeroo Hundumaa Gammadaa’! jedhu guyyaatti siʼa sadii daqiiqaa 28f akka ilaalamu kan taasise yoo taʼu, namoonni 130,000 taʼan akka ilaalan carraa baneera.

Obboleessi Seeristaad akkas jedheera: “Wanta Yihowaan raawwatu arguun baayʼee na dinqisiisa. Wanti tokko akka hojjetamu yoo barbaade, wanti kam iyyuu isa dhowwuu hin dandaʼu!”

Obboloonni keenya qondaaltonni mana hidhaa Saaraasootaa Kaawuntii Filooriidaa jiran, hidhamtoonni dhiphina sababa dhorkaatiin isaan irra gaʼu akka dandamataniif, ‘kitaabota jajjabina’ kennan akka barbaadan hubatan. Kanaan kan kaʼes, obboloonni keenya Kitaaba Qulqulluu fi barreeffamoota Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼan afaan Ingiliffaa fi afaan Ispaanishiitiin isaaniif kennuuf gaafatan. Qondaaltonni sunis ni fudhatan. Dabalataanis obboloonni karaa viidiyookonfiransii qoʼannaa geggeessuuf qophii godhan. Sirreeffamaan tokko qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu viidiyookonfiransiitiin godhu ilaalchisee barsiisaa isaatiif yaada akkas jedhu barreesseera: “Yeroo ati itti na gaafatu hawwiidhaanan eega. Kun Kitaaba Qulqulluu akkan dubbisu na jajjabeessa. Waaʼee gara fuulduraa karaa adda taʼeen nan yaada.”

Qondaaltonni mana hidhaa Saaraasootaa Kaawuntii afaan Ingiliffaa fi Ispaanishiitiin Kitaabota Qulqulluu 70 fi barreeffamoota Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼan 30 mana Obboleessa Maanooloo Roodriiguuzitii kan fudhatan yoo taʼu, innis konkolaataa isaanii irratti isaaniif feʼeera

Dhibee daddarbaanis taʼe dallaan mana hidhaa Yihowaan, Abbaan keenya inni jaalala qabeessi namoonni fedhii qaban akka isa beekan dhowwuu kan hin dandeenye taʼuu isaatti ni gammadna.—Faarfannaa 139:7-10.