Dhimma ijoo ta'etti seeni

CAQASOOTA KITAABA QULQULLUU IBSI IRRATTI KENNAME

Filiphisiyus 4:6, 7—“Waaʼee Waan Tokkoo Illee Hin Yaaddaʼinaa”

Filiphisiyus 4:6, 7—“Waaʼee Waan Tokkoo Illee Hin Yaaddaʼinaa”

 “Waan hundumaa ilaalchisee kadhannaa fi wawwaannaadhaan galataa wajjin iyyannoon keessan Waaqayyo biratti akka beekamu godhaa malee, waaʼee waan tokkoo illee hin yaaddaʼinaa; nagaan Waaqayyoo inni hubannaa hundumaa irra caalu karaa Kiristoos Yesuus garaa keessanii fi yaada keessan ni eega.”—Filiphisiyus 4:6, 7. Hiikaa Addunyaa haaraa

 Tajaajiltoonni Waaqayyoo wantoota garmalee isaan dhiphisan ykn yaaddessan kadhannaadhaan isatti himachuudhaan boqonnaa argachuu dandaʼu. Waaqayyo tasgabbii keessaa akka isaaniif kennu waadaa galeera. Tasgabbiin kun dhiphina isaanii damdamachuuf akkasumas yaadaa fi miira ofii eeggachuuf isaan gargaara. Lakkoofsi 6 gosa kadhannaa karaa itti tasgabbiin kun argamu ibsa.

 Wawwaannaa gosa kadhannaa Waaqayyoon jabeessanii kadhachuu argisiisu dha. Namni tokko wanti isa dhiphisu ykn haalli rakkisaa cimaan yeroo isa mudatu Waaqayyotti wawwaannaa dhiheessuu dandaʼa. Yesuusis akkas godheera. (Ibroota 5:7) Kadhannaan akkasii yeroo baayʼee irra deddeebʼee kan dhihaatu dha.

 Kadhannaa wanta barbaannu adda baasnee ibsuudhaan Waaqayyoof dhiheessinu dha. Tajaajiltoonni Waaqayyoo, “waan hundumaa” ilaalchisee kadhannaa dhiheessuu dandaʼu. Haa taʼu malee, kadhannaawwan kun fedhii Waaqayyoo Kitaaba Qulqulluu keessatti ibsamanii wajjin kan wal siman taʼuu qabu.—1 Yohaannis 5:14.

 Kadhannaa galataa wanta Waaqayyo kanaan dura nuu godhee fi gara fuulduraattis nuu godhu ilaalchisee karaa itti galata qabnu isaaf ibsinu dha. Wantoota Waaqayyoon akka galateeffannu nu taasisan irratti xiinxaluun keenya gammachuu keenya eegnee jiraachuuf nu gargaara.—1 Tasalonqee 5:16-18.

 Waaqayyo tajaajiltoota isaatiif tasgabbii keessaa kennuufiidhaan kadhannaawwan akkasiitiif deebii ni kenna. Nagaan Waaqayyoo michooma jabaa isaa wajjin qabaachuudhaan miira tasgabbii namatti dhagaʼamu dha. (Roomaa 15:13; Filiphisiyus 4:9) Nagaan kun “hubannaa hundumaa irra caalu” kan jedhame Waaqayyo biraa kan argamuu fi buʼaa nuti eegnu caalaa waan argamsiisuufi dha.

 Caqasni Kitaaba Qulqulluu kun nagaan Waaqayyoo garaa keenya akka eegu dubbata. Jechi Afaan Giriikii “eega” jedhamee itti hojjetame jecha loltummaa wajjin wal qabate dha. Jechi kun loltoota magaalaa dallaadhaan marfamte tokko akka eegan ramadaman argisiisa. Akkasumas nagaan Waaqayyoo miiraa fi sammuu nama tokkoo kan eegu dha. Kun immoo namni tokko haala rakkisaa isa mudate irratti garmalee akka hin dhiphanne isa gargaara.

Nagaan Waaqayyoo kan nu eegu ‘karaa Kiristoos Yesuusiʼ dha.  Sababiin isaas Waaqayyoo wajjin walitti dhufeenya uumuu kan dandeenye karaa Yesuusi dha. Yesuus cubbuu keenyaaf jecha lubbuu isaa aarsaa godhee kenneera. Yesuus irratti amantii yoo qabaanne eebba Waaqayyoo argachuu dandeenya. (Ibroota 11:6) Kadhannaadhaan Waaqayyo duratti dhihaachuu kan dandeenyu karaa Yesuusi dha. Yesuus, “Karaa koo yoo taʼe malee, eenyu iyyuu gara Abbaa dhufuu hin dandaʼu” jedheera.—Yohaannis 14:6; 16:23.

Yaada naannoo Filiphisiyus 4:6,  7 jiru

 Kitaabni Filiphisiyus xalayaa Phaawulos ergamaan Kiristiyaanota magaalaa Filiphisiyus jiraataniif barreesse dha. a Filiphisiyus boqonnaa 4 irratti Phaawulos Kiristiyaanonni gumicha keessa jiran gammadoo akka taʼan jajjabeesseera. Akkasumas kennaa isa gammachiisu waan isaaf erganiif arjooma godhaniif isaan galateeffateera. (Filiphisiyus 4:4, 10, 18) Phaawulos kadhannaan nagaa Waaqayyoo kan argamsiisu akkamitti akka taʼe caqaseera. Akkasumas yaadaawwanii fi gochawwan nagaa Waaqayyoo argamsiisuuf gargaaran ibseera.—Filiphisiyus 4:8, 9

a Magaalaan kun Giriik yeroo harʼaa keessatti argamti turte