Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Dhiirota Dhiphatan Kitaabni Qulqulluun Gargaaruu kan Dandaʼu Akkamitti?

Dhiirota Dhiphatan Kitaabni Qulqulluun Gargaaruu kan Dandaʼu Akkamitti?

 Nama dhiphachaa a jiru yommuu yaaddu wanti gara sammuu keetti dhufu, nama gar malee sodaachuu isaatiin kan kaʼe hadoode, nama ganama siree irraa kaʼuun isa dhiphisu ykn nama waaʼee dhiphina isaa yeroo hunda dubbatu taʼuu dandaʼa.

 Namoonni yeroo dhiphatan akkana godhan jiru. Haa taʼu malee, akka qorattoonni bira gaʼanitti namoonni tokko tokko, keessumaa immoo dhiironni dhiphina isaanii kan ibsan karaa kana irraa adda taʼeeni dha. Gabaasni tokko akka ibsetti, dhiironni “dhiphina isaanii dandamachuuf carraan dhugaatii alkoolii dhuguu ykn qoricha sammuu namaa hadoochu fudhachuuf qaban balʼaa dha, kanaaf dhiirri rakkina dhugaatii alkoolii qabu tokko, rakkinni isaa inni guddaan dhiphina taʼuu dandaʼa. Akkasumas dhiironni yeroo baayʼee dhiphina isaanii kan ibsan aarii fi dheekkamsaan taʼuu dandaʼa.”

 Dhiphina isaanii haala kanaan kan ibsan garuu dhiirota hunda akka hin taane beekamaa dha. Namni tokko dhiphina isaa kan ibsu karaa kamiin iyyuu yoo taʼe, dhiphinni rakkina ‘yeroo addaa baayʼee rakkisaa taʼe’ kana keessatti yeroodhaa gara yerootti dabalaa deemu dha. (2 Ximotewos 3:1) Atis dhiphina kee irraanfachuuf qabsoo gochaa jirta yoo taʼe, gama kanaan Kitaabni Qulqulluun si gargaaruu ni dandaʼaa?

Gorsa Kitaaba Qulqulluu Dhiphina Dandamachuuf Si Gargaaru

 Kitaabni Qulqulluun gorsawwan amansiisoo yeroo dhiphannutti nu gargaaruu dandaʼan hedduu qabateera. Mee fakkeenyota sadii haa ilaallu.

  1.  1. “Matumaa waaʼee boruutiif hin yaaddaʼinaa; sababiin isaas, guyyaan boruu yaaddoo mataa isaa qaba. Guyyaan hundi rakkina mataa isaa gaʼaa taʼe qaba.”—Maatewos 6:34.

     Hiika isaa: Wantoota gara fuulduraatti taʼuu (ykn taʼuu dhiisuu) dandaʼaniif gar malee yaaddaʼuu irraa of qusachuun keenya gaarii dha. Yeroo baayʼee, wantoonni nuyi sodaanne akka nuti yaanne taʼuu dhiisuu dandaʼu. Yeroo tokko tokko immoo, wantoonni tokko tokko utuu hin yaadamin gara gaariitti jijjiiramuu dandaʼu.

     Akkana gochuuf yaali: Yeroowwan wanti gaarii hin taane akka raawwatamu yaaddee akka ati yaadde utuu hin taʼin hafan yaadachuuf yaalii godhi. Achiis wanta yeroo ammaatti si yaaddessaa jiru gamaaggamuudhaan, ‘Wantoonni ani sodaadhe akka ani yaade dhugumaan rakkina guddaa taʼuu dandaʼuu?’ isa jedhu sirriitti irratti yaadi.

  2.  2. “Akkuma sibiilli sibiila qaru namnis michuu isaa ni qara.”—Fakkeenya 27:17.

     Hiika isaa: Yoo isaaniif heyyamne namoonni tokko tokko dhiphina akka dandamannu nu gargaaruu ni dandaʼu. Tarii muuxannoo isaanii irratti hundaaʼuudhaan yaadawwan gaggaarii nuuf kennuu dandaʼu. Kaan illee yoo hafe, haala nu mudate sana karaa biraatiin akka ilaallu nu gargaaruu dandaʼu.

     Akkana gochuuf yaali: Nama gorsa gaarii siif kennuu dandaʼu yaadi, fakkeenyaaf michuu rakkinni amma si irra gaʼaa jiruu wajjin wal fakkaatu isa mudatee ture qabdaa? Wantoota isa gargaaran ykn wantoota isa hin gargaarre maalfaa akka taʼan isa gaafadhu.

  3.  3. “Inni isiniif waan yaaduuf, yaaddoo [Ykn., “dhiphina.” miiljalee] keessan hundumaa isa irratti gataa.”—1 Pheexiros 5:7.

     Hiika isaa: Waaqayyo namoota rakkachaa jiraniif garaadhaa yaada. Wanta nu yaaddessu kam iyyuu kadhannaadhaan gara isaatti akka dhiheessinu nu affeereera.

     Akkana gochuuf yaali: Wantoota si dhiphisan tokko tokkoon tarreessi. Achiis waaʼee wantoota kanaa gara Waaqayyootti kadhannaa dhiheessi; yeroo kadhannaa dhiheessitutti rakkoowwan sana tokko tokkoon caqasuudhaan dandamachuuf akka si gargaaru gaafadhu.

Yeroo Wanti Nama Dhiphisu Matumaa Itti hin Jiraanne

 Kitaabni Qulqulluun dhiphina ilaalchisee gorsa malees wanta kennuu qaba. Dhiheenyatti yeroon wantoonni yeroo ammaatti nu dhiphisan hundi bara baraaf itti badan akka dhufu abdii nuuf kenna. Abdiin kun raawwatamuu kan dandaʼu akkamitti?

 Mootummaan Waaqayyoo wantoota dhiphinaaf sababa taʼan hunda ni balleessa. (Mulʼata 21:4) Inumaa iyyuu bulchiinsa Mootummaa Waaqayyoo jalatti, dhiphinnii fi yaaddoon jireenya keessatti nu mudatee ture hundi hin yaadatamu.Isaayyaas 65:17.

 Kun wantoota gara fuulduraatti “Waaqayyo inni nagaa kennu” akka argattu barbaadu dha. (Roomaa 16:20) Akkana jechuudhaan nuuf mirkaneessa: “Wantan isiniif yaade akka gaariitti nan beeka; ani badiisa utuu hin taʼin nagaa fi wanta gara fuulduraatti abdiidhaan eeggattan isiniif kennuu nan barbaada.”—Ermiyaas 29:11.

a Mata duree kana keessatti, jechi “dhiphina” jedhu dhiphina cimaa yaalii fayyaa barbaadu utuu hin taʼin, haalawwan guyyaa guyyaatti namoota yaaddessan kan argisiisu dha. Namoonni dhiphina cimaa qaban gargaarsa yaalii fayyaa akka isaaniif godhamu filatu taʼa.—Luqaas 5:31.