Dhimma ijoo ta'etti seeni

GAAFFII DARGAGGOOTAA

Kitaabni Qulqulluun Na Gargaaruu kan Dandaʼu Akkamitti?—Kutaa 2: Dubbisni Kitaaba Qulqulluu Kee Gammachiisaa Akka Taʼu Godhi

Kitaabni Qulqulluun Na Gargaaruu kan Dandaʼu Akkamitti?—Kutaa 2: Dubbisni Kitaaba Qulqulluu Kee Gammachiisaa Akka Taʼu Godhi

 Wiil inni umuriin isaa waggaa 18 taʼe, “Karaa sirrii Kitaaba Qulqulluu ittiin dubbisan hin beeknu yoo taʼe, Kitaaba Qulqulluu dubbisuun nuffisiisaa taʼuu dandaʼa” jedheera.

 Wantoota dubbisni Kitaaba Qulqulluu kee gammachiisaa akka taʼu godhan beekuu barbaaddaa? Taanaan, mata dureen kun si gargaara.

 Seenaan Kitaaba Qulqulluu keessatti argamu akka siif dhugoomu godhi

 Wanta dubbistu yaadaan ilaali. Mala kanatti fayyadamuu dandeessa:

  1.   Seenaa Kitaaba Qulqulluu qoʼachuu barbaaddu filadhu. Taʼee ykn seenaa Kitaaba Qulqulluu tokko kitaaba Wangeelaa keessaa filachuu dandeessa ykn dubbisa Kitaaba Qulqulluu bifa diraamaatiin qophaaʼe jw.org irraa filachuu dandeessa.

  2.   Seenicha dubbisi. Kophaa kee dubbisuu dandeessa ykn michoota kee ykn miseensota maatii kee wajjin sagalee kee ol kaastee dubbisuu dandeessa. Inni tokko akka seenessaatti, warri kaan immoo namoota seenicha keessatti caqasaman kaan bakka buʼanii dubbisuu dandaʼu.

  3.   Yaadawwan armaan gaditti kennaman keessaa isa tokkotti ykn isaa olitti fayyadamuu dandeessa:

    •   Seenaa dubbiste fakkiidhaan ibsi. Yookiin immoo fakkiiwwan sasalphaa taʼeewwan duraa duuba yerootiin raawwataman ibsan kaasi. Achiis tokkoon tokkoon fakkichaa maal akka argisiisu barreessi.

    •   Diyaagiraamii kaasi. Fakkeenyaaf, waaʼee nama amanamaa tokkoo yommuu dubbistu amalawwanii fi gochawwan isaa eebbawwan argatee wajjin wal qabsiisi.

    •   Seenicha akka gabaasa oduutti dhiheessi. Taʼee raawwatame karaa garaa garaatiin gabaasi. Namoota seenicha keessatti caqasaman, akkasumas namoota taʼeen sun yommuu raawwatamu ijaan arganiif gaafannoo godhi.

    •   Namoota seenicha keessatti caqasaman keessaa inni tokko murtoo dogoggoraa yoo godhe, murtoo akkasii utuu gochuu baatee buʼaan isaa maal akka taʼu yaadi. Mee seenaa Pheexiros Yesuusiin ganuu isaa ibsu akka fakkeenyaatti haa ilaallu. (Maarqos 14:66-72) Pheexiros dhiibbaa isa irra gaʼe injifachuuf maal gochuu dandaʼa ture?

    •   Dandeettii diraamaa barreessuu qabda yoo taʼe, seenaa Kitaaba Qulqulluu tokko bifa diraamaatiin barreessuuf yaali. Barumsa seenaa kana irraa argamus itti dabali.—Roomaa 15:4.

      Kitaabni Qulqulluun akka siif dhugoomu gochuu dandeessa!

 Qorannoo godhi!

 Qorannoo gadi fageenya qabu yoo goote seenicha irraa barumsawwan dabalataa argachuu dandeessa. Jechi seenaa Kitaaba Qulqulluu keessatti argamu tokko ykn lama illee hiika guddaa qabaachuu dandaʼa.

 Fakkeenyaaf, Maatewos 28:7 fi Maarqos 16:7 wal bira qabii ilaali.

  •    Maarqos, Yesuus barattoota isaa “fi Pheexirositti” akka mulʼatu adda baasee kan ibse maaliifi?

  •  Yaada: Maarqos taʼeen kun yommuu raawwatamu ijaan hin argine; kanaafuu odeeffannoo kana kan argate Pheexiros irraa taʼuu hin oolu.

  •  Barumsa argannu: Pheexiros, Yesuus isa arguu akka barbaadu beekuun isaa isa jajjabeessee taʼuu qaba kan jennu maaliifi? (Maarqos 14:66-72) Yesuus Pheexirosiif michuu dhugaa taʼuu isaa kan argisiise akkamitti? Atoo fakkeenya Yesuus hordofuudhaan warra kaaniif michuu dhugaa taʼuu kan dandeessu akkamitti?

 Seenaan Kitaaba Qulqulluu akka siif dhugoomu yoo goote, akkasumas qorannoo gadi fageenya qabu yoo goote, Kitaaba Qulqulluu dubbisuun caalaatti gammachiisaa siif taʼa.