Dhimma ijoo ta'etti seeni

GAAFFII DARGAGGOOTAA

Maaliifan Qaama Koo Mura?

Maaliifan Qaama Koo Mura?

 Qaama ofii muruu yeroo jedhamu maal jechuu dha?

 Of muruun barsiifata meeshaa qara qabuun qaama ofii miidhuu argisiisa. Kun karaa namoonni ittiin of miidhan keessaa tokko qofa dha. Barsiifatawwan kaan immoo of gubuu fi of rukutuu dabalatu. Mata dureen kun of muruu irratti xiyyeeffata, taʼus, seerri buʼuuraa as irratti ibsamu bifawwan of miidhuu hundaaf ni hojjeta.

 Beekumsa kee qori: Dhugaa ykn Soba.

  1.   Kan of muran shamarran qofa dha.

  2.   Of muruun ajaja Kitaaba Qulqulluu Lewwoota 19:28 irratti, “dhagna keessan hin murmurinaa!” jedhu cabsuu dha.

 Deebii sirrii:

  1.   Soba. Rakkinni kun shamarran irratti balʼinaan kan mulʼatu fakkaatu illee, dhiironni tokko tokkos of muru akkasumas gochawwan ittiin of miidhan kan biroo ni raawwatu.

  2.   Soba. Lewwoonni 19:28, sirna bara durii amantii sobaa keessatti raawwatamu argisiisa malee, barsiifata of miidhuu mata duree kana keessatti mariʼannu kana miti. Taʼus, Uumaan keenya inni jaalala qabu akka nuti of miinu hin barbaadu jedhanii yaaduun sirriidha.—1 Qorontos 6:12; 2 Qorontos 7:1; 1 Yohaannis 4:8.

 Namoonni kan of muran maaliifi?

 Beekumsa kee qori: Yaada isa kamtu caalaatti sirrii sitti fakkaata?

 Namoonni kan of muran . . .

  1.   dhiphina miiraa cimaa taʼee wajjin qabsoo gochaa waan jiraniifi.

  2.   of ajjeesuuf yaalii gochaa waan jiraniifi.

 Deebii sirrii: A. Namoonni of muran baayʼeen isaanii duʼuu hin barbaadan. Dhiphina miiraa isaanitti dhagaʼamu irraa boqonnaa argachuu qofa barbaadu.

 Barsiifata of muruu isaanii ilaalchisee wanta dargaggoonni tokko tokko dubbatan ilaali.

 Seeliyaa: “Akkas gochuun boqonnaa naaf argamsiisa.”

 Taamaaraa: “Karaan itti dhiphina koo keessaa baʼu natti fakkaata. Dhiphina miiraa irra dhukkuba qaamaa wayya.”

 Kaarii: “Gadda baayʼeen jibba. Of muruun gadda koo dhiisee, dhukkuba qaamaa koo irratti akkan xiyyeeffadhu na godha.”

 Jeeriin: “Yeroon of muru hundatti, wanta naannoo koo jiruuf xiyyeeffannaa waanan hin kennineef, rakkina koo wajjin hin qabsaaʼu. Jijjiirama sana nan jaalladha.”

 Rakkina akkasii qabda taanaan, akkamitti dhaabuu dandeessa?

 Yihowaatti kadhannaa dhiheessuun barsiifata kana moʼuuf tarkaanfii barbaachisaa dha. Kitaabni Qulqulluun akkas jedha: “Inni isiniif waan yaaduuf yaaddoo keessan hundumaa isa irratti gataa.”—1 Pheexiros 5:7.

 Yaada: Tarii, kadhannaa gabaabaa kan akka “gargaarsan barbaada” jedhu Yihowaatti himuudhaan jalqabuu dandeessa. Yeroo booda, wanta garaa kee keessa jiru hunda baastee miira kee, ‘Waaqa jajjabina hundaatti’ himuu dandeessa.—2 Qorontos 1:3, 4.

 Kadhannaan miirri gaariin akka sitti dhagaʼamuuf qofa kan dhihaatu miti. Karaa Abbaa keenya isa samii wajjin dhugumaan walitti dubbannu dha; inni, ‘ani sin gargaara; irree qajeelummaa koo isa mirgaatiin ol sin qaba’ jechuudhaan abdii kenneera.—Isaayaas 41:10.

 Namoonni barsiifata of muruu wajjin qabsoo godhan hedduun warra isaanii ykn nama gaʼeessa amananitti himuudhaan jajjabina argataniiru. Mee yaada armaan gadii dargaggoonni akkas godhan sadan kennan haa ilaallu.

 Gaaffiiwwan irratti xiinxaltu

  • Gargaarsa yommuu barbaaddu, eenyuun gaafachuu dandeessa?

  • Waaʼee dhimma sanaa Yihowaatti maal jettee kadhannaa dhiheessuu dandeessa?

  • Dhiphinaa fi yaaddoo kee salphisuuf mala (of miidhuu hin dabalanne) si gargaaran lama ibsuu dandeessaa?