Dhimma ijoo ta'etti seeni

Kitaabni Qulqulluun Waaʼee Weerara Dhibee Maal Jedha?

Kitaabni Qulqulluun Waaʼee Weerara Dhibee Maal Jedha?

Deebii Kitaaba Qulqulluu

 Kitaabni Qulqulluun bara dhumaatti golfaan (weerara dhibee dabalatee dhukkubni saffisaan babalʼatu) akka uumamu raajii dubbateera. (Luqaas 21:11) Weerarri dhibee akkasii adaba Waaqayyo biraa dhufe miti. Kanaa mannaa, Waaqayyo yeroo dhihootti Mootummaa isaatti fayyadamee weerara dhibee dabalatee rakkina fayyaa akkamii iyyuu ni balleessa.

 Kitaabni Qulqulluun waaʼee weerara dhibee raajii ni dubbataa?

 Kitaabni Qulqulluun weerarri dhibee ykn dhukkuboonni kan akka kooviid-19, eedsii ykn Ispaanish filuu jiran akka kaʼan adda baasee hin dubbatu. Taʼus “golfaa” fi “dhaʼicha cimaa” ilaalchisee raajii ni dubbata. (Luqaas 21:11; Mulʼata 6:8) Taʼeewwan kun mallattoowwan “guyyoota dhumaa” ykn “dhuma sirna kanaa” keessa akka jirru argisiisanii dha.—2 Ximotewos 3:1; Maatewos 24:3.

 Waaqayyo namoota dhukkubaan adabee beekaa?

 Kitaabni Qulqulluun seenaa Waaqayyo namoota dhukkubaan adabee akka beeku dubbatu muraasa qabateera. Fakkeenyaaf, namoonni tokko tokko dhukkuba nadaayiitiin akka qabaman godheera. (Lakkoofsa 12:1-16; 2 Mootota 5:20-27; 2 Seenaa Baraa 26:16-21) Taʼus dhukkubni isaan irratti dhufe weerara dhibee nama balleessaa hin qabne dabalatee namoota waliin gaʼuu wajjin tokko miti. Kanaa mannaa, dhukkuboonni kun murtii namoota Waaqayyo irratti fincilan irratti dabarfame dha.

 Weerarri dhibee yeroo harʼaa jiru adaba Waaqayyo biraa dhufe dhaa?

 Lakki. Yeroo harʼaatti namoonni tokko tokko Waaqayyo weerara dhibee ykn dhukkuboota kaanitti fayyadamee namoota adabaa akka jiru yaadu. Haa taʼu malee, Kitaabni Qulqulluun yaada kana hin deggeru. Maaliif?

 Sababni inni tokko, bara duriittis taʼe yeroo harʼaatti namoonni Waaqayyoon waaqeffatan tokko tokko baayʼee dhukkubsatanii beeku. Fakkeenyaaf, Ximotewos inni nama amanamaa taʼe ‘dhukkuba deddeebiʼee isatti kaʼuun’ kan kaʼe yeroo itti dhiphate qaba ture. (1 Ximotewos 5:23) Haa taʼu malee, Kitaabni Qulqulluun kun mallattoo Waaqayyo duratti fudhatama dhabuu isaa argisiisu akka taʼe hin dubbatu. Haaluma walfakkaatuun yeroo harʼaas, tajaajiltoonni Waaqayyoo amanamoon tokko tokko dhukkubaa wajjin walʼaansoo ni godhu. Yeroo baayʼee, namoonni kun dhukkubaan kan qabaman yeroo sirrii hin taanetti bakka sirrii hin taanetti waan argamaniifi.—Lallaba 9:11.

 Kana malees, Kitaabni Qulqulluun yeroon Waaqayyo hamoota itti adabu amma iyyuu akka hin geenye dubbata. Kanaa mannaa, kan jiraannu “guyyaa fayyinaa,” yeroo Waaqayyo namoonni hundi akka isatti dhihaatanii fi fayyina akka argataniif affeerraa isaaniif dhiheessaa jiru keessa dha. (2 Qorontos 6:2) Affeerraa kana dhiheessaa kan jirus hojii lallabaa ergaa gaarii qabatee fi addunyaa maratti lallabamaa jirutti fayyadamee ti; ergaan kunis ‘misiraachoo Mootummichaa’ ti.—Maatewos 24:14.

 Weerarri dhibee ni badaa laata?

 Eeyyee. Kitaabni Qulqulluun yeroo dhihoo booda yeroon namni tokko illee itti hin dhukkubsanne akka dhufu raajii dubbata. Waaqayyo Mootummaa isaa jalatti dhibee fayyaa hundumaa ni fayyisa. (Isaayyaas 33:24; 35:5, 6) Inni dhiphina, dhukkubaa fi duʼa ni balleessa. (Mulʼata 21:4) Akkasumas namoota duʼan duʼaa kaasuudhaan mudaa malee fayyaa guutuu qabaatanii lafa irra akka jiraatan godha.—Faarfannaa 37:29; Hojii Ergamootaa 24:15.

 Caqasoota Kitaaba Qulqulluu waaʼee dhukkubaa dubbatan

 Maatewos 4:23: “[Yesuus] manneen sagadaa isaanii keessatti barsiisaa, misiraachoo Mootummichaa lallabaa, akkasumas dhukkuba gosa hundumaa fi dhibee gosa hundumaa namoonni sun qaban fayyisaa guutummaa Galiilaa keessa naannaʼe.”

 Ergaa isaa: Dinqiiwwan Yesuus raawwate wanta Mootummaan Waaqayyoo yeroo dhihootti ilmaan namootaa hundumaatiif raawwatuuf fakkeenya muraasa taʼa.

 Luqaas 21:11: “Golfaan ni jiraata.”

 Ergaa isaa: Dhukkuboonni babalʼachuun isaanii mallattoo bara dhumaa keessa akka jirru argisiisan keessa tokko dha.

 Mulʼata 6:8: “Kunoo, fardi daalachi tokko jira ture; inni isa irra taaʼe maqaan isaa Duʼa jedhama. Awwaallis itti dhihaatee isa duukaa buʼa ture . . . dhaʼicha cimaadhaan . . . akka namoota ajjeesan . . . aangoon isaaniif kenname.”

 Ergaa isaa: Raajiin waaʼee abbootii fardeenii arfanii dubbatu weerara dhibee bara keenyatti uumamu kan argisiisu dha.