Dhimma ijoo ta'etti seeni

Raajiiwwan Waaʼee Masiihichaa Dubbataman Yesuus Masiihicha Taʼuu Isaa Mirkaneessuu?

Raajiiwwan Waaʼee Masiihichaa Dubbataman Yesuus Masiihicha Taʼuu Isaa Mirkaneessuu?

Deebii Kitaaba Qulqulluu

 Eeyyee. Yesuus lafa irra yeroo turetti, raajiiwwan ‘Masiihii isa Geggeessaa taʼee’ fi “Fayyisaa addunyaa” taʼe ilaalchisee dubbataman hedduun akka raawwataman godheera. (Daaniʼel 9:25; 1 Yohaannis 4:14) Yesuus erga duʼee booda illee, raajiiwwan waaʼee Masiihichaa dubbataman akka raawwataman gochuu isaa itti fufeera.—Faarfannaa 110:1; Hojii Ergamootaa 2:34-36.

 “Masiihii” jechuun maal jechuu dha?

 Jechi Afaan Ibrootaa Maashiiyaak (Masiihii) jedhuu fi jechi Afaan Giriikii Kiriistoos (Kiristoos) jedhu “Isa Dibame” jechuu dha. Kanaafuu “Yesuus Kiristoos” jechuun, “Yesuus Isa Dibame” ykn “Yesuus Masiihicha” jechuu dha.

 Bara duriitti, yommuu namni tokko aangoo adda taʼe tokkoof dibamu yeroo baayʼee mataa isaa irratti zayitiin ni dhangalaafama ture. (Leewwota 8:12; 1 Saamuʼel 16:13) Yesuus Masiihicha akka taʼuuf Waaqayyoon muudameera, kun immoo aangoo guddaa dha. (Hojii Ergamootaa 2:36) Haa taʼu malee Waaqayyo, Yesuusiin zayitiidhaan utuu hin taʼin hafuura qulqulluudhaan dibe.—Maatewos 3:16.

 Raajiiwwan waaʼee Masiihichaa dubbataman nama tokkoo ol irratti raawwatamuu dandaʼuu?

 Lakki. Akkuma ashaaraan qubaa tokko nama tokko qofa adda baasee beeksisu, raajiiwwan Kitaaba Qulqulluus Masiihii ykn Kiristoos tokko qofa irratti raawwatamu. Haa taʼu malee, Kitaabni Qulqulluun akeekkachiisa akkana jedhu kenna: “Kiristoosonni sobaa fi raajonni sobaa kaʼanii yoo isaaniif dandaʼame warra filataman illee dogoggorsuuf mallattoowwan guguddaa fi dinqiiwwan ni hojjetu.”—Maatewos 24:24.

 Masiihichi gara fuulduraatti mulʼataa?

 Lakki. Kitaabni Qulqulluun, Masiihichi sanyii Daawit Mootichaa, isa mootii Israaʼel turee akka taʼu raajii dubbateera. (Faarfannaa 89:3, 4) Haa taʼu malee, galmeen hidda dhalootaa Yihudootaa hamma Daawititti jiru qabate badeera, tarii galmeen kun kan bade yeroo warri Roomaa Dh.K.B. bara 70⁠tti Yerusaalemiin injifatanitti taʼuu dandaʼa. a Yeroo sanaa kaasee, namni kam iyyuu ‘Ani maatii Daawit Mootichaa irraan dhufe’ jedhee mirkanaaʼaa taʼee dubbachuu hin dandaʼu. Faallaa kanaatiin garuu, bara Yesuusitti galmeen hidda dhalootaa qabate waan jiruuf, Yesuus sanyii Daawit taʼuu isaa yommuu dubbatu diinonni isaa illee isa falmuu hin dandaʼan.—Maatewos 22:41-46.

 Kitaaba Qulqulluu keessa raajiiwwan waaʼee Masiihichaa dubbataman meeqatu jira?

 Raajiiwwan waaʼee Masiihichaa dubbataman hammana jedhanii dubbachuun hin dandaʼamu. Fakkeenyaaf, raajiiwwan waaʼee Masiihichaa ifatti ibsan illee akkaataan itti lakkaaʼaman adda adda dha. Yaanni Isaayyaas 53:2-7 irratti argamu raajiiwwan waaʼee Masiihichaa ibsan hedduu qabateera. Namoonni tokko tokko yaada caqasa kana irra jiru guutummaa isaa akka raajii tokkootti lakkaaʼu taʼa, kaan immoo tokkoon tokkoon isaa raajii akka taʼetti ilaalu taʼa.

 Raajiiwwan waaʼee Masiihichaa dubbatamanii fi Yesuus raawwate tokko tokko

Raajii

Caqasa

Raawwii

Sanyii Abrahaam

Uumama 22:17, 18

Maatewos 1:1

Sanyii Yisihaaq ilma Abrahaam

Uumama 17:19

Maatewos 1:2

Yihudoota sanyii Israaʼel taʼan irraa dhalata

Uumama 49:10

Maatewos 1:1, 3

Sanyii Daawit Mootichaa keessaa dhalata

Isaayyaas 9:7

Maatewos 1:1

Durba irraa dhalata

Isaayyaas 7:14

Maatewos 1:18, 22, 23

Beetaliheem keessatti dhalata

Miikiyaas 5:2

Maatewos 2:1, 5, 6

Amaanuʼel jedhamee waamama b

Isaayyaas 7:14

Maatewos 1:21-23

Maatii hiyyeessa taʼe keessatti dhalata

Isaayyaas 53:2

Luqaas 2:7

Erga inni dhalatee booda daaʼimman ni ajjeefamu

Ermiyaas 31:15

Maatewos 2:16-18

Gibxii keessaa waamama

Hoseʼaa 11:1

Maatewos 2:13-15

Nama biyya Naazireet jedhamee waamama c

Isaayyaas 11:1

Maatewos 2:23

Ergamaan tokko isa dura ergama

Miilkiyaas 3:1

Maatewos 11:7-10

Dh.K.B. bara 29⁠tti Masiihii taʼee dibama d

Daaniʼel 9:25

Maatewos 3:13-17

Waaqayyo Ilma isaa akka taʼe beeksisa

Faarfannaa 2:7

Hojii Ergamootaa 13:33, 34

Mana Waaqayyootiif ni hinaafa

Faarfannaa 69:9

Yohaannis 2:13-17

Misiraachoo ni lallaba

Isaayyaas 61:1

Luqaas 4:16-21

Tajaajilli Galiilaatti raawwatu ifa guddaa kenna

Isaayyaas 9:1, 2

Maatewos 4:13-16

Akkuma Musee dinqii raawwata

Keessa Deebii 18:15

Hojii Ergamootaa 2:22

Akkuma Musee yaada Waaqayyoo dubbata

Keessa Deebii 18:18, 19

Yohaannis 12:49

Namoota dhukkubsatan hedduu fayyisa

Isaayyaas 53:4

Maatewos 8:16, 17

Xiyyeeffannaa ofitti hin harkisu

Isaayyaas 42:2

Maatewos 12:17, 19

Namoota cunqurfamanitti gara laafina argisiisa

Isaayyaas 42:3

Maatewos 12:9-20; Maarqos 6:34

Haqa Waaqayyoo mulʼisa

Isaayyaas 42:1, 4

Maatewos 12:17-20

Gorsaa Dinqii taʼa

Isaayyaas 9:6, 7

Yohaannis 6:68

Maqaa Yihowaa labsa

Faarfannaa 22:22

Yohaannis 17:6

Fakkeenyaan dubbata

Faarfannaa 78:2

Maatewos 13:34, 35

Geggeessaa taʼa

Daaniʼel 9:25

Maatewos 23:10

Namoonni hedduun isatti hin amanan

Isaayyaas 53:1

Yohaannis 12:37, 38

Dhagaa gufachiisu taʼa

Isaayyaas 8:14, 15

Maatewos 21:42-44

Namoonni isa tuffatu

Faarfannaa 118:22, 23

Hojii Ergamootaa 4:10, 11

Sababii malee jibbama

Faarfannaa 69:4

Yohaannis 15:24, 25

Harree irra taaʼee injifannoodhaan gara Yerusaalem seena

Zakkaariyaas 9:9

Maatewos 21:4-9

Ijoolleen isa jajatu

Faarfannaa 8:2

Maatewos 21:15, 16

Maqaa Yihowaatiin dhufa

Faarfannaa 118:26

Yohaannis 12:12, 13

Michuun inni amanu dabarsee isa kenna

Faarfannaa 41:9

Yohaannis 13:18

Meetii sheeqilii 30n dabarfamee kennama e

Zakkaariyaas 11:12, 13

Maatewos 26:14-16; 27:3-10

Michoonni isaa isa dhiisanii baqatu

Zakkaariyaas 13:7

Maatewos 26:31, 56

Ragaa baatonni sobaan isa irratti ragaa baʼu

Faarfannaa 35:11

Maatewos 26:59-61

Namoota isa himatan duratti ni callisa

Isaayyaas 53:7

Maatewos 27:12-14

Isatti tufama

Isaayyaas 50:6

Maatewos 26:67; 27:27, 30

Mataan isaa ni rukutama

Miikiyaas 5:1

Maarqos 15:19

Ni garafama

Isaayyaas 50:6

Yohaannis 19:1

Namoota isa rukutan of irraa hin ittisu

Isaayyaas 50:6

Yohaannis 18:22, 23

Bulchitoonni mootummaa isa irratti mariʼatu

Faarfannaa 2:2

Luqaas 23:10-12

Harki isaa fi miilli isaa muka irratti mismaaraan rukutama

Faarfannaa 22:16

Maatewos 27:35; Yohaannis 20:25

Namoonni uffata isaa irratti carraa buufatu

Faarfannaa 22:18

Yohaannis 19:23, 24

Cubbamootaa wajjin lakkaaʼama

Isaayyaas 53:12

Maatewos 27:38

Itti qoosama, ni arrabsama

Faarfannaa 22:7, 8

Maatewos 27:39-43

Cubbamootaaf jedhee dhiphata

Isaayyaas 53:5, 6

1 Pheexiros 2:23-25

Waaqayyo kan isa dhiise fakkaata

Faarfannaa 22:1

Maarqos 15:34

Wanti dhangaggaaʼuu fi hadhaaʼu isaaf kennama

Faarfannaa 69:21

Maatewos 27:34

Yeroo duʼuuf jedhu ni dheebota

Faarfannaa 22:15

Yohaannis 19:28, 29

Hafuura isaa imaanaadhaan Waaqayyotti kennata

Faarfannaa 31:5

Luqaas 23:46

Lubbuu isaa dabarsee kenna

Isaayyaas 53:12

Maarqos 15:37

Cubbuu balleessuuf furii dhiheessa

Isaayyaas 53:12

Maatewos 20:28

Lafeewwan isaa hin caban

Faarfannaa 34:20

Yohaannis 19:31-33, 36

Ni waraanama

Zakkaariyaas 12:10

Yohaannis 19:33-35, 37

Sooreyyii wajjin awwaalama

Isaayyaas 53:9

Maatewos 27:57-60

Duʼaa ni kaafama

Faarfannaa 16:10

Hojii Ergamootaa 2:29-31

Inni isa ganu bakka buufama

Faarfannaa 109:8

Hojii Ergamootaa 1:15-20

Mirga Waaqayyoo taaʼa

Faarfannaa 110:1

Hojii Ergamootaa 2:34-36

a Kitaabni Cyclopedia jedhamuu fi Maaklintookii fi Istiroongiin qophaaʼe akkana jedheera: “Galmeen hidda dhalootaa sanyii fi maatii Yihudootaa kan bade Yerusaalem balleeffamuu ishii dura utuu hin taʼin yeroo balleeffamtetti akka ture hin shakkisiisu.”

b Maqaan Afaan Ibrootaa Amaanuʼel jedhu, hiikni isaa “Waaqayyo Nuu Wajjin Jira” jechuu dha; kunis gaʼee Yesuus Masiihicha taʼuudhaan raawwatu akka gaariitti ibsa. Lafa irra jiraachuun isaa fi hojiiwwan isaa Waaqayyo tajaajiltoota isaa wajjin akka jiru argisiisa.—Luqaas 2:27-32; 7:12-16.

c Yaanni “nama biyya Naazireet” jedhu, jecha Afaan Ibrootaa neesar jedhuu fi hiika “latuu” jedhu qabu irraa kan argame taʼuu dandaʼa.

d Duraa duuba yeroo Kitaaba Qulqulluutiin Dh.K.B. barri 29 waggaa Masiihichi itti dhufe taʼuu isaa ilaalchisee odeeffannoo dabalataa argachuuf, mata duree “Raajiin Daaniʼel Dhufaatii Masiihichaa Dursee Kan Dubbate Akkamitti?” jedhu ilaali.

e Raajiin kun kitaaba Zakkaariyaas keessatti kan argamu taʼus, Maatewos inni barreessaa Kitaaba Qulqulluu taʼe ‘karaa Ermiyaas raajichaa akka dubbatame’ ibseera. (Maatewos 27:9) Kun kan taʼe kitaabni Ermiyaas yeroo tokko tokko kutaa Kitaaba Qulqulluu “Raajota” jedhamu keessatti jalqaba irra waan kaaʼamuuf taʼuu hin oolu. (Luqaas 24:44) Maatewos yeroo “Ermiyaas” jedhu kitaaba Zakkaariyaas dabalatee guutummaa kitaaba raajotaa argisiisuuf taʼuu hin oolu.