Faarfannaa 34:1-22

  • Yihowaan tajaajiltoota isaa ni oolcha

    • “Maqaa isaa waliin ol haa qabnu” (3)

    • Maleekaan Yihowaa eegumsa godha (7)

    • “Yihowaan gaarii taʼuu isaa dhandhamaa ilaalaa” (8)

    • ‘Lafee isaa keessaa tokko illee hin cabne’ (20)

Faarfannaa Daawit yeroo Abimelek duratti qalbii kan dabarse fakkaatee+ dhihaachuu isaatti inni ariʼee isa baasetti faarfate. א [Aleef] 34  Yeroo hundumaa Yihowaa nan jajadha;Galanni isaa yoom iyyuu afaan koo irra jira. ב [Beet]   Ani Yihowaadhaan of nan jaja;+Garraamonni kana dhagaʼanii ni gammadu. ג [Giimel]   Anaa wajjin Yihowaa jajadhaa;+Maqaa isaa waliin ol haa qabnu. ד [Daalet]   Ani Yihowaa nan kadhadhe, innis deebii naaf kenne.+ Sodaa koo hundumaa jalaas na oolche.+ ה [Hii]   Warri gara isaa ilaalan ni ifan;Fuulli isaaniis qaaneffamuu hin dandeenye. ז [Zaayin]   Inni rakkataan kun ni iyyate, Yihowaanis ni dhagaʼe. Dhiphina isaa hundumaa jalaas isa oolche.+ ח [Heet]   Maleekaan Yihowaa naannoo warra Waaqayyoon sodaatan hundumaa ni buufata.+ Isaan ni oolchas.+ ט [Teet]   Yihowaan gaarii taʼuu isaa dhandhamaa ilaalaa;+Namni isatti kooluu galu gammadaa dha. י [Yood]   Isin qulqulloonni isaa hundi Yihowaa sodaadhaa,Warri isa sodaatan homtuu isaanitti hin hirʼatu.+ כ [Kaaf] 10  Leenconni saafelaa ciccimoo taʼan illee ni beelaʼu,Warri Yihowaa barbaaddatan garuu wanti gaariin tokko illee isaanitti hin hirʼatu.+ ל [Laamed] 11  Yaa ilmaan koo, kottaa na dhagaʼaa;Yihowaa sodaachuu isin nan barsiisa.+ מ [Meem] 12  Ati jireenyatti gammaduu,Guyyoota gaggaarii hedduus arguu yoo barbaadde,+ נ [Nuun] 13  Arraba kee wanta hamaa taʼe irraa,+Afaan kees gowwoomsaa dubbachuu irraa eegi.+ ס [Saamek] 14  Wanta hamaa irraa deebiʼi, wanta gaariis raawwadhu;+Nagaa barbaadi, isa duukaas buʼi.+ ע [Ayiin] 15  Ijji Yihowaa qajeelota irra jira,+Gurri isaas iyya isaan gargaarsa argachuuf dhiheessan ni dhagaʼa.+ פ [Pee] 16  Taʼus, yaadannoo isaanii hundumaa lafa irraa haquuf,Yihowaan warra wanta hamaa hojjetan irraa ni garagala.+ צ [Tsadee] 17  Isaan ni iyyatan, Yihowaanis ni dhagaʼe;+Dhiphina isaanii hundumaa jalaas isaan oolche.+ ק [Qoof] 18  Yihowaan warra garaan isaanii cabetti* dhihoo dha;+Warra hafuurri isaanii caccabes* ni oolcha.+ ר [Reesh] 19  Rakkinni nama qajeelaa hedduu dha,+Yihowaan garuu hunduma isaa jalaa isa ni oolcha.+ ש [Shiin] 20  Inni lafeewwan isaa hundumaa ni eega;Isaan keessaa tokko illee hin cabne.+ ת [Taaw] 21  Nama hamaa balaan ni ajjeesa;Warri nama qajeelaa jibban yakkamtoota taʼu. 22  Yihowaan lubbuu tajaajiltoota isaa ni fura;Warra isatti kooluu galan keessaa tokko illee yakkamaa hin taʼu.+

Miiljaleewwan

Ykn., “gaddetti.”
Kal., “abdii kutatanis.”