Dhimma ijoo ta'etti seeni

Kitaabni Qulqulluun Ulfa Baasuu Ilaalchisee Maal Jedha?

Kitaabni Qulqulluun Ulfa Baasuu Ilaalchisee Maal Jedha?

Deebii Kitaaba Qulqulluu

 Kitaabni Qulqulluun jecha “ulfa baasuu” jedhu kan hin fayyadamne taʼus, caqasoonni Kitaaba Qulqulluu hedduun ilaalcha Waaqayyo mucaa hin dhalanne dabalatee jireenya namootaatiif qabu ni ibsu.

 Jireenyi kennaa Waaqayyo biraa argame dha. (Uumama 9:6; Faarfannaa 36:9) Waaqayyo, lubbuu mucaa gadameessa keessa jiru dabalatee jireenya hunda gatii guddaa akka qabutti ilaala. Kanaafuu namni tokko taʼe jedhee mucaa gadameessa keessa jiru yoo ajjeese, lubbuu akka ajjeesetti ilaalama.

 Seerri Waaqayyo Israaʼelootaaf kenne akkana jedha: “Namoonni utuu wal lolanii dubartii dadhabbii qabdutti buʼanii ulfa yoo ishee irraa baasan, yoo isheen duʼa oolte iyyuu, namichi ishee miidhe sun gatii haa baasu! Namichi hamma abbaan manaa ishee isatti muru abboonni firdii erga ilaalanii baasa. Miidhamni biraa yoo irra gaʼe immoo qooda lubbuu lubbuu [kaffaluu qabda].”—Baʼuu 21:22, 23. a

 Jireenyi mucaa tokkoo kan jalqabu yoomii kaasee ti?

 Waaqayyo, guyyaa itti mucaan tokko gadameessa keessatti uumamee kaasee nama jiraataa akka taʼetti ilaala. Waaqayyo Kitaaba Qulqulluu keessatti mucaan hin dhalanne tokko nama akka taʼe irra deddeebiʼee ibseera. Fakkeenyawwan Waaqayyo mucaa gadameessa keessa jiruu fi mucaa dhalate wal qixa akka ilaalu ibsan tokko tokko mee haa ilaallu.

  •   Daawit Mootichi geggeessaa hafuuraatiin kakaʼee Waaqayyoon akkana jedheera: “Nama taʼuun koo utuu hin beekamin iji kee na arge” (Faarfannaa 139:16) Waaqayyo, Daawit utuu hin dhalatin dura illee nama akka taʼetti isa ilaaleera.

  •   Kana malees, Waaqayyo Ermiyaas raajichi dhalachuu isaa dura kaayyoo adda taʼe akka isaaf qabu beeka ture. Waaqayyo akkana isaan jedhe: “Garaa haadha kee keessatti utuun si hin tolchinan si foʼadhe; utuu ati hin dhalatin addaan si baaseen, sabaaf raajii akka taatuuf si kaase.”—Ermiyaas 1:5.

  •   Ogeessa fayyaa fi barreessaa kutaa Kitaaba Qulqulluu kan taʼe Luqaas mucaa gadameessa keessa jiruu fi mucaa reefuu dhalate ibsuuf jecha Afaan Giriikii wal fakkaatutti fayyadameera.—Luqaas 1:41; 2:12, 16.

 Waaqayyo nama ulfa baaseef dhiifama ni godhaa?

 Namoonni ulfa baasan Waaqayyo biraa dhiifama argachuu ni dandaʼu. Ilaalcha Waaqayyo lubbuudhaaf qabu erga hubatanii booda miira balleessaa isaanitti dhagaʼamuun jeeqamuu hin qaban. “Waaqayyo ooʼa-qabeessaa fi araara-qabeessa, . . . Baʼi-biiftuu lixa-biiftuutii akka fagaatu, innis irra-daddarbaa keenya nuttii in fageessa.” (Faarfannaa 103:8-12) Waaqayyo namoota ulfa baasan dabalatee warra kanaan dura cubbuu raawwatanii fi yaada garaa isaanii geddaratan hundaaf dhiifama ni godha.—Faarfannaa 86:5.

 Jireenyi haadhaa ykn mucaa gadameessa keessa jiruu balaadhaaf yommuu saaxilamutti ulfa baasuun dogoggoraa?

 Kitaabni Qulqulluun mucaa gadameessa keessa jiru tokko ilaalchisee akka dubbatutti, haala fayyaa wajjin wal qabateen balaa cimaan haadha ykn mucaa irra gaʼuu dandaʼa jedhanii yaaduudhaan ulfi akka baʼu gochuun sirrii miti.

 Haala darbee darbee mudatu jechuunis yeroo daʼumsaatti haala akka tasaa uumamuu dandaʼuun lubbuu haadhaa ykn mucaa oolchuu ilaalchisee filannoon yoo dhihaate hoo maal gochuutu dandaʼama? Haalli akkanaa yommuu uumamutti, warri dhimmichi kallattiidhaan isaan ilaallatu lubbuu isa kam oolchuu akka wayyu ilaalchisee filannoo mataa isaanii gochuu qabu.

a Hiikawwan tokko tokko seera Israaʼelootaaf kenname keessatti xiyyeeffannaa guddaa kan kennan, wanta mucaa gadameessa keessa jiru irra gaʼe irratti utuu hin taʼin, miidhaa haadha irra gaʼe irratti dha. Haa taʼu malee, Kitaabni Qulqulluun Afaan Ibrootaa miidhaa haadha irras taʼe mucaa gadameessa keessa jiru irra gaʼe ibsa.