Ermiyaas 1:1-19

  • Ermiyaas raajii taʼee muudame (1-10)

  • Mulʼata muka almoondii (11, 12)

  • Mulʼata distii (13-16)

  • Ermiyaas hojii isaa akka raawwatu jajjabeeffame (17-19)

1  Dubbiin Ermiyaas* ilma Hilqiyaa isa luboota magaalaa Anaatot+ ishii biyya Biiniyaamitti argamtu keessa jiraatan keessaa tokko taʼe sanaa kana ture.  Dubbiin Yihowaa bara Yosiyaas+ ilma Amoon+ isa mootii Yihudaa taʼetti, bara bulchiinsa isaa waggaa 13ffaatti gara isaa ni dhufe.  Akkasumas, dubbiin isaa bara Yehoyaaqiim+ ilma Yosiyaas mootii Yihudaatti, hamma xumura waggaa 11ffaa bara Zedeeqiyaa+ ilma Yosiyaas mootii Yihudaatti, hamma jiʼa shanaffaa+ Yerusaalem itti boojiʼamteetti dhufuu isaa itti fufe.  Dubbiin Yihowaa akkana jedhu gara koo ni dhufe:   “Gadameessa keessatti si tolchuu koo dura si beekeera,*+Dhalachuu* kee duras si qulqulleesseera.*+ Sabootaaf raajii si godheera.”   Ani garuu, “Wayyoo, yaa Yihowaa Gooftaa Ol Aanaa! Daaʼima* waanan taʼeef,+ akkamitti akkan dubbadhu hin beeku”+ nan jedhe.   Yihowaanis akkana naan jedhe: “Gara warran itti si ergu hundumaa deemuu waan qabduuf,Wantan si ajaju hundumaas isaanitti waan dubbattuuf,+‘Ani daaʼima’ hin jedhin.   Fuulli isaanii si hin sodaachisin,+Sababiin isaas, ‘Ani si oolchuuf sii wajjinan jira’+ jedha Yihowaan.”  Achiis Yihowaan harka isaa diriirsee afaan koo tuqe.+ Sana booda Yihowaan akkana naan jedhe: “Ani dubbii koo afaan kee keessa kaaʼeera.+ 10  Kunoo, ani harʼa sabootaa fi mootummoota irratti ol aantummaa akka qabaattu, akka buqqistuu fi akka jigsitu, akka balleessituu fi akka diigdu, akka ijaartuu fi akka dhaabduuf si muudeera.”+ 11  Ammas dubbiin Yihowaa, “Yaa Ermiyaas, maaltu sitti mulʼata?” jedhu gara koo ni dhufe. Anis, “Damee muka almoondiitu* natti mulʼata” jedheen deebise. 12  Yihowaanis, “Dubbii koo raawwachuuf dammaqinaan eeggachaa waanan jiruuf, wanti ati argite sirrii dha” naan jedhe. 13  Dubbiin Yihowaa, “Maaltu sitti mulʼata?” jedhu yeroo lammaffaadhaaf gara koo ni dhufe. Anis, “Distii danfaa jiru* tokkotu natti mulʼata; afaan isaas gara kaabaatti jalʼateera” jedheen deebise. 14  Yihowaanis akkana naan jedhe: “Jiraattota biyyattii hundumaa irratti,+Kaaba irraa badiisni ni gadhiifama. 15  Sababiin isaas, ‘Ani maatiiwwan mootummoota kaabaa hundumaa nan waama’ jedha Yihowaan,+‘Isaanis ni dhufu; tokkoon tokkoon isaaniisBalbala karrawwan Yerusaalem irratti,+Guutummaa naannoo dallaawwan ishii irratti,Akkasumas guutummaa magaalota Yihudaa irratti teessoo isaanii ni dhaabu.+ 16  Isaan waan na dhiisaniif,+Waaqolii kan birootiif aarsaa aarfamu waan dhiheessaniif,+Akkasumas hojiiwwan harka isaaniitiif waan sagadaniif,+Anis hammina isaanii hundumaatiif murtii koo isaan irratti nan dabarsa.’ 17  Ati garuu tarkaanfii fudhachuuf qophaaʼi,*Kaʼiitii wantan si ajaju hundumaa isaanitti himi. Isaan hin sodaatin,+Taʼuu baannaan garuu, isaan duratti akka sodaattu nan godha. 18  Sababiin isaas, ani harʼa guutummaa biyyattii irratti, mootota Yihudaa fi bulchitoota ishii irratti,Luboota ishii fi uummata biyyattii irrattis,+Akkuma magaalaa dallaa dhagaa qabduu,Akkuma utubaa sibiilaa fi akkuma dallaawwan sibiila diimaa si godheera.+ 19  Isaan dhugumaan si lolu,Garuu si hin moʼan,Sababiin isaas, ‘Ani si oolchuuf sii wajjinan jira’+ jedha Yihowaan.”

Miiljaleewwan

Tarii, “Yihowaan Ol Qaba” jechuu dha.
Ykn., “si filadheera.”
Kal., “Gadameessa keessaa baʼuu.”
Ykn., “adda si baaseera.”
Ykn., “Dargaggeessa.”
Kal., “isa dammaqsu sanaatu.”
Kal., “itti afuufamaa jiru.”
Kal., “mudhii kee hidhadhu.”