Dhimma ijoo ta'etti seeni

Namni Waaqayyoon Argee Beeku Jiraa?

Namni Waaqayyoon Argee Beeku Jiraa?

Deebii Kitaaba Qulqulluu

 Namni kallattiidhaan Waaqayyoon argee beeku hin jiru. (Baʼuu 33:20; Yohaannis 1:18; 1 Yohaannis 4:12) Kitaabni Qulqulluun “Waaqayyo hafuura” akka taʼe ibsa; qaama hafuuraa kana immoo ija namaatiin arguun hin dandaʼamu.—Yohaannis 4:24; 1 Ximotewos 1:17.

 Kallattiidhaan Waaqayyoon arguu kan dandaʼan maleekota qofa dha; sababiin isaas isaan uumamawwan hafuuraa ti. (Maatewos 18:10) Kana malees, namoonni qaama hafuuraa uffatanii duʼaa kaʼanii samii irra jiraatan, Waaqayyoon arguu ni dandaʼu.—Filiphisiyus 3:20, 21; 1 Yohaannis 3:2.

Yeroo ammaatti Waaqayyoon “arguu” kan dandeenyu akkamitti?

 Kitaabni Qulqulluun yeroo baayʼee jecha arguu jedhu fakkeenyaan, jechuunis ifa beekumsaa argachuu argisiisuuf itti fayyadama. (Isaayaas 6:10; Ermiyaas 5:21; Yohaannis 9:39-41) Haala kanaa wajjin wal simuun, namni tokko Waaqayyoon ni arga yeroo jedhamu, “ija garaa [isaatiin]” arga jechuu dha; kana gochuuf immoo waaʼee Isaa beekuu fi amalawwan Isaa dinqisiifachuudhaan amantii horachuu qaba jechuu dha. (Efesoon 1:18) Kitaabni Qulqulluun tarkaanfiiwwan amantii akkasii guddifachuuf nu gargaaran ibsa.

  •   Wantoota inni uume ilaaluudhaan waaʼee amalawwan Waaqayyoo, jechuunis waaʼee jaalala, arjummaa, ogummaa fi humna isaa barachuu dandeessa. (Roomaa 1:20) Iyoob inni nama amanamaa ture waaʼee uumamawwan Waaqayyoo erga itti himamee booda akkuma waan Waaqayyoon ija isaatiin argetti isatti dhagaʼamee ture.—Iyoob 42:5.

  •   Kitaaba Qulqulluu qoʼachuudhaan waaʼee Waaqayyoo barachuu dandeessa. Kitaabni Qulqulluun, “Yoo [Waaqayyoon] barbaaddatte, isa in argatta” jechuudhaan nuuf mirkaneessa.—1 Seenaa 28:9; Faarfannaa 119:2; Yohaannis 17:3.

  •   Waaʼee jireenya Yesuus qoruudhaan waaʼee Waaqayyoo barachuu dandeessa. Yesuus amalawwan Abbaa isaa guutummaatti waan argisiiseef, “Namni ana arge hundi Abbaas argeera” jechuu dandaʼeera.—Yohaannis 14:9.

  •   Karaa Waaqayyoon gammachiisuun jiraadhu; siif jedhee wantoota inni godhus hubadhu. Yesuus, “Warri garaan isaanii qulqulluu taʼe gammadoo dha; isaan Waaqayyoon ni argu” jedheera. Akkuma olitti ibsame namoonni Waaqayyoon gammachiisan duʼaa kaʼanii gara samii yommuu deeman “Waaqayyoon ni argu.”—Maatewos 5:8; Faarfannaa 11:7.

Museen, Abrahaamii fi namoonni kaan kallattiidhaan Waaqayyoon arganii hin turree?

 Kitaaba Qulqulluu keessatti seenaawwan namoonni kallattiidhaan Waaqayyoon akka argan ibsame, yaadawwan naannoo caqasichaa jiran akka ibsanitti Waaqayyo kan mulʼate maleekaa tokkotti ykn mulʼata tokkotti fayyadamee akka taʼe hubanna.

 Maleekota.

Bara duriitti Waaqayyo maleekonni bakka buʼoota isaa taʼanii namootatti akka mulʼatanii fi maqaa isaatiin akka dubbatan ni erga ture. (Faarfannaa 103:20) Fakkeenyaaf, Waaqayyo yeroo tokko huuxxii bobaʼu gidduudhaa Museetti yeroo dubbatee turetti, Kitaabni Qulqulluun, ‘Museen gara Waaqayyoo ilaaluu sodaatee fuula isaa in dhokfate’ jedha. (Baʼuu 3:4, 6) Yaanni naannoo caqasichaa jiru akka argisiisutti, Museen maleekaa ykn ‘ergamaa Waaqayyoo’ arge malee, kallattiidhaan Waaqayyoon hin argine.—Baʼuu 3:2.

 Haaluma wal fakkaatuun, Kitaabni Qulqulluun Waaqayyo “fuula isaa duraa Museetti in dubbata ture” yeroo jedhu, akka michuutti isatti dubbata ture jechuu isaa ti. (Baʼuu 4:10, 11; 33:11) Ergaan kan isaaf dabarfame “karaa maleekotaa” waan tureef, Museen kallattiidhaan fuula Waaqayyoo hin argine. (Galaatiyaa 3:19; Hojii Ergamootaa 7:53) Taʼus, amantiin Museen Waaqayyo irratti qabu cimaa waan tureef, Kitaabni Qulqulluun “isa hin argamne Sana akka waan arguutti” akka amane ibsa.—Ibroota 11:27.

 Haaluma wal fakkaatuun, Waaqayyo Abrahaamitti kan dubbate maleekotatti fayyadamee ti. Seenaa kana akkasumaan irra keessa yommuu dubbisnu, Abrahaam kallattiidhaan Waaqayyoon akka arge goonee yaanna taʼa. (Uumama 18:1, 33) Haa taʼu malee, yaanni naannoo caqasichaa jiru akka argisiisutti, ‘namoonni sadan’ Waaqayyo erge sun maleekota turan. Abrahaam bakka buʼoota Waaqayyoo akka taʼan waan hubateef, akkuma waan kallattiidhaan Yihowaatti dubbachaa jiruutti isaanitti dubbata ture.—Uumama 18:2, 3, 22, 32; 19:1.

 Mulʼatawwan.

Waaqayyo karaa mulʼatawwan ykn fakkiiwwan sammuu namootaa keessatti uumamaniinis mulʼateera. Fakkeenyaaf, Kitaabni Qulqulluun Musee fi Israaʼeloonni “Waaqayyo isa kan Israaʼel in argan” yeroo jedhu, mulʼataan Waaqa isa dhugaa arguu isaanii kan argisiisu dha. (Baʼuu 24:9-11) Haaluma wal fakkaatuun, Kitaabni Qulqulluun raajonni ‘Waaqayyoon akka argan’ dubbata. (Isaayaas 6:1; Daaniʼel 7:9; Amos 9:1) Bakkawwan kana hundatti yaanni naannoo caqasichaa akka argisiisutti, namoonni Waaqayyoon kan argan kallattiidhaan utuu hin taʼin mulʼataani dha.—Isaayaas 1:1; Daaniʼel 7:2; Amos 1:1.