Yohaannis Tokkoffaa 3:1-24

  • Nuti ijoollee Waaqayyoo ti (1-3)

  • Ijoollee Waaqayyoo fi ijoollee Diyaabilos (4-12)

    • Yesuus hojii Diyaabilos diiga (8)

  • Wal jaalladhaa (13-18)

  • Waaqni garaa keenya irra ni caala (19-24)

3  Nuti ijoollee Waaqayyoo jedhamnee akka waamamnuuf+ Abbaan jaalala guddaa akkamii akka nutti argisiise ilaalaa!+ Dhuguma iyyuu nuti ijoollee isaa ti. Addunyaan Waaqayyoon hin beeku;+ nuunis kan hin beekne kanaafi.+  Obboloota jaallatamo, nuti amma ijoollee Waaqayyoo ti;+ taʼus, gara fuulduraatti maal akka taanu amma iyyuu hin mulʼifamne.+ Yommuu inni mulʼifamu akka isaa akka taanu beekna; sababiin isaas, yeroo sanatti dhuguma isa ni argina.  Akkuma inni sun qulqulluu taʼe, namni abdii kana isa irratti qabu hundis of qulqulleessa.+  Namni cubbuu hojjechuu amaleeffatu hundi seera cabsaa jira; cubbuun seera cabsuu dha.  Isinis inni kan mulʼifame cubbuu keenya balleessuuf+ akka taʼe beektu; isa keessa cubbuun hin jiru.  Namni isaa wajjin tokkummaadhaan jiraatu hundi cubbuu hojjechuu hin amaleeffatu;+ namni cubbuu hojjechuu amaleeffatu hundi isa hin argine yookiin isa hin beekne.  Yaa ijoolle, namni tokko illee isin hin dogoggorsin; akkuma inni sun qajeelaa taʼe, namni qajeelina hojjechuu amaleeffate qajeelaa dha.  Diyaabilos jalqabumaa kaasee* cubbuu hojjechaa waan jiruuf,+ namni cubbuu hojjechuu amaleeffatu kan Diyaabilosi. Ilmi Waaqayyoo kaayyoo kanaatiif, jechuunis hojii Diyaabilos diiguuf* mulʼifame.+  Namni Waaqayyo irraa dhalate hundi cubbuu hojjechuu hin amaleeffatu;+ sababiin isaas, namni akkasii sanyiin* Waaqayyoo isa keessa waan jiraatuu fi inni Waaqayyo irraa waan dhalateef+ cubbuu hojjechuu amaleeffachuu hin dandaʼu. 10  Ijoolleen Waaqayyoo fi ijoolleen Diyaabilos kanaan adda baafamanii beekamu: Namni qajeelina hojjechuu hin amaleeffannes taʼe obboleessa isaa hin jaallanne hundi kan Waaqayyoo miti.+ 11  Ergaan jalqabaa kaasee dhageessan wal jaallachuu akka qabnu kan ibsu dha;+ 12  akka Qaayin isa kan isa hamaa sanaa taʼee fi obboleessa isaa gara jabinaan ajjeese sanaa taʼuu hin qabnu.+ Inni obboleessa isaa kan ajjeese maaliifi? Hojiin isaa hamaa,+ kan obboleessa isaa immoo qajeelaa+ waan tureefi. 13  Yaa obbolootaa, addunyaan isin jibbuu isaatti hin dinqisiifatinaa.+ 14  Nuti obboloota keenya waan jaallannuuf,+ duʼa irraa gara jireenyaatti akka darbine beekna.+ Namni jaalala hin qabne duʼa keessa jiraata.+ 15  Namni obboleessa isaa jibbu hundi nama nama ajjeesu dha;+ namni nama ajjeesu hundi immoo jireenyi bara baraa isa keessa akka hin jiraanne beektu.+ 16  Inni lubbuu isaa dabarsee waan nuu kenneef kanaan jaalala beekneerra;+ nutis obboloota keenyaaf lubbuu keenya dabarsinee kennuuf dirqamni nu irra jira.+ 17  Haa taʼu malee, namni qabeenya addunyaa kanaa qabu kam iyyuu obboleessi isaa utuu rakkatuu argee yoo garaa isaaf laafuu dide, jaalalli Waaqayyoo akkamitti isa keessa jiraata?+ 18  Yaa ijoolle, dubbiidhaan yookiin afaaniin utuu hin taʼin,+ hojii+ fi dhugaadhaan+ wal haa jaallannu. 19  Kanaan nuti kan dhugaa taʼuu keenya ni beekna, isa durattis garaa keenya ni tasgabbeessina;* 20  wanta garaan keenya nutti murteessu hundumaa irratti kana ni goona; sababiin isaas, Waaqayyo garaa keenya irra ni caala, wanta hundumaas beeka.+ 21  Yaa obboloota jaallatamo, garaan keenya nutti hin murteessu yoo taʼe, Waaqayyo duratti bilisummaa dubbachuu ni qabaanna;+ 22  ajajawwan isaa waan eegnuu fi wanta isa gammachiisu waan hojjennuuf, wanta isa gaafannu kam iyyuu isa irraa ni arganna.+ 23  Eeyyee, ajajni isaa isa kana: kunis maqaa Ilma isaa Yesuus Kiristoos irratti amantii akka qabaannuu+ fi akkuma inni nu ajajetti akka wal jaallannu dha.+ 24  Kana malees, namni ajajawwan isaa eegu kam iyyuu isaa wajjin tokkummaadhaan jiraata; innis nama akkasii wajjin tokkummaa ni qabaata.+ Hafuura inni nuu kenneenis, inni nuu wajjin tokkummaadhaan akka jiraatu beekna.+

Miiljaleewwan

Ykn., “balleessuuf.”
Ykn., “yeroo jalqabee kaasee.”
Jechuunis, sanyii wal horuu yookiin firii godhachuu dandaʼu.
Ykn., “ni amansiisna.”