Dhimma ijoo ta'etti seeni

Dhugaa Baatonni Yihowaa Amantiin Isaanii Qofti Dhugaa Akka Taʼe Amanuu?

Dhugaa Baatonni Yihowaa Amantiin Isaanii Qofti Dhugaa Akka Taʼe Amanuu?

 Namoonni amantiidhaaf iddoo guddaa kennan, amantiin isaan filatan Waaqayyoofi Yesus biratti fudhatama qabaachuufi dhiisuusaarratti yaaduu qabu. Taʼuu baannaan garuu, amanticha keessa maaliif seenu?

 Yesus Kiristos, yaada amantiifi karaan hedduun akka jiru, hundisaanii immoo gara fayyinaatti akka geessan ibsu hin deggerre. Kanaa mannaa, “Karaan gara jireenyaatti geessu rakkoo dha, karri isaas dhiphaa dha, namoonni isa argatan muraasa” jedheera. (Maatewos 7:14) Dhugaa Baatonni Yihowaa karaa kana akka argatan amanu. Utuu akkas taʼuu baatee, amantii kan biraa barbaaddatu turan.