Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Qorumsa Keessa Utuma Jirtanii Illee Gad Of Deebisuu ni Dandeessu

Qorumsa Keessa Utuma Jirtanii Illee Gad Of Deebisuu ni Dandeessu

‘Gad of deebisaatii Waaqayyo keessanii wajjin deddeebiʼaa.’—MIK. 6:8.

FAARFANNAA: 48, 80

1-3. Raajiin Yihudaa maqaan isaa hin caqasamne tokko utuu maal hin godhin hafeera? Kun hoo maal isa irraan geessise? (Fakkii jalqaba irra jiru ilaali.)

BARA bulchiinsa Yerobiʼaam Mootichaatti, Yihowaan mootii Israaʼel isa gantuu taʼetti ergaa murtoo cimaa qabate akka itti himu Yihudaa irraa raajii tokko isatti ergee ture. Raajiin amala gad of deebisuu qabu kun amanamummaadhaan ergaa Waaqayyoo himeera; Yihowaanis dheekkamsa Yerobiʼaam isa cimaa jalaa tajaajilaa isaa kana oolcheera.—1 Mot. 13:1-10.

2 Raajichi gara biyya isaatti utuu deebiʼaa jiruu, akkuma tasaa maanguddoo Betʼelitti dhihoo jiraatu tokkoo wajjin wal arge. Maanguddoon kunis raajii Yihowaa akka taʼe isatti hime. Namichi kun raajii sana gowwoomsuudhaan, ajaja cimaa Yihowaan ‘wanta tokko illee akka hin nyaanne, wanta tokko illees akka hin dhugne, [karaa] irra dhufe irras deebiʼee akka hin galle’ isaaf kennee ture akka cabsu isa taasise. Yihowaan garuu kanatti hin gammanne ture. Achiis utuu gara biyya isaatti deebiʼaa jiruu, karaa irratti leenci tokko itti dhufee raajicha Yihowaa sana ajjeese.—1 Mot. 13:11-24.

3 Raajiin amala gad of deebisuu qabu kun, of gurguddisuudhaan maanguddoo isa gowwoomse sanaa wajjin kan deeme maaliifi? Kana ilaalchisee Kitaabni Qulqulluun wanta ibsu hin qabu. Haa taʼu malee, raajiin kun ‘gad of deebisee Waaqayyo isaa wajjin deddeebiʼuu’ akka qabu guutummaatti irraanfatee taʼuu dandaʼa. (Miikiyaas 6:8 dubbisi.) Kitaaba Qulqulluu keessatti, Yihowaa wajjin deddeebiʼuu jechuun, isatti amanamuu, ol aantummaa isaa deggeruu fi qajeelfama isaa hordofuu yaada jedhu dabarsa. Namni gad of deebisu, yeroo hunda Abbaa isaa Isa jaalala qabeessaa fi hundumaa dandaʼuu wajjin wal qunnamuu akka dandaʼu, akkasumas akkas gochuun isaa dirqama akka taʼe ni hubata. Raajichi qajeelfama isaaf kennamee ture ilaalchisee irra deebiʼee Yihowaa gaafachuu dandaʼa ture; taʼus Kitaabni Qulqulluun akkas godhee akka ture hin ibsu. Nutis yeroo tokko tokko, murtoo ulfaataa gochuu qabna taʼa; wanti sirriin gochuu qabnus ifa taʼuu dhiisuu dandaʼa. Gad of deebisnee qajeelfama Yihowaa yoo gaafanne, dogoggora cimaa hojjechuu irraa of eeguuf nu gargaara.

4. Mata duree kana keessatti waaʼee maalii baranna?

4 Mata duree kana dura jiru irratti, gad of deebisuun amma iyyuu Kiristiyaanotaaf maaliif barbaachisaa akka taʼee fi amala kana argisiisuun maalfaa akka dabalatu barannee ture. Haa taʼu malee, haalawwan akka gad of hin deebisne qorumsa nutti taʼan maalfaa taʼuu dandaʼu? Yeroo akkasiitti illee amala gad of deebisuu horachuu kan dandeenyu akkamitti? Gaaffiiwwan kana deebisuuf, haalawwan baramoo gad of deebisuun keenya akka qoramu godhan sadii fi haalawwan sana keessatti ogummaadhaan tarkaanfii akkamii fudhachuu akka dandeenyu ibsan baranna.—Fak. 11:2.

YOMMUU HAALLI KEENYA JIJJIIRAMU

5, 6. Baarzilaayi nama gad of deebisu taʼuu isaa kan argisiise akkamitti?

5 Haalli dhuunfaa keenya ykn mirgi tajaajilaa keenya yommuu jijjiiramu kan gad of deebisnu taʼuun keenya qoramuu dandaʼa. Daawit, Baarzilaayi inni maanguddoo umurii waggaa 80 mana mootummaa keessa isa wajjin akka jiraatu yommuu isa gaafatu, Baarzilaayi kabaja guddaa akka argate isatti dhagaʼamee taʼuu qaba. Baarzilaayi afeerraa Daawit isaaf dhiheesse fudhachuun isaa, walitti dhufeenyi inni mootichaa wajjin qabu akka itti fufu gochuu dandaʼa ture. Taʼus, Baarzilaayi afeerraa isaa hin fudhanne. Maaliif? Dulloomee waan tureef mootichatti baʼaa taʼuu waan hin barbaanneef ture. Kanaaf Baarzilaayi, Kiimhaam (tarii ilmaan isaa keessaa tokko taʼuu dandaʼa) bakka isaa akka deemu yaada dhiheesse.—2 Sam. 19:31-37.

6 Baarzilaayi nama gad of deebisu taʼuun isaa murtoo sirrii akka godhu isa gargaareera. Afeerraa Daawit fudhachuu kan dide, itti gaafatamummaa fudhachuuf gaʼumsa akka hin qabne waan isatti dhagaʼameef ykn bara soorama itti baʼu bilisummaadhaan jiraachuu waan barbaadeef hin turre. Kanaa mannaa, haala isaa isa jijjiirame amanee waan fudhatee fi humna isaa waan beekuuf ture. Itti gaafatamummaa dabalataa humna isaatii ol taʼe fudhachuu hin barbaanne. (Galaatiyaa 6:4, 5 dubbisi.) Aangoo, ulfinaa fi beekamummaa irratti kan xiyyeeffannu yoo taʼe, akka hinaafnuu fi wal morkii keessa akka seennu, oolee bulee immoo abdii akka kutannu nu taasisuu dandaʼa. (Gal. 5:26) Haa taʼu malee, gad of deebisuun, hundi keenya dandeettii fi carraaqqii keenyatti fayyadamnee Waaqayyoof ulfina akka kenninuu fi warra kaan gargaaruuf wanta caalaatti gaarii taʼe raawwachuu irratti akka xiyyeeffannu nu taasisa.—1 Qor. 10:31.

7, 8. Amalli gad of deebisuu ofitti amanamuu irraa of eeguuf nu gargaaruu kan dandaʼu akkamitti?

7 Yeroo baayʼee aangoo dabalataa argachuun itti gaafatamummaa dabalataa waan fiduuf, nama gad of deebisnu taʼuun keenya akka qoramu godha. Nahimiyaan cunqursaa namoota Yerusaalem keessa turan irra gaʼaa ture yommuu dhagaʼu, Yihowaatti kadhannaa garaadhaa madde dhiheesse. (Nah. 1:4, 11) Artashaastaa Mootichi, bulchaa biyyichaa godhee yommuu Nahimiyaa muudetti sabichi eebba Yihowaa argateera. Nahimiyaan iddoo guddaa, qabeenyaa fi aangoo guddaa qabaatus, matumaa muuxannoo isaatti ykn dandeettii isaatti hin amanamne. Waaqayyoo wajjin deddeebiʼuu isaa itti fufeera. Irra deddeebiʼee Seera Waaqayyoo dubbisuudhaan qajeelfama Yihowaa barbaaduu isaa itti fufeera. (Nah. 8:1, 8, 9) Nahimiyaan namoota kaan hin cunqursine; kanaa mannaa baasii ofii isaatiin isaan tajaajileera.—Nah. 5:14-19.

8 Fakkeenyi Nahimiyaa, mirgi tajaajilaa keenya yommuu jijjiiramu ykn itti gaafatamummaan dabalataa yommuu nuuf kennamu, amalli gad of deebisuu ofitti amanamuu irraa akkamitti akka nu eegu ibsa. Jaarsi tokko, jalqaba utuu Yihowaatti kadhannaa hin dhiheessin, muuxannoo isaatti amanamuudhaan dhimmawwan gumii wajjin wal qabatan tokko tokko raawwata taʼa. Kaan immoo murtoo tokko erga godhanii booda, Yihowaan murtoo isaanii akka isaaniif eebbisu kadhannaa dhiheessu taʼa. Haa taʼu malee, kun gad of deebisuu jedhamaa? Namni gad of deebisu, iddoo Waaqayyo duratti qabuu fi gaʼee qophii Waaqayyoo keessatti qabu matumaa hin irraanfatu. Wanti bakki guddaan kennamuuf dandeettii keenya miti. Keessumaa immoo haala ykn rakkina kanaan dura nu mudate hiikuuf yommuu yaallutti, ofii keenyatti akka hin amanamne of eeggachuu qabna. (Fakkeenya 3:5, 6 dubbisi.) Miseensota maatii Waaqayyoo waan taaneef, itti gaafatamummaa qabaachuun keenya namoota maatii ykn gumii keenya keessa jiran kaan irraa nu caalchisa jennee hin yaannu. Kanaa mannaa, obboloota keenyaa wajjin wal taʼiinsaan hojjenna.—1 Xim. 3:15.

YOMMUU NAMOONNI NU CEEPHAʼAN YKN NU GALATEEFFATAN

9, 10. Gad of deebisuun sababii sirrii hin taaneen namoonni yommuu nu ceephaʼanitti kan nu gargaaru akkamitti?

9 Sababii sirrii hin taaneen namoonni yommuu nu ceephaʼanitti, miira keenya toʼachuun ulfaataa taʼu dandaʼa. Fakkeenyaaf Haannaan, Phiniinaa ishiin masaanuu ishii taate tuttuqxee waan ishii aarsituuf yeroo hunda ni boossi turte. Abbaan manaa ishii ishii jaallata ture; ishiin garuu dhala godhachuu hin dandeessu turte. Yeroo booda immoo, godoo qulqullaaʼaa keessatti utuu kadhannaa dhiheessaa jirtuu, Eliin inni Luba Ol Aanaa taʼe dogoggoraan machoofteetta jedhee ishii ceephaʼe. Haannaan baayʼee aartee akka turte beekamaa dha. Taʼus, rakkina kana hunda keessatti Haannaan ishiin gad of deebistu of toʼachuu dandeesseetti; akkasumas karaa ulfina qabuun Eliidhaaf deebisteetti. Kadhannaan ishii inni garaa namaa tuqu, Kitaaba Qulqulluu keessatti galmeeffameera. Kadhannaan ishii amantii, galateeffannaa fi dinqisiifannaa ishiin qabdu kan argisiisu dha.—1 Sam. 1:5-7, 12-16; 2:1-10.

10 Kana malees, gad of deebisuun ‘hamaa gaariidhaan moʼuu keenya itti fufuuf’ nu gargaaruu dandaʼa. (Rom. 12:21) Sirna Seexanaan geggeeffamu keessatti jireenyi wantoota hamoo taʼaniin waan guutameef, amala namoonni hamoon argisiisanitti aaruu irraa of qusachuuf carraaquu qabna. (Far. 37:1) Obboloota gumii keessa jiran gidduutti rakkinni yommuu uumamu immoo, caalaatti kan nama gaddisiisu taʼuu dandaʼa. Namni gad of deebisu garuu fakkeenya Yesuus hordofa. Kitaabni Qulqulluun, “Yommuu isa arrabsan deebisee hin arrabsine . . . Kanaa mannaa isa qajeelummaadhaan murteessu Sanatti imaanaadhaan of kenne” jedha. (1 Phe. 2:23) Yesuus haaloo baʼuun kan Yihowaa akka taʼe beeka ture. (Rom. 12:19) Kiristiyaanonnis kan gad of qaban akka taʼanii fi ‘hamaa hamaadhaan akka hin deebisine’ gorsi isaaniif kennameera.—1 Phe. 3:8, 9.

11, 12. (a) Yommuu warri kaan nu ceephaʼan ykn nu galateeffatan amalli gad of deebisuu kan nu gargaaru akkamitti? (b) Amalli gad of deebisuu uffannaa fi akkaataa itti of miidhagsinu yommuu filannu, akkasumas amala keenya irratti jijjiirama kan fidu akkamitti?

11 Kana malees, namoonni yommuu garmalee nu jajan kan gad of deebisnu taʼuun keenya qoramuu dandaʼa. Mee haalawwan akka tasaa jijjiiramaniif deebii gaarii Asteer kennite haa ilaallu. Baayʼee bareedduu kan turte taʼuu ishii irra iyyuu, waggaa tokkoof dibatawwan gatii guddaa qabaniin kunuunsa argachaa turte. Shamarran hedduu guutummaa Bulchiinsa Faares keessa dhufanii fi xiyyeeffannaa mootichaa argachuuf wal dorgoman gidduu jiraatti turte. Taʼus nama kabaja qabduu fi tasgabboofte turte. Mootichi, mootuu isaa akka taatu erga ishii filatee booda illee of hin jajne ykn of hin gurguddisne.—As. 2:9, 12, 15, 17.

Uffanni keenyaa fi akkaataan itti of miidhagsinu, ofiifis taʼe Yihowaadhaaf kabaja akka qabnu moo kan gad of hin deebisne taʼuu keenya argisiisa? (Keeyyata 12 ilaali)

12 Gad of deebisuun, namootaafis taʼe ofii keenyaaf karaa kabaja akka qabnu argisiisuun akka uffannuu fi amala gaarii akka qabaannu nu gargaara. Garaa namootaa tuquu kan dandeenyu, of jajuudhaan ykn xiyyeeffannaa isaanii gara keenyatti harkisuudhaan utuu hin taʼin, “tasgabbii fi hafuura garraamummaa” argisiisuudhaan akka taʼe beekna. (1 Pheexiros 3:3, 4 dubbisi; Er. 9:23, 24) Yaanni sirrii hin taane garaa keenya keessa yoo jiraate, oolee bulee gocha keenya irratti ni mulʼata. Fakkeenyaaf, mirga tajaajilaa adda taʼe akka qabnu, odeeffannoo namoonni kaan hin beekne akka beeknu ykn obboloota itti gaafatamummaa qabanii wajjin hariiroo addaa akka qabnu dubbachuudhaan kana argisiisna taʼa. Kana malees, yaanni ykn hojiin namoonni kaan irratti hirmaatan kan keenya qofa akka taʼe goonee dubbanna taʼa. Gama kanaanis Yesuus fakkeenya gaarii taʼa. Wanti inni dubbate baayʼeen isaa, kallattiidhaan ykn al kallattiidhaan Kitaaba Qulqulluu Afaan Ibrootaa keessaa kan fudhatame ture. Yesuus karaa akka gad of deebisu argisiisuun kan dubbate, dhaggeeffattoonni isaa wanti inni dubbatu beekumsaa fi ogummaa ofii isaa irratti kan hundaaʼe utuu hin taʼin, Yihowaa biraa kan dhufe akka taʼe akka beekan waan barbaaduuf ture.—Yoh. 8:28.

YOMMUU MURTOO GOONUTTI

13, 14. Gad of deebisuun murtoo gaarii gochuuf nu gargaaruu kan dandaʼu akkamitti?

13 Karaa biraan namoota gad of deebisnu taʼuun keenya itti qoramu yommuu murtoo goonutti dha. Phaawulos ergamaan utuu Qisaariyaa jiruu, Agaabos raajichi Phaawulos gara Yerusaalem yoo deeme akka hidhamu dubbatee ture. Tarii ajjeefamuu illee akka dandaʼu dubbateera. Obboloonni wanta isa irra gaʼuuf jiru waan sodaataniif akka hin deemne Phaawulosiin kadhachuu jalqaban. Phaawulos garuu gara Yerusaalem deemuuf murteesse. Gar malee ofitti hin amanamne ykn sodaadhaan hin raafamne. Gad of deebisee guutummaatti Yihowaatti amanamuudhaan wanta Yihowaan heyyame hunda fudhachuuf qophaaʼee ture. Obboloonni yommuu kana dhagaʼanitti, gad of deebisuudhaan murtoo Phaawulos gara Yerusaalem deemuuf godhe mormuu dhiisan.—HoE. 21:10-14.

14 Kana malees, gad of deebisuun yommuu wanta tokko guutummaatti hin beeknetti ykn haalawwan toʼachuu hin dandeenyetti illee murtoo gaarii gochuuf nu gargaara. Fakkeenyaaf, tajaajila yeroo guutuu tokko keessatti utuu hirmaachaa jirruu yoo dhukkubsanne maal taana? Warri keenya dullooman gargaarsi yoo isaan barbaachise hoo? Yommuu dulloomnu of gargaaruu kan dandeenyu akkamitti? Kadhannaa ykn qorannaa hangamii yoo goone illee gaaffiiwwan akkasiitiif deebii quubsaa argachuu hin dandeenyu. (Lal. 8:16, 17) Amanannaan Yihowaa irratti qabnu, humna keenya akka beeknu qofa utuu hin taʼin, amannee akka fudhannu nu gargaara. Qorannaa erga goonee, warra kaan erga mariisisnee fi qajeelfama argachuuf erga kadhannee booda, karaa hafuurri Waaqayyo nu geggeessu irra deemuu qabna. (Lallaba 11:4-6 dubbisi.) Haala kanaan murtoo yoo goone, Yihowaan murtoo keenya ni eebbisa ykn galma kan biraa akka baafannu nu gargaaruu dandaʼa.—Fak. 16:3, 9.

AMALA GAD OF DEEBISUU CAALAATTI GUDDIFACHUU

15. Waaʼee Yihowaa irratti xiinxaluun keenya gad of qabnee jiraachuuf kan nu gargaaru akkamitti?

15 Gad of deebisuun faayidaa hedduu akka qabu baranneerra; maarree amala kana caalaatti guddifachuu kan dandeenyu akkamitti? Mee karaa kana gochuu itti dandeenyu afur haa ilaallu. Tokkoffaa, amalawwan Yihowaa guguddaa taʼanii fi aangoo guddaa inni qabu irratti dinqisiifannaadhaan xiinxaluudhaan, amala gad of deebisuu guddifachuu fi Yihowaa akka sodaannu argisiisuu dandeenya. (Isa. 8:13) Kan deddeebiʼaa jirru nama ykn maleekaa tokkoo wajjin utuu hin taʼin, Waaqa Isa Hundumaa Dandaʼuu wajjin akka taʼe yaadachuu qabna. Kana hubachuun keenyas, ‘harka Waaqayyoo isa jabaa jalatti gad of qabuuf’ nu gargaara.—1 Phe. 5:6.

16. Jaalala Waaqayyoo irratti xiinxaluun gad of deebisnee jiraachuuf kan nu gargaaru akkamitti?

16 Lammaffaa, jaalala Yihowaa irratti xiinxaluun keenya amala gad of deebisuu caalaatti guddifachuuf nu gargaara. Phaawulos ergamaan, Yihowaan kutaalee qaama namootaa ulfina akka hin qabnetti yaadaman illee “ulfina guddaa” akka qabaatan gochuu isaa barreesseera. (1 Qor. 12:23, 24) Nutis humni keenya kan daangeffame taʼus, Yihowaan tokkoon tokkoon keenyaaf ni yaada. Namoota kaanii wajjin wal bira qabee nu hin ilaalu ykn waan dogoggora raawwanneef jaalala nutti argisiisuu irraa duubatti hin jedhu. Yihowaan waan nu jaallatuuf, maatii isaa keessatti bakka kamitti iyyuu kan tajaajillu yoo taʼe tasgabboofnee jiraanna.

17. Amala gaarii namoonni kaan qaban irratti xiyyeeffachuu barachuun faayidaa akkamii qaba?

17 Sadaffaa, fakkeenya Waaqa keenyaa hordofuudhaan amala gaarii namoonni kaan qaban irratti kan xiyyeeffannu yoo taʼe, dinqisiifannaan gaʼee tajaajila Yihowaa keessatti qabnu ni guddata. Yeroo hunda akka xiyyeeffannaan nuuf kennamu ykn wanta gochuu qaban warra kaanitti himuuf carraaquu mannaa, gad of deebisuudhaan gorsa warra kaanii gaafachuu fi yaada isaan kennan fudhachuuf fedhii qabaachuu qabna. (Fak. 13:10) Yommuu warri kaan mirga tajaajilaa argatan isaanii wajjin gammanna. Kana malees Yihowaan, ‘guutummaa waldaa obboloota keenya addunyaa keessatti argaman’ eebbisaa akka jiru yommuu hubannu isaaf galata galchina.—1 Phe. 5:9.

18. Qalbii keenya leenjisuudhaan namoota gad of deebisnu taʼuu kan dandeenyu akkamitti?

18 Arfaffaa, dhugaa buʼuuraa Kitaaba Qulqulluudhaan qalbii keenya yommuu leenjisnu caalaatti namoota gad of deebisnu taana. Gad of deebisuudhaan wantootaaf ilaalcha akka Yihowaa qabaachuu yoo baranne, murtoo gaarii gochuu dandeenya. Yeroo hunda qorachuudhaan, kadhachuudhaanii fi wanta baranne hojii irra oolchuudhaan, suutuma suuta qalbii keenya leenjisaa deemna. (1 Xim. 1:5) Warra kaaniif dursa kennuus ni baranna. Wanta nu irraa barbaadamu yoo goone, Yihowaan amala gad of deebisuu fi amalawwan gaggaarii kaan akka horannu nu gargaaruudhaan, ‘leenjiin keenya akka xumuramu’ gochuuf waadaa nuuf galeera.—1 Phe. 5:10.

19. Bara baraaf gad of deebisnee jiraachuuf maaltu nu gargaara?

19 Raajiin Yihudaatii dhufee fi maqaan isaa hin caqasamne sun akka ajjeefamuu fi Waaqayyo duratti fudhatama akka dhabu kan godhe gocha of gurguddisuu tokko dha. Taʼus qorumsa keessa utuma jiranii illee gad of deebisuun ni dandaʼama. Namoonni amanamoo bara duriitti jiraatan, akkasumas namoonni yeroo harʼaatti amala gad of deebisuu qaban, kun kan dandaʼamu taʼuu isaa mirkaneessaniiru. Yihowaa wajjin deddeebiʼuudhaan yeroo dheeraa dabarsuun keenya, caalaatti kan gad of deebisnu nu taasisa. (Fak. 8:13) Bakka kamitti iyyuu tajaajilaa kan jirru yoo taʼe, Yihowaa wajjin deddeebiʼuun qofti illee mirga dinqisiisaa gatiidhaan hin shallagamne dha. Mirga kana dinqisiifadhaa; bara baraaf gad of deebisuudhaan Yihowaa wajjin deddeebiʼuuf wanta isinii dandaʼame hunda gochuu keessan itti fufaa.