Fakkeenya 8:1-36

  • Qaamni ogummaatti fakkeeffame ni dubbate (1-36)

    • ‘Ani hojiiwwan Waaqaa keessaa isa jalqabaati’ (22)

    • “Ani hojjetaa dandeettii qabu taʼee isa maddiin ture” (30)

    • “Ilmaan namootaa nan jaalladhan ture” (31)

8  Ogummaan waamaa jirti mitii? Hubannaan sagalee ishii ol kaastee dhageessisaa jirti mitii?+   Iddoo ol kaʼaa+ daandii qarqaratti argamu,Daandii qaxxaamuraa irra ni dhaabbatti.   Karrawwan gara magaalaatti geessan cinaatti,Balbala karrawwanii biratti,Yeroo hunda akkana jettee sagalee ishii ol kaastee iyyiti:+   “Yaa namootaa, isin nan waama;Sagalee koo ol kaasee nama hunda* nan waama.   Isin warri muuxannoo hin qabne, abshaalummaa baradhaa;+Isin gowwoonni, garaa hubatu qabaadhaa.   Wantin dubbadhu barbaachisaa waan taʼeef dhaggeeffadhaa;Arrabni koo wanta sirrii dubbata;   Afaan koo suuta jedhee dhugaa dubbata,Arrabni koos wanta hamaa ni jibba.   Dubbiin afaan koo keessaa baʼu hundi qajeelaa dha. Tokkoon isaa illee micciiramaa yookiin jalʼaa miti.   Hundi isaa iyyuu warra hubannaa qabaniif qajeelaa dha,Warra beekumsa argataniifis sirrii dha. 10  Meetii mannaa adaba koo,Warqii baʼeessa mannaas beekumsa filadhaa,+ 11  Sababiin isaas, ogummaan elellaa* irra wayya,Wantoonni gatii guddaa qaban kaan hundis ishii wajjin wal hin gitan. 12  Ani ogummaan, abshaalummaa wajjin nan jiraadha;Beekumsaa fi dandeettii yaaduus argadheera.+ 13  Yihowaa sodaachuun, wanta hamaa jibbuu dha.+ Of tuulummaa, boonuu,+ daandii hamaa fi dubbii jalʼaa nan jibba.+ 14  Ani gorsa gaarii fi ogummaa qaba;+Hubannaanii+ fi humnis+ kan koo ti. 15  Mootonni anaan bulchu,Abbootiin taayitaa ol aanoonis anaan qajeelummaa labsu.+ 16  Bulchitoonni anaan bulchu,Guguddoonnis anaan murtii haqaa kennu. 17  Warra na jaallatan nan jaalladha,Warri na barbaaddatanis na argatu.+ 18  Soorumnii fi ulfinni,Qabeenyi bara dheeraa* fi qajeelummaan na bira jiru. 19  Firiin koo warqii irra, warqii qulqulleeffame irra illee ni caala,Wanti na irraa argamus meetii hundumaa caalaa baʼeessa taʼe irra wayya.+ 20  Ani daandii qajeelummaa irraDaandiiwwan haqaa gidduu nan deema; 21  Warra na jaallataniif dhaala hedduu nan kenna,Gootaraawwan isaaniis nan guuta. 22  Yihowaan jalqaba daandii isaa,+Hojiiwwan isaa warra bara durii keessaas isa jalqabaa godhee na uume.+ 23  Ani bara duriitii,* jalqaba irraa kaasee,+Lafti uumamuu ishii bara dheeraa dura+ nan muudame. 24  Yeroo bishaanonni gad fagoon hin turretti,+Burqaawwanis bishaan burqisiisuu isaanii duran dhaladhe.* 25  Gaaronni hundeeffamuu isaanii dura,Tabbawwan duran dhaladhe, 26  Inni lafaa fi dirreewwan ishiiYookiin bungulloo* biyyoo lafaa isa jalqabaa tolchuu isaa duran dhaladhe. 27  Yeroo inni samii qopheessetti+ ani achin ture;Yeroo inni bishaanotaa fi samii gidduu daangaa* kaaʼetti,+ 28  Yeroo duumessoota ol gubbaa jiran hundeessetti,*Yeroo bishaanonni gad fagoon akka guutan godhetti, 29  Bishaanonni galaanaa ajaja isaa irra akka hin darbineef+Yeroo galaanichaaf labsii baasetti,Yeroo buʼuura lafaa kaaʼetti,* 30  Yeroo sanatti, ani hojjetaa dandeettii qabu taʼee isa maddiin ture.+ Inni guyyaa guyyaadhaan haala adda taʼeen natti gammada ture;+Anis yeroo hunda isa duratti nan gammadan ture;+ 31  Lafa isaa ishii jireenyaaf mijooftuu taatetti nan gammadan ture,Keessumaa immoo ilmaan namootaa nan jaalladhan ture. 32  Ammas yaa ilmaan koo, na dhagaʼaa;Eeyyee, warri daandiiwwan koo eegan gammadoo dha. 33  Gorsa dhagaʼi,+ ogeessas taʼi,Matumaas isa hin tuffatin. 34  Namni guyyaa guyyaatti ganamaan gara balbala koo dhufee,*Maqaanii koo biratti na eeguudhaanNa dhagaʼu gammadaa dha; 35  Namni na argatu, jireenya argata,+Yihowaa birattis fudhatama argata. 36  Namni na tuffatu garuu of* miidha,Warri na jibbanis duʼa jaallatu.”+

Miiljaleewwan

Kal., “ilmaan namootaa.”
Ykn., “dhaalaan argamuu.”
Ykn., “bara hin yaadatamne irraa.”
Ykn., “ciniinsuudhaan dhaladhe.”
Biyyoo walitti qabatee goge.
Kal., “geengoo.”
Kal., “cimaa godhetti.”
Ykn., “labsetti.”
Ykn., “balbala koo duratti dammaqee.”
Ykn., “lubbuu isaa.”