Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

SEENAA JIREENYAA

“Akaakuu Namootaa Hundaaf Waan Hundumaa” Taʼuu

“Akaakuu Namootaa Hundaaf Waan Hundumaa” Taʼuu

“Yoo cuuphamte si gateen deema!” Kun jechoota bara 1941⁠tti abbaan koo haadha koo doorsisuuf itti fayyadame ture. Inni ishii doorsisus, ishiin garuu guddina argisiisuu fi Yihowaadhaaf of murteessitee cuuphamuuf kutattee turte. Kanaaf abbaan koo akkuma jedhe ishii dhiisee deeme. Yeroo sanatti ani umuriin koo waggaa saddeet qofa ture.

FEDHIIN dhugaa Kitaaba Qulqulluu beekuuf qabu haalli kun uumamuu isaa dura iyyuu guddatee ture. Haati koo barreeffamoota Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼan kan fiddu siʼa taʼu, qabiyyeen isaanii, keessumaa immoo fakkiiwwan barreeffamoota kanaa na hawwachuu jalqaban. Abbaan koo haati koo wanta barachaa jirtu akka natti himtu hin barbaadu ture. Ani garuu waaʼee kanaa beekuu waanan hawwuuf, gaaffiiwwan nan gaafadhan ture; kanaafuu, yommuu abbaan koo mana hin jirretti ishiin na qoʼachiisti turte. Kanaan kan kaʼes, anis Yihowaadhaaf of murteessuufan kutadhe. Bara 1943⁠tti umuriin koo waggaa kudhan yeroo taʼu, Blaakpuul Ingiliiziittan cuuphame.

YIHOWAA TAJAAJILUUN JALQABE

Yeroo sanaa jalqabee, anii fi haati koo yeroo hunda waliin tajaajila baana ture. Ergaa Kitaaba Qulqulluu namootatti himuuf fonoogiraafiitti fayyadamna turre. Meeshaan kun guddaa fi gara kiilogiraama 4.5 kan ulfaatu ture. Umurii koo kanatti meeshaa kana yommuun baadhee deemu mee isinitti haa mulʼatu!

Umuriin koo waggaa 14 yeroo taʼutti, qajeelchaa taʼuun barbaade. Haati koos waaʼee kanaa jalqaba obboleessa tajaajilaa taʼe (isa yeroo ammaatti ilaaltuu ol aanaa aanaa jedhamu) haasofsiisuu akkan qabu natti himte. Innis of gargaaraa qajeelchaa taʼee tajaajiluu akkan dandaʼuuf, ogummaa taʼe tokko akkan baradhu yaada naa dhiheesse. Anis akkuma inni jedhen godhe. Waggaa lamaaf hojii ergan hojjedhee booda, qajeelchaa taʼuu ilaalchisee ilaaltuu ol aanaa aanaa kan biraan gorsa gaafadhe. Innis, “Gaarii dha, itti seeni!” naan jedhe.

Akka kanaan Ebla 1949, anii fi haati koo miʼawwan mukaa mana kireeffanne keessa jiran muraasa namootaaf kenninee, kaan immoo gurgurree Miidiltan ishii Maanchestaritti dhihoo jirtutti galle; achittis qajeelchitoota taanee tajaajiluu jalqabne. Jiʼa afur booda, obboleessa qajeelchaa taʼee naa wajjin tajaajilu tokkon argadhe. Waajjirri damees gara gumii Iirlaam jedhamuu fi haaraa hundeeffame tokko dhaqnee akka tajaajillu yaada nuu dhiheesse. Haati koos obboleettii gumii kan biraatti argamtu tokkoo wajjin qajeelchituu taatee tajaajiluu ishii itti fufte.

Yeroo sanatti umuriin koo waggaa 17 qofa ture; taʼus gumii haaraa sana keessa obboloonni gaʼumsa qaban muraasa qofa waan turaniif, anii fi hiriyaan koo walgaʼiiwwan akka geggeessinu itti gaafatamummaan nuu kennamee ture. Yeroo booda immoo, ani gara Gumii Bakistan jedhamutti akkan jijjiiramu afeerraan naaf dhihaate; gumiin kun babalʼistoota baayʼee muraasa qofa kan qabu siʼa taʼu, gargaarsis isa barbaachisa ture. Muuxannoon ani yeroo sanatti argadhe, itti gaafatamummaa sana booda naaf kennameef akka na leenjisan natti dhagaʼama.

Bara 1953⁠tti Niiwu Yoorki, Roochastaritti namoota kaanii wajjin haasaa sabaa beeksisuu

Bara 1951⁠tti, Mana Barumsaa Kitaaba Qulqulluu Giilʼaad galee leenjiʼuuf foormiin guute. Haa taʼu malee, Muddee 1952⁠tti loltuu taʼee tajaajiluuf akkan galmeeffamu nan waamame. Tajaajilaa yeroo guutuu taʼuu kootiin kan kaʼe, kana irraa walaba akka na godhanan gaafadhe; manni murtii sun garuu tajaajilaa taʼuu koo akka hin beekne ibsuudhaan, hidhaa jiʼa jaʼaa natti murteesse. Utuman mana hidhaa keessa jiruu, xalayaan Mana Barumsaa Giilʼaad kutaa 22⁠ffaaf afeeramuu koo ibsu na gaʼe. Kanaaf, Adoolessa 1953 doonii Joorjiik jedhamtu yaabbadheen gara Niiw Yoorkitti qajeele.

Yommuun achi gaʼus, Walgaʼii Aanaa Saba Addunyaa Haaraa bara 1953⁠tti godhame irrattin argame. Achiis baaburaan iddoo manni barumsichaa itti argamutti, jechuunis gara Niiwu Yoorki, Saawuz Laansiingi nan deeme. Reefuu mana hidhaatii baʼuu koo waan tureef, qarshii xinnoo qofan qaba ture. Yommuun baaburicha irraa buʼu, otoobisii gara Saawuz Laansiingitti deddeebiʼu tokkoon yaabbadhe; achiis tikkeettii kutuuf nama tokko irraa saantima 25an liqeeffadhe.

BIYYA ALAATTI TAJAAJILUU

Manni Barumsaa Giilʼaad hojii misiyoonummaa keenya irratti leenjii gaarii, “akaakuu namootaa hundaaf waan hundumaa” taʼuuf nu gargaaru nuu kenneera. (1 Qor. 9:22) Sadan keenya, jechuunis Pool Biruun, Reemandi Liichii fi ani Filippiinsitti ramadamne. Viizaa keenya argachuuf jiʼoota hedduudhaaf eeguun nu barbaachiseera; achiis dooniidhaan Rootardaam, Galaana Meeditraaniyaa, Boʼoo Suwiiz, Garba Hindii, Maaleezyiyaa fi Hoongi Koongi keessa qaxxaamurree walumaa galatti guyyaa 47f galaana irra imalle! Dhuma irrattis Sadaasa 19, 1954⁠tti Maaniilaa geenye.

Anii fi hiriyaan koo Reemandi Liichi inni misiyoonii taʼe dooniidhaan guyyaa 47 imallee Filippiinsiin geenye

Achiis saba haaraa, biyya haaraa fi afaan haaraa wajjin wal baruuf sirreeffama gochuu jalqabne. Haa taʼu malee, sadan keenya iyyuu jalqaba irratti gumii Keesoon Siitii jedhamuu fi jiraattonni naannoo sanaa hedduun Ingiliffa itti dubbatan tokkotti ramadamne. Kanaan kan kaʼes, jiʼa jaʼa booda illee kan baranne jechoota Taagaaloog muraasa qofa ture. Bakki ramaddii keenyaa inni itti aanu rakkina kana furuuf nu gargaareera.

Caamsaa 1955 gaaf tokko tajaajila oollee mana keenyatti yommuu deebinu, anii fi obboleessi keenya Liichi kutaa keenya keessatti xalayaawwan arganne. Achiis ilaaltota ol aanaa aanaa taanee ramadamuu keenya barre. Yeroo kanatti umuriin koo waggaa 22 qofa kan ture taʼus, hojiin kun karaawwan haaraa taʼaniin, “akaakuu namootaa hundaaf waan hundumaa” akkan taʼu carraa naaf baneera.

Walgaʼii aanaa afaan Biikooliin godhamu irratti haasaa sabaa yommuun kennu

Fakkeenyaaf, ilaaltuu ol aanaa aanaa taʼee haasaa koo isa jalqabaa kanan kenne, suuqii ganda keessa jiru tokko duratti ala dhaabadheen ture. Utuma baayʼee hin turinis, Filippiinsi keessatti alatti haasaa sabaa kennuun yeroo sanatti baramaa taʼuu isaan hubadhe! Gumiiwwan aanaa sana keessatti argaman adda addaa yommuun daawwadhu, manneetii keenyan hin qabne keessatti, iddoowwan gabaatti, galma mana qopheessaa duratti, dirree kubbaa kaachootti, bakka bashannanaattii fi yeroo baayʼee immoo qarqara daandii magaalaa irratti haasaa kenneera. Yeroo tokko Saan Paabloo Siitii keessatti gabaa keessatti utuun haasaa dhiheessuu, bokkaa yandoon waan na rakkiseef, haasichi Galma Mootummaa keessatti akka kennamu obboloota itti gaafatamummaa qabaniif yaadan dhiheesse. Sana booda, bakki walgaʼiin kun itti godhame alatti waan hin turreef, walgaʼiin kun dhuguma haasaa sabaa jedhamee gabaasamuu akka dandaʼuu fi hin dandeenye na gaafatan!

Yeroo hunda mana obbolootaa boqonna turre. Manni isaanii xixinnoo taʼus, yeroo hunda qulqullinaan qabu turan. Yeroo baayʼee afata lafa saanqaa taʼe irra naaf afamu irran ciisa ture. Bakki itti dhiqatamu keenyan waan hin qabneef, akkuman uffata koo uffadhetti dhiqachuu baradheera. Konkolaataa jiipnii jedhamuu fi atoobisiidhaan deemeera; yeroo tokko tokko immoo gara odoolawwan kan biraa deemuuf bidiruuttan fayyadama ture. Waggoottan tajaajila irra ture hundatti matumaa konkolaataa qabaadhee hin beeku.

Tajaajila dirree irratti hirmaachuu fi gumiiwwan daawwachuun koo afaan Taagaaloog akkan baradhu na gargaareera. Mana barumsaa galee afaanicha kan hin baranne taʼus, obboloonni tajaajila dirree irrattii fi walgaʼiiwwan irratti yeroo dubbatan dhagaʼuudhaan afaanicha barachuu dandaʼeera. Obboloonni afaanicha akkan baradhu na gargaaruuf fedhii qabu turan; anis obsa isaanii fi yaadawwan iftoominaan naaf kennan nan dinqisiifadha.

Yeroon darbaa ennaa deemu, hojiiwwan haaraan naaf kennaman sirreeffama dabalataa akkan godhu na kakaasaniiru. Bara 1956⁠tti obboleessi keenya Naataan Noor yommuu nu daawwatu, walgaʼii biyyaalessaa irratti kutaa qunnamtii uummataa keessatti akkan tajaajilu ramadameen ture. Gama kanaan muuxannoo waanan hin qabneef, warri kaan fedhiidhaan kakaʼanii na barsiisaniiru. Utuma waggaa hin guutin, walgaʼiin biyyaalessaa kan biraan kan godhame siʼa taʼu, obboleessi keenya Fireediriik Firaanzis waajjira muummee irraa dhufee nu daawwateera. Ilaaltuu ol aanaa walgaʼiiwwan guguddaa taʼee tajaajilaa kanan ture siʼa taʼu, akka namootaaf taʼutti sirreeffama gochuuf fedhii qabaachuu ilaalchisee obboleessa keenya Firaanzi irraa barumsa argadheera. Obboloonni biyya sanaa obboleessi keenya Firaanzi yeroo haasaa sabaa dhiheessu uffata aadaa namoota Filippiinsi isa baaroongi Taagaaloog jedhamu uffatee arguun isaanii isaan gammachiisee ture.

Ilaaltuu ol aanaa koonyaa taʼee akkan tajaajiluuf yeroon ramadametti immoo, sirreeffama dabalataa gochuun na barbaachisee ture. Yeroo sanatti, fiilmii The Happiness of the New World Society jedhamu bakka namoonni hedduun walitti qabamanitti argisiisneerra. Yeroo tokko tokko ilbiisonni nu rakkisu turan. Ifa piroojektarii keessaa baʼu barbaadanii waan dhufaniif piroojektarichatti maxxananii hafu turan. Sana booda piroojektaricha qulqulleessuun hojii guddaa ture! Fiilmii sana argisiisuuf qophii gochuun salphaa taʼuu baatus, namoonni dhufanii waaʼee jaarmiyaa Yihowaa isa biyyoolessaa yommuu baratan arguun baayʼee nama gammachiisa.

Qeesonni Kaatolikii walgaʼiiwwan guguddaa godhachuuf heyyama akka hin arganne gochuuf abbootii taayitaa naannoo sanaa irratti dhiibbaa godhu turan. Kana malees, haasaawwan sun naannoo bataskaana isaaniitti yeroo kennamu hundatti, bilbila bataskaanaa bilbiluudhaan haasichi akka hin dhagaʼame gochuuf yaalu turan. Taʼus hojichi guddatee, namoonni naannoo sana jiran hedduun isaanii amma Yihowaa kan waaqeffatan taʼaniiru.

ITTI GAAFATAMUMMAA SIRREEFFAMA DABALATAA GAAFATU

Bara 1959⁠tti, xalayaa waajjira damee keessa tajaajiluuf ramadamuu koo ibsu tokkotu na gaʼe. Kunis muuxannoo dabalataa hedduu naaf argamsiiseera. Yeroo booda immoo, bakka buʼaa waajjira muummee taʼee biyyoota gara garaa akkan daawwadhun gaafatame. Daawwannaawwan kana keessaa isa tokko irratti Jaaneet Dumoodi ishii misiyoonii taatee Taayilaandi keessa tajaajilaa turtee wajjin wal baruuf carraan argadhe. Yeroo muraasaaf xalayaa erga waliif barreessaa turree booda gaaʼela godhanne. Jaaneetii wajjin waggaa 51f gammachuudhaan Yihowaa tajaajiluu dandeenyeerra.

Anii fi Jaaneet odoolawwan hedduu Filippiinsi keessa jiran keessaa isa tokkotti

Dimshaashumatti, saba Yihowaa biyyoota 33 keessa jiran daawwachuuf mirga argadheera. Itti gaafatamummaa hedduun kanaan dura fudhadhe, haala rakkisaa yommuu namoota biyya adda addaa keessa jiran daawwadhu na mudatu hundaaf waan na qopheesseef guddaan galateeffadha! Daawwannaawwan kun ilaalcha koo akkan balʼifadhu gochuu isaanii irra iyyuu, Yihowaan namoota saba hundumaa keessaa dhufan hunda akka jaallatuu fi akka simatu hubachuuf na gargaaraniiru.—HoE. 10:34, 35.

Yeroo hunda tajaajila irratti ni hirmaanna

SIRREEFFAMA GOCHUU KEENYA ITTI FUFNEERRA

Obboloota keenya Filippiinsi keessa jiranii wajjin tajaajiluun gammachuu guddaa namaaf argamsiisa! Lakkoofsi babalʼistootaa yommuu ani achi tajaajiluu jalqabe irraa amma gara dachaa kudhanii dabaleera. Anii fi Jaaneet Filippiinsi keessa waajjira damee Keesoon Siitii jiru keessatti tajaajiluu keenya itti fufneerra. Biyya alaatti tajaajiluu ergan jalqabee amma waggaa 60 ol taʼus, wanta Yihowaan ana irraa barbaadu raawwachuuf, amma iyyuu sirreeffama gochuuf of qopheessuun na barbaachisa. Jijjiirama dhiheenyatti jaarmiyicha keessatti godhameen kan kaʼe, tajaajila Yihowaa fi obboloota keenyaaf dhiheessinu irratti sirreeffama dabalataa gochuuf fedhii qabaachuun nu barbaachiseera.

Lakkoofsi Dhugaa Baatotaa dabalaa deemuun isaa nu gammachiisa

Wanta fedha Yihowaa akka taʼe nutti dhagaʼame kam iyyuu fudhachuuf carraaqqii gochaa turreerra; kun immoo jireenya gammachuu qabu jiraachuuf nu gargaareera. Kana malees, sirreeffama barbaachisu gochuu fi obboloota keenya akka gaariitti tajaajiluuf carraaqqii gooneerra. Eeyyee, hanga yeroo Yihowaan heyyametti, “akaakuu namootaa hundaaf waan hundumaa” taʼuu keenya itti fufuuf murteessineerra.

Amma iyyuu waajjira damee Keesoon Siitii keessatti tajaajilaa jirra