Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Garraamummaa—Daandii Ogummaa

Garraamummaa—Daandii Ogummaa

Antooniyaa ishiin hojii kunuunsa kennuu hojjettu, bilbila balbalaa yommuu tuqxu, dubartiin umuriin ishii gara waggaa 50 taʼu tokko balbala ishiidhaaf bante. Dubartiin kun haadha ishii ishii maanguddoo taate kunuunsuuf Antooniyaan daftee waan hin dhufne waan ishiitti fakkaateef, ni arrabsteen; akkasumas ishiitti dheekkamte. Antooniyaan garuu hin barfanne. Haa taʼu malee, dubartiin kun dogoggoraan waan ishii hubatteef, tasgabbiidhaan dhiifama ishii gaafate.

YEROO itti aanuttis, dubartiin kun aariidhaan Antooniyaatti iyyite. Antooniyaan maal goote ree? Akkana jetteetti: “Haalli isaa baayʼee ulfaataa ture. Na arrabsuuf sababii hin qabdu.” Haa taʼu malee, Antooniyaan ammas dhiifama erga gaafattee booda, dhiphina ishii irra gaʼaa jiru akka hubattu dubartii kanatti himte.

Ati utuu Antooniyaa taate, maal goota turte? Amala garraamummaa argisiisuuf yaalii goota turtee? Moo aarii kee toʼachuun si rakkisa ture? Dhugaa isaa dubbachuuf haala akka olitti ibsamee keessatti tasgabbaaʼuun salphaa akka hin taane beekamaa dha. Yeroo dhiphannu ykn yeroo aarru garraamii taʼuun baayʼee ulfaataa dha.

Taʼus Kitaabni Qulqulluun, Kiristiyaanonni garraamota akka taʼan isaan jajjabeessa. Dubbiin Waaqayyoo amalli akkanaa ogummaa wajjin kan wal qabate akka taʼe ibsa. Yaaqoob, “Isin keessaa ogeessii fi hubataan eenyu?” jedhee gaafatee ture. Achiis, “Inni hojii isaa kan raawwatu garraamummaa isa ogummaa irraa maddeen taʼuu isaa amala isaa isa gaariidhaan haa argisiisu” jedheera. (Yaq. 3:13) Garraamummaan ogummaa isa olii qabaachuu akka taʼe kan argisiisu karaa kamiini? Amala Waaqayyoo kana horachuuf maaltu nu gargaaruu dandaʼa?

GARRAAMII TAʼUUN OGUMMAA QABAACHUU ARGISIISA

Garraamummaan nama tasgabbeessa. “Deebiin laafaan dheekkamsa in qabbaneessa; dubbiin jabaan garuu dheekkamsa in kaasa.”Fak. 15:1.

Aariidhaan deebii kennuun haalli gaarii hin taane tokko akka itti caalu waan godhuuf, ibidda irratti bobaʼaa naquu wajjin wal fakkaata. (Fak. 26:21) Faallaa kanaatiin immoo, garraamummaadhaan deebisuun yeroo baayʼee tasgabbiin akka jiraatu godha. Garraamummaan namni aare tokko ilaalcha isaa akka sirreessu gochuu illee ni dandaʼa.

Antooniyaan kun dhugaa taʼuu isaa argiteetti. Dubartiin olitti ibsamte kun Antooniyaan garraamummaadhaan deebii kennuu ishii waan hubatteef ni boosse. Achiis kana kan goote rakkina dhuunfaa fi maatiitiin waan dhiphatteef akka taʼe itti himte. Antooniyaan amala tasgabbii fi nagaa qabu argisiisuu ishiitiin kan kaʼe, dubartii kanaaf kan dhugaa baate siʼa taʼu, qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu ishii jalqabsiiste.

Garraamummaan gammachuu nuuf argamsiisa. “Warri garraamiin gammadoo dha; isaan lafa ni dhaalu.”Mat. 5:5.

Namoonni garraamii taʼan kan gammadan maaliif? Namoonni duraan gar malee aaran hedduun garraamummaa waan uffataniif amma gammachuu qabaachuu dandaʼaniiru. Jireenyi isaanii fooyyaʼeera, gara fuulduraattis yeroo gaariin akka isaan eeggatu beeku. (Qol. 3:12) Adoolfoo inni Ispeen keessatti daawwata ol aanaa aanaa taʼee tajaajilu, utuu dhugaa hin dhagaʼin dura jireenyi isaa kan akkamii akka ture dubbateera.

Adoolfoon akkana jedheera: “Jireenyi koo kaayyoo hin qabu ture. Yeroo hunda aarii koo toʼachuu hin dandaʼun ture; kanaafuu hiriyoonni koo tokko tokko illee tuffii fi aariidhaan deebii akkan kennu waan beekaniif ni sodaatu turan. Dhuma irratti yeroon itti jijjiiramu ni gaʼe. Lola tokko irratti siʼa jaʼa kanan waraaname siʼa taʼu, hamma ani duʼuu jala gaʼutti dhiigni koo gar malee yaaʼe.”

Haa taʼu malee, yeroo ammaatti Adoolfoon dubbiidhaanis taʼe fakkeenya taʼuudhaan, warri kaan garraamota akka taʼan barsiisaa jira. Namoonni hedduun miira hoʼaa fi amala gaarii qabaachuu isaatiin kan kaʼe isatti dhihaatu. Adoolfoon jijjiirama gochuu dandaʼuu isaatti akka gammadu dubbateera. Kana malees, Yihowaan amala garraamummaa akka horatu waan isa gargaareef ni galateeffata.

Namni garraamiin Yihowaa ni gammachiisa. “Yaa ilma ko, nama ana arrabsuuf deebii kennuu akkan dandaʼutti, ati ogeessa ta’i, garaa na ciibsi!”Fak. 27:11.

Yihowaan, diina isaa isa guddaa Diyaabilosiin arrabsamaa jira jechuun ni dandaʼama. Waaqayyo arrabsoo taʼe jedhamee godhamu akkasiitti aaruuf sababii quubsaa qaba; taʼus Kitaabni Qulqulluun Yihowaan “aariitti suuta-jedhaa” akka taʼe ibsa. (Bau. 34:6) Amala Waaqayyo aariitti suuta jechuu fi garraamummaa hordofuuf yommuu carraaqnu, daandii ogummaa isa Yihowaan guddaa itti gammadu hordofaa jirra jechuu dha.—Efe. 5:1.

Addunyaan yeroo ammaa jiru hamminaan kan guutame dha. Tarii namoota ‘of jajan, of tuulan, nama arrabsan, maqaa balleessan, of hin toʼannee fi gara jabeeyyii’ taʼanii wajjin wal argina taʼa. (2 Xim. 3:2, 3) Taʼus haalli kun Kiristiyaanni tokko amala garraamummaa akka hin horanne isa dhowwuu hin qabu. Dubbiin Waaqayyoo, “Ogummaan inni ol gubbaadhaa dhufu . . . naga qabeessa, tole kan jedhu” taʼuu isaa nu yaadachiisa. (Yaq. 3:17) Naga qabeeyyii fi tole kan jennu taʼuudhaan, ogummaa Waaqayyo biraa dhufu akka qabnu argisiisuu dandeenya. Ogummaan akkasii yommuu aarrutti garraamummaadhaan deebii kennuuf nu kakaasa; akkasumas Yihowaa isa Madda ogummaa dhuma hin qabnee taʼetti caalaatti akka dhihaannu nu taasisa.