Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Hiriyaa Gaaʼelaakee Kabaji

Hiriyaa Gaaʼelaakee Kabaji

Maatii Gammachuu Qabu

Hiriyaa Gaaʼelaakee Kabaji

Wiil * akkas jedha: “Reechal yommuu aartu, yeroo dheeraadhaaf boossi. Mariʼachuuf yoo gad teenye, daftee aarti ykn naan ooddi. Haallisaa humnaa ol natti taʼeera. Abdii kutachaa akkan jiru natti dhagaʼama.”

Reechal akkas jetti: “Yommuu Wiil mana gaʼu ani booʼaan ture. Wanta na aarse isaaf ibsuuf yaalii godheen ture; inni garuu dubbiikoollee na hin ficcisiisne. Dhimmichi salphaa akka taʼeefi tuffadhee dhiisuu akkan qabu natti hime. Kunimmoo caalaatti na aarse.”

YEROO tokko tokko akka Wiil ykn akka Reechal sitti dhagaʼamaa? Lamaansaaniiyyuu mariʼachuu kan barbaadan taʼus, yeroo baayʼee abdii kutatu turan. Kun kan taʼu maaliifi?

Akkaataan dhiironniifi dubartoonni yaadasaanii itti ibsaniifi fedhiinsaanii addaddadha. Dubartoonni karaa ifa taʼeefi yeroo hunda miirasaanii ibsuu barbaadu. Dhiironni hedduunimmoo, rakkina tokko dafanii hiikuudhaan akkasumas rakkoo uumame tokko kaasanii irratti mariʼachuurraa fagaachuudhaan nagaasaanii eeguuf yaalii godhu. Maarree, garaagarummaa qabdan kana hirʼisuufi haadha manaakee wajjin mariʼachuu kan dandeessu akkamitti? * Hiriyaa gaaʼelaakee kabajuudhaani.

Namni nama kabaju, warra kaaniif bakka guddaa kenna; akkasumas miirasaanii hubachuuf yaalii godha. Tarii ijoollummaa keetii jalqabdee, namoota si caalaa aangoo ykn muuxannoo qaban kabajuu barteetta taʼa. Gaaʼela keessatti garuu nama sii wajjin qixxee taʼe, jechuunis hiriyaa gaaʼelaakee kabajuutu si rakkisa. Dubartiin Liindaa jedhamtuufi erga gaaʼela godhattee waggaa saddeet taʼe tokko, “Abbaan manaakoo Fiil, namoota kaan obsaafi gaarummaadhaan akka dhaggeeffatu nan beeka; anaafis miirakoo akka naa hubatun barbaada” jetteetti. Hiriyootakeefi namoota hin beeknellee obsaan dhaggeeffatta ykn kabajaan haasofsiista taʼa. Hiriyaa gaaʼelaa keetiifoo akkas ni gootaa?

Wal kabajuu dhiisuun, mana keessatti walitti buʼiinsi cimaan akka uumamu godha. Bulchaan ogeessi tokko, “Mana wanta nyaatamuun guutee waliin morkii qabu irra, lafa nagaan jirutti buddeena cabduu ishee wayya” jedheera. (Fakkeenya 17:1) Macaafni Qulqulluun, abbaan manaa haadha manaasaa ulfinaan akka qabu ajaja. (1 Phexros 3:7) “Haati manaas abbaa manaa isheetiif ulfina haa kennitu!” jedha.—Efesoon 5:33.

Maarree, kabajaan mariʼachuu kan dandeessan akkamitti? Gorsawwan gaggaarii Macaafa Qulqulluu keessatti argaman tokko tokko ilaali.

Yeroo Hiriyaan Gaaʼelaakee Waan Tokko Dubbachuu Barbaaddu

Haala Rakkisaa: Namoonni hedduun dhaggeeffachuu caalaa dubbachuu barbaadu. Atoo nama akkasiitii? Macaafni Qulqulluun, namni “dubbii utuu hin dhaggeeffatin deebii kennu” gowwaa akka taʼe ibsa. (Fakkeenya 18:13) Kanaaf, dubbachuukee dura dhaggeeffadhu. Maaliif? Dubartiin Kaara jedhamtuufi erga gaaʼela godhattee waggaa 26 taʼe, “Abbaan manaakoo battaluma sanatti rakkinakoo hiikuuf utuu hin yaalu taʼee natti tola. Wantan dubbadherratti walii galuu ykn kaʼumsa rakkinichaa beekuuf yaaluun isa hin barbaachisu. Akka na dhaggeeffatuufi miirakoo akka naa hubatu qofan barbaada” jetteetti.

Karaa garabiraammoo, hiriyoonni gaaʼelaa tokko tokko yaadasaanii ibsuuf duubatti jedhu; yommuu hiriyaan gaaʼelaasaanii yaadasaanii akka ibsan dhiibbaa irratti godhus dubbachuu hin barbaadan. Looriin isheen dhiheenyatti gaaʼela godhatte, abbaan manaashee yaadasaa ibsuuf yeroo dheeraa akka itti fudhatu hubatte. Kanaaf, “Obsa qabaachuufi hanga inni yaadasaa ibsutti eeguun qaba” jetteetti.

Furmaata: Atiifi hiriyaan gaaʼelaakee dhimma irratti walii hin galle tokkorratti mariʼachuun yommuu isin barbaachisu, dhimma sana yeroo lamaan keessan tasgabbooftaniifi yaaddoorraa walaba taatanitti kaasaa. Hiriyaan gaaʼelaakee dhimma kanarratti mariʼachuu hin barbaaddu yoo taʼehoo? ‘Akeekni garaa namaa akka bishaan gadi fagoo akka taʼeefi namni hubataa duwwaan akka isa keessaa waraabbatu’ hubadhu. (Fakkeenya 20:5) Boolla fagoo keessaa yommuu bishaan waraabdu, baaldicha saffisaan kan ol harkistu yoo taʼe bishaan baayʼee waraabuu hin dandeessu. Haaluma wal fakkaatuun, hiriyaan gaaʼelaakee yaadashee akka ibsitu dirqisiisuuf yoo yaalte, sirumaa yaadashee akka hin ibsine goota; akkasumas carraa yaadashee waraabuuf qabdu dhabuu dandeessa. Kanaaf, gaarummaafi kabajaan gaaffii gaafadhu; yeroo ati yaaddetti daftee deebii utuu sii hin kennin yoo hafte obsi.

Yommuu hiriyaan gaaʼelaakee dubbattu, “dhagaʼuutti ariifataa, dubbachuutti suuta jedhaa, dheekkamuuttis suuta jedhaa” taʼi. (Yaaqoob 1:19) Namni akka gaariitti dhaggeeffatu, gurraan qofa utuu hin taʼin garaasaatiinis ni dhaggeeffata. Yommuu hiriyaan gaaʼelaakee dubbattu, miirashee hubachuuf yaali. Akkaataa ishee itti dhaggeeffatturraa kaʼuudhaan, hammam akka ishee kabajju ykn akka ishee hin kabajne hubachuu dandeessi.

Yesus akkamitti dhaggeeffachuu akka qabnu nu barsiiseera. Fakkeenyaaf, yommuu namni dhukkubsate tokko gargaarsa isa gaafate, dafee furmaata hin kennineef. Jalqaba, wanta namichi isa kadhate dhaggeeffateera. Achiis wanti dhagaʼe sun miirasaa akka tuqu godhe. Dhumarrattis namicha fayyise. (Maarqos 1:40-42) Yommuu hiriyaan gaaʼelaakee dubbattu, fakkeenya kana hordofi. Hiriyaan gaaʼelaakee, daftee furmaata akka kennituuf utuu hin taʼin, garaadhaa akka yaadduuf beekuu barbaaddi. Kanaaf xiyyeeffannaadhaan dhaggeeffadhu. Miirrikee akka tuqamu godhi. Furmaata kennuu kan qabdu kana boodadha. Kana gochuudhaan, hiriyaa gaaʼelaakee akka kabajju argisiista.

AKKAS GOCHUUF YAALI: Yeroo itti aanutti yommuu hiriyaan gaaʼelaakee dubbattu, daftee deebii hin kennin. Hiriyaan gaaʼelaakee hanga dubbiishee xumurtutti, akkasumas wanta isheen dubbatte hanga hubattutti eegi. Sana booda, “Garaadhaa akkan si dhaggeeffadhe sitti dhagaʼameeraa?” jedhii ishee gaafadhu.

Yeroo Ati Waan Tokko Dubbachuu Barbaaddu

Haala Rakkisaa: Liindaan isheen olitti ibsamte akkas jetteetti: “Baacoowwan televijiiniidhaan dhihaatan tokko tokko, waaʼee hiriyaa gaaʼelaa ofii wanta gadhee dubbachuun, arrabsooniifi jecha cigootiin dubbachuun dogoggora akka hin qabne godhanii dhiheessu.” Namoonni tokko tokko kan guddatan, maatii karaa kabaja hin qabneen walitti dubbatu keessattidha. Kanaaf, yommuu gaaʼela godhatan, haalli kun maatiisaanii keessatti akka hin uumamne gochuun isaan rakkisa. Aayviin isheen Kaanaadaa jiraattu, “Naannoo jecha cigootiin walitti dubbachuun, walitti iyyuufi maqaa gadhee waliif baasuun baramaa taʼettan guddadhe” jetteetti.

Furmaata: Hiriyaa gaaʼelaakee ilaalchisee wanti warra kaanitti himtu, “dubbii gargaaru, yeroo barbaachisutti kan cimsu, warra dhagaʼuufis ayyaana kan kennu” haa taʼu. (Efesoon 4:29) Dubbii gaarii warri kaan hiriyaa gaaʼelaakeetiif ilaalcha gaarii akka qabaatan godhu dubbadhu.

Yommuu hiriyaa gaaʼelaakee wajjin qofa taatuttillee, jecha cigoofi karaa ishee salphisuun hin dubbatin. Israaʼel durii keessa kan turte Mikaal, abbaa manaashee Daawit Mootichatti aartee, jecha cigootiin kan itti dubbatte ennaa taʼu, “akka nama gatii hin qabnee” akka taʼe dubbatteetti. Jechishee kun Daawitiin kan aarse taʼuusaarrayyuu Yihowaas gaddisiiseera. (2 Saamuʼel 6:20-23) Kanarraa maal baranna? Yommuu hiriyaa gaaʼelaakee wajjin dubbattu, jecha itti fayyadamtu of eeggannoodhaan filadhu. (Qolosaayis 4:6) Fiil, inni erga gaaʼela godhatee waggaa saddeet taʼe, ammayyuu isaafi haadha manaasaa gidduutti walitti buʼiinsi akka uumamu dubbateera. Yeroo tokko tokko wanti inni dubbatu caalaatti akka walitti isaan buusu hubateera. Akkas jedheera: “Falmiin walitti dhufeenya hiriyoonni gaaʼelaa qaban mancaasa. Walitti dhufeenya cimsuun garuu caalaatti kan nama gammachiisuufi faayidaa kan qabudha.”

Bara duriitti maanguddoon haadha hiyyeessaa taate tokko, ‘bultii qabaachuudhaan mana itti uffee jedhan akka argatan’ haadhotii manaa ilmaanshee jajjabeessiteetti. (Ruut 1:9) Abbaan manaafi haati manaa yoo wal kabajan, mannisaanii ‘iddoo itti uffee jedhan’ isaanii taʼa.

AKKAS GOCHUUF YAALI: Yeroo ramadiitii yaadawwan mataduree xiqqaa kana jalatti kennamanirratti hiriyaa gaaʼelaakee wajjin mariʼadhu. “Namoota biratti waaʼeekee yommuun dubbadhu, akkan si kabajumoo akkan si salphisu sitti dhagaʼama? Gama kanaan sirreeffama akkamii gochuun dandaʼa?” jedhii hiriyaa gaaʼelaakee gaafadhu. Yommuu hiriyaan gaaʼelaakee miirashee ibsitu dhaggeeffadhu. Yaada sii kennitu hojiirra oolchuuf yaalii godhi.

Garaagarummaa Qabdan Amanii Fudhadhu

Haala Rakkisaa: Hiriyoonni gaaʼelaa haaraa taʼan tokko tokko, Macaafni Qulqulluun, abbaan manaafi haati manaa “foon tokko” akka taʼan dubbachuunsaa, filannaafi amallisaanii tokko taʼuu qaba jechuusaa isaanitti fakkaata. (Maatewos 19:5) Taʼus, utuu baayʼee hin turin yaanni kun hawwii qofa akka taʼe hubatu. Erga wal fuudhanii booda, yeroo baayʼee garaagarummaansaanii waldhabiinsa fida. Liindaan, “Garaagarummaan keenya inni guddaan, Fiil hammakoo kan hin yaaddofne taʼuusaati. Yeroo tokko tokko yommuu wanti na yaaddessu uumamu inni hin yaaddaʼu. Kanaaf, wanta na yaaddessuuf hammakoo hin dhiphatu jedhee waanan yaaduuf nan aara” jetteetti.

Furmaata: Garaagarummaa qabdan amanii fudhadhu; ilaalcha addaa hiriyaan gaaʼelaakee qabdu kabaji. Fakkeenyaan ibsuuf, hojiin ija keefi gurra keetii addadda taʼus, waan wal taʼanii hojjetaniif nagaadhaan daandii tokko qaxxaamuruu dandeessa. Adriineen isheen erga gaaʼela godhattee gara waggaa soddomaa taʼe akkas jetteetti: “Ilaalchi keenya Dubbii Waaqayyoo wajjin hamma wal hin faallessinetti, abbaan manaakoofi ani ilaalcha addaddaa akka qabnu amannee fudhanna. Nuyi hiriyoota gaaʼelaa malee lakkuu miti.”

Hiriyaan gaaʼelaakee yaannishee ykn gochishee kan keerraa adda yoo taʼe, fedhiikee qofarratti xiyyeeffachuu mannaa miirasheetiifis yaadi. (Filiphisiiyus 2:4) Abbaa manaa Adriinee kan taʼe Kaayil akkas jedheera: “Ilaalcha haati manaakoo qabdu, yeroo hundan hubadha ykn irratti walii gala jechuu miti. Haataʼu malee, yeroo hunda ilaalchakoo caalaa akkan ishee jaalladhu ofin yaadachiisa. Yeroo isheen gammaddu anis nan gammada.”

AKKAS GOCHUUF YAALI: Haalawwan ilaalchi hiriyaa gaaʼelaakee ykn akkaataan isheen wanta tokkoof furmaata itti laattu kan keerra akka caalu argisiisan galmeessii qabadhu.—Filiphisiiyus 2:3.

Wal kabajuun wantoota gurguddaa gaaʼelli gammachuu akka qabaatuufi yeroo dheeraadhaaf akka turu godhan keessaa isa tokkodha. Liindaan, “Wal kabajuun, gaaʼela keessatti gammachuufi tasgabbiin akka jiraatu godha. Amala kana guddifachuun keenya barbaachisaa akka taʼe hin shakkisiisu” jetteetti.

[Miiljalee]

^ key. 3 Maqaawwan jijjiiramaniiru.

^ key. 6 Yaanni mataduree kanarra jiru haadhotii manaatiifis ni hojjeta.

AKKAS JEDHII OF GAAFADHU . . .

▪ Ilaalchi addaa hiriyaan gaaʼelaakoo qabdu maatii keenya kan fayyade akkamitti

▪ Seera buʼuuraa Macaafa Qulqulluu wajjin hamma wal hin faallessinetti, filannaa hiriyaa gaaʼelaakoo fudhachuunkoo baʼeessa kan taʼe maaliifi?