Fakkeenya 18:1-24

  • Adda of baasuun ofittummaa dha, ogummaa dhabuu dhas (1)

  • Maqaan Yihowaa masaraa cimaa dha (10)

  • Qabeenyi dallaa eegumsaa yaadaan uumamu qofa dha (11)

  • Yaada gara lamaaniin jiru dhagaʼuun ogummaa dha (17)

  • Michuu obboleessa caalaa namatti maxxanu (24)

18  Namni warra kaan irraa adda of baasu kam iyyuu fedhii ofittummaa isaa hordofa;Ogummaa hundumaas ni tuffata.   Namni gowwaan hubannaatti hin gammadu;Kanaa mannaa wanta garaa isaa keessa jiru baasa.+   Namni hamaan yeroo dhufu, tuffiinis ni dhufa,Salphinaa wajjinis qaaniin jira.+   Dubbiin afaan namaa bishaan gad fagoo dha.+ Burqaan ogummaas laga yaaʼu dha.   Nama hamaadhaaf looguun+Yookiin nama qajeelaa haqa dhowwachuun gaarii miti.+   Dubbiin nama gowwaa lolatti geessa,+Afaan isaas rukuttaa namatti fida.+   Afaan nama gowwaa badiisa isatti fida,+Arrabni isaas lubbuu isaatti kiyyoo taʼa.   Dubbiin nama maqaa namaa balleessuu akkuma nyaata miʼaawuu ti;*+Kallattiidhaan gara garaatti gad buʼa.+   Namni hojii isaatti dhibaaʼaa taʼe kam iyyuuObboleessa nama badiisa fiduu ti.+ 10  Maqaan Yihowaa masaraa cimaa dha.+ Namni qajeelaan achitti fiigee eegumsa argata.*+ 11  Qabeenyi sooressaa isaaf magaalaa dallaa dhagaa qabdu dha;Akka dallaa eegumsaa godhees isa ni yaada.+ 12  Kufaatii dura garaan namaa of tuula,+Ulfina argachuu duras gad of qabuun jira.+ 13  Namni kam iyyuu odeeffannoo jiru dhagaʼuu isaa dura dhimma tokkoof deebii yoo kenne,Gowwummaa fi salphina isatti taʼa.+ 14  Namni tokko yeroo dhukkubsatutti hafuurri isaa isa gargaaruu dandaʼa,+Hafuura caccabe* garuu eenyutu baachuu dandaʼa?+ 15  Garaan nama hubannaa qabuu beekumsa argata,+Gurri ogeessaas beekumsa argachuuf carraaqqii godha. 16  Kennaan nama kennu sanaaf karaa ni bana;+Namoota guguddaa duratti dhihaachuufis carraa isaaf bana. 17  Hamma namni inni kan biraan dhufee cimsee isa qorutti,Namni jalqaba irratti dhimma isaa dhiheeffatu sirrii fakkaata.+ 18  Carraa buusuun falmiin akka xumuramu godha,+Namoota cimsanii wal morkatan gidduuttis murtii kenna.* 19  Obboleessi aare magaalaa dallaa dhagaa qabdu caalaa cimaa dha,+Falmiin akka danqaraa magaalaa dallaa dhagaa qabduu taʼes jira.+ 20  Namni tokko firii dubbii* isaa irraa garaa isaa ni guuta;+Buʼaa afaan isaatiinis ni quufa. 21  Duutii fi jireenyi humna arrabaa keessa jiru;+Namoonni itti fayyadamuu jaallatanis firii isaa ni nyaatu.+ 22  Namni haadha manaa gaarii argatu wanta gaarii argata,+Yihowaa birattis fudhatama* argata.+ 23  Hiyyeessi kadhachaa dubbata,Sooressi garuu karaa sirrii hin taaneen deebii kenna. 24  Hiriyoonni wal balleessuuf qophaaʼan jiru,+Garuu michuun obboleessa caalaa namatti maxxanu jira.+

Miiljaleewwan

Ykn., “akkuma wanta sassataan liqimfamuu ti.”
Kal., “ol ni qabama,” jechuunis, bakka bira hin gaʼamnee fi amansiisaa taʼe.
Ykn., “Guutummaatti abdii kutachuu.”
Kal., “gargar ni baasa.”
Kal., “afaan.”
Ykn., “gaarummaa.”